Sadaasa 30,2015 Gabaasa Qeerroo Jaarsoo
Wallagga Aanaa Jaarsoo baadiyyaalee adda addaa fi gandoota baadiyyaa Haro Birruu jedhamu keessatti uummanni gamtaan ka’ee diddaa guddaa deemsisaa jira.
FDG aanaa kana keessatti ta’een wal qabatee barattooti Oromoo sadii rasaasa Wayyaaneen rukutamanii buufata fayyaa aanaa Jaaroo keessatti waldhaanamaa jiru haala Kanaan barattootaa fi qonnaan bulaa akkasumas jiraattota aanicha keessaa manneen hidhaatti guuraman hedduu waan ta’aniif ammatti guutuutti adda baafachuun nama dhiba.
Haala walii galaan aanaan Jaarsoo qabsoo farra gabrummaa olaanaa keessa galanii jiru,waraanni Wayyaanee humnaa ol ta’uu irraan humna dabalataa Gimbii irraa yaammatee naannichi dirree lolaa fakkaachuun waraana Wayyaaneef buufata ta’aa jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist
Pingback: Qeerroo: Aanaa Jaarsoo Gandi Baadiyyaa Haro Birruu Jedhamu Gutummaatti Mormii Sirna Wayyaaneen Diddaa Irra Jiru. | OromiaTimes