Diddaa barattoota Oromoo irraa sodaa kan godhate mootummaan Wayyaanee seera doorsisaa haaraa baase.

Gabaasa Qeerroo Yuniversitii Jimmaa Gurraandala 20,2014

Qeerroo OromiyaaMootummaan Abbaa Irree wayyaanee FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gaggeessaa jiru fi addaatti immoo Godina dhihaa Oromiyaa keessaatti sochii Qeerroon irraa jiru irraa sodaa fi naasuu keessa seenuun seeraa itti gootota baratoota Oromoo ittin sodachiisuu bulee bulee baasuun FDG’ gaggeeffama jiru irra uggura ka’a jiraachuun ittuma gootota baratoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo FDGf kan kakasee malee dubbatti kan deebisaa hin jirre ta’uu qeerroon waliif labsee jira.

Haaluma kanan Ergamtootni Wayyaanee bulchitootni Yuunivarsiitii Jimmaa ergama ilmaan TPLF fi EPRDF irra itti darbee akkama jirutti of keessa dabarsuun FDG dura ittin dhaabbachuuf seera Wayyaaneen baase, kan mata dureen isa, ‘Namni seera mootummaa keenyaa baaseen mormee argame waggaa tokko oliif barnoota irra arii’atama’ jedhuu mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa bakkoota hundaa fi bakka doormii baratoota hundatti maxxansuun, barruudhuma kana irratti xiqqoo gadi siquun namni seera mootummaa keenyaan mormuu kamuu fuldurattis Yuunivarsiitii fi kolleejjii mootummaatti barachuu hin danda’uu kan jedhuu ibsuun ta’ee jedhee mootummaan wayyaanee wan qabee gadhiisuu dhabuun baratoota shororkeessaa jiraachuun ibsamera.
FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo sududaan gaggeessa jiru, dura dhaabbachuuf toftaan inni biraa Wayyaaneen fudhachaa jirtu akkuma amala isaa afaan qawweetti waggaa 22 oliif dhimma itti bahaa ture, Ammas humna waraanaa of harkaa qabu mooraa dhabbilee barnootaa keessa qubsiisa jiraachuun saaxilame jira. haala kanaan guraandhala 17/2014 irra egalee qabatamaan Yuuniversiitii akka Jimmaa, fi Mattuu, mattuu keessa qubsisee jira. Hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo waraanaa Wayyaanee dhabbilee barnootaa keessa qubsiifama jiruuf waamichaa FDG taasisaa jiraachuu ibsee jira.

 

5 thoughts on “Diddaa barattoota Oromoo irraa sodaa kan godhate mootummaan Wayyaanee seera doorsisaa haaraa baase.

  1. Pingback: DIDDAA BARATTOOTA OROMOO IRRAA SODDAA KAN GODHATE MOOTUMMAAN WAYYAANEE SEERA DOORSISAA HARAA BASE | kelbessac

  2. FDG walirraa hin cinne geggeessuudhaan mootummaa abbaa irree wayyaanee aangoorraa darbachuu badbaachisaadha
    Jireenyi keenya bilisummaan booda kan jedhu qabannee waan hunda dura sochii bilisummaa keenyaa haa dursinuun dhaamsa koodha
    Biyyooti bilisummaa isaanii goonfatan hundi qabsoo walirraa hin cinne geggeessaniiti malee tola bilisummaa isaanii hin arganne
    kanaaf ummatni oromoo yeroo ammaa carraa haalaa fi yeroo kanatti fayyadamee mirga isaa kabachiisuuf qabsoo yeroo kamiyyuu caalaa taasisuu qaba
    Keessattuu dargaggoonni oromoo hundi bakka jirru irraa waamicha waliif goonee FDG jabeessuu qabna

  3. Hayyee; Haallii Sochii Qeerrooleen,Sabboontoonnii fi Ummanni godhaa jirruun Gabroomsaan Shoorarkaayee waan qabatuu fi gadlakkiisuu wallaalee jira,Guyyaanis itti duukkanaa’ee jira kanaafuu FALMAA ITTI FIININSII!!!…DAMMAQI DAMMAQSII CAALAATTII ITTI FUUFII!.

  4. Waan duuba jiramoo akkuma barame duuchumatti yaaliidha? Ijoolleen dhayamtee ya teessuu moo wanti walitti hidhataan qindaayee itti fufiinsaan geggeeffamuuf karoorfame jira? lan A, B, C kkf jechu kiyya. Yoo kun baasuu dide kan biraa, akkasumas ka biraa absoon qindaahina barbaachisa.

Leave a comment