Barattooti Oromoo Yuniverstii Diillaa fi Walqixxee Diddaa Itti Fuun Waraanni Wayyaanee Gaazaa fi Ulee Sibiilaan Walqixxeetti Dhimma Bahaa Jira.

Mudde 7,2015 Gabaasa Qeerroo

Barattooti Oromoo Yunivarsitii Dillaa guyyaa har’aa FDG itti fufanii jiru.Barnooti guutummaatti dhaabbatee jira. Kana malees Yuunibarsiitii Walqixxees sagalee isaanii dhageessisuun mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo daguugaa jiru balaaleffatan. Qeerroon Yuunibarsiitichaa har’a ganama obboroo walga’uun gaaffii aabbaa biyyummaa erga bulchiinsa mooraa Yuunibarsiitii Walqixxeef dhiyeessaniin booda,humni tikaa itti bobbaafamuun barattoota Oromoo gaasii summii,uleedhaanis kan caccabsan ta’us,biyya abbaa keenyaa kabachiisuuf wanti dugduuba nu deebisu hinjiru jedhaniiru Humni tika qabeenya barattootaa saamaa kaan mana hidhaatti guuraa kan jiru yeroo ta’u, Barattoonni barnoota dhaabanii jru.

1 thought on “Barattooti Oromoo Yuniverstii Diillaa fi Walqixxee Diddaa Itti Fuun Waraanni Wayyaanee Gaazaa fi Ulee Sibiilaan Walqixxeetti Dhimma Bahaa Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

Leave a comment