Manni Murtii Godina Jimmaa Dhaddacha Waxabajjii 26,2014 oleen Barattoota Oromoo 5 Irratti Barruulee Warraaqsaa Maxxansitan Sababa Jedhuun Murtoo Dabarse.

diddaa barattootaGabaasaa; Waxabajjii 26,2014 Godina Jimmaatti barattootni Oromoo Kolleejjii barsiisota Jimmaa irraa utuu barachaa jiranii FDG qindeessitaniittuu fi barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun facaafataniittu , barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa waliin tahuun barruu warraqsaa waajiroota mootummaa fi bakkoota buufata konkolaataa akkasumas manneen nagadaa biratti uumataaf raabsitanii jirtu ,FDG gaggeessitan himata jedhuun fi mootummaa humnaan fonqolchuuf yaalii gootan jechuun himataman Shan(5) keessa manni murtii Godina Jimmaa dhaddacha Waxabajjii 26,2014 oleen sadii bilisaan; lama immoo adabbii mallaqaa fi to’annoo akeekkachiisan gadi lakkisee jira.

1ffaa Barataa Guddisaa Cimdeessaa barataa Siviikii Waggaa 2ffaa bilisaan gadhifame
2ffaa barattuu Jirranuus Badhaasaa barattuu sportii waggaa 2ffaa bilisaan gadhiifamte.
3ffaa barataa Umar Roobaa barata chemistry waggaa 2ffaa bilisaan gadhiifame
4ffaa barataa Asaffaa Dhugumaa barataa Chemistry waggaa 2ffaa adabbii qarshii 300 adabamee;of eggannoo waggaa shaniif itti kenname jira
5ffaa, barataa Seefuu Hayilee barataa Geography waggaa 2ffaa adabbii qarshii 300 adabamee of eeggannoon waggaa lamaaf itti kennamee jira.
Haala kanaan ilmaan Oromoo ilmaan qotee bulaa sirna faahistii TPLF/ERDF./OPDO’n dararan nurratti jabaatuus kayyoo keenyaaf duubatti hin deebinu, Qeerroon bilisummaa Oromoo kaayyoo fi qakeeka bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf  sochii qinda’aa fi milkii qabeessa hoggansa isaa dhiha Oromiyaa keessa gochuun ilmaan Oromoo walitti qindeessee qabsoo finiinsa jiru injifannoo boonsa fi cululuqaa galmeessuu irratti argama.uummaanni Oromoo bakka jirtan hundaa nu cina dhaabbatee mirga isaa kabachiifachuu qaba jechuun dhaamsa dabarsani jiru.

3 thoughts on “Manni Murtii Godina Jimmaa Dhaddacha Waxabajjii 26,2014 oleen Barattoota Oromoo 5 Irratti Barruulee Warraaqsaa Maxxansitan Sababa Jedhuun Murtoo Dabarse.

  1. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist

  2. Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian Government in handling protests in different parts of the state of Oromia by peaceful demonstrators | OromianEconomist

Leave a comment