Adeemsa laafina sochii dargaggoota Oromoo!

Adeemsa laafina sochii dargaggoota Oromoo!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Fulbaana 25,2021
Qeerroo bilisummaa oromoo | Facebook mootummaa Itoophiyaa fi kaadiree isaa irratti hin dammaqamin!
Siyaasni tapha barbaada. Tapha sana injifachuuf mala si feesisa. Mala garaagaraa uumtee tapha caallaan mormitootakee salphaatti injifatta jechaadha.
Mootummaan Itoophiyaa adeemsa gurguddaa ittiin qabsoo dargaggoota Oromoo duuba deebisuuf yaale qaba. Adeemsi kun kan irratti dammaqamaniif hin dammaqamin qabu. Amma kan ilaaluuf deemnu adeemsa irratti hin dammaqamin sana ilaaluu yaalla.
1. Sammuu dargaggootaa gara yaada qabsoo bilisummaa irraa haqaanqaluu!
1.1 olmaa dargaggootaa
Qabxii kana jalatti wantoota hedduu raawwate. Kun kan bara bulchiinsa EPRDF aangoo TPLF jala ture irraa eegale. Bara bulchiinsa aangoo TPLF magaalaalee keessatti “olmaa dargaggootaa” waan jedhu hundeeffamuu jalqabe.
Olmaa Dargaggootaa kana keessa wantoota akka Puulii, Tenesii, DS TV, buufataalee Jimaa, bufaata Tamboo turan. Wantoonni kun haala salphaa ta’een dargaggoota injifachuu qabxii jedhu jalaa fudhatame. Adeemsa kana keessa dargaggeessi seenu araadaan qabama. Araada kana keessatti dargaggeessi kufe waa’ee saba isaa dhiisii waa’ee jireenya mataa isaa yaaduuf hiree hin argatu.
Haala kanaan sammuu dargaggootaa gara aaraada hin feesifneetti oofuudhaan guuboo araadaatti dargaggoota hedduun nam’aniiru. Dargaggeessi geengoo kana keessa seene sammuun isaa waan Jimaaf Tamboo qofa argatee jennaan jireenyi isaaf jannata. Kun of dagachuu, of wal’aaluu, namummaa ofii awwaaluu keessaa isaan tokko.
1.2. Gartuu beeksisaaf wal arboomsuu
Bara kana ammoo gurmuu hojii uummataa waan hojjetu fakkaatutu uumame. Gurmuun kun miidiyaa dhuunfachuu, miidiyaatti fayyadamuu haalaan danda’a. Dargaggoota fayyaaleyyiis osoo isaan hin beekin ofitti makuuf dandeettii qaba.

Geengoo gartuu kanaa halaala dhaabattee gaafa ilaaltu dargaggoota hojii Oromoo irra oolan fakkaatu. Waa’een Oromoo ajandaa isaanii isa guddaadha. Gurmuun kun barreessaa, wellisaa, namoota qoosaa danda’aan fi walumaa gala namoota hedduu of keessaa qaba.
Kana malees gartuu kana keessa namoota dhaabbi toleeyyii mimmiidhagoo. Kanneen jechi isaanii mi’aa dammaa fakkaatuu of keessaa qaba. Gartuu hojii daldala adda addaa hojjetus qaba. Gurmuu beeksisaas fakkaata. Isaan keessa kanneen seeneen ala garuu hojii barreessuu fi wellisuu nama hojjete hojii isaa beeksisuu hin barbaadan.
Gurmuun kun barreessitoota uummataaf tattaafatanii hojjetan, kanneen hojiin isaanii dhuka qabu hedduu al kallattiin haamilee buusu. Kitaabni gartuu isaaniin ala yoo barreeffame beeksisuu hin barbaadan. Gartuu kana keessaa namni tokko bahee yoo waanuma xiqqoo barreessee kitaaba fakkeessee maxxanse ammoo galma giddu gala aadaa Oromootti kaabineen mootummaa osoo hin hafin bahanii eebbisiisu.
Hojii namoota kanaa baay’ee bilchinaaf icciitaawaan waan mootummaaf dalaganiif irratti hin beekamu. Wellisaas ta’e artistiin garee kana keessaa hojiin inni dhoksaan dalagu uummata biratti salphaatti kan bahee mul’atu miti.
1.2.1. Bifa qoosaan miira uummataa gara kallattii biraatti dhiibuu
Gartuun kun qoosaa waan danda’an fakkaatu. Qoosaan isaanii dhimmoota salqunnamtii dabalatee, dhimmoota adda addaa of keessaa qaba. Akkaataa wantoota araada nama qabsiisanitti dargaggoota oofan dabalatee miidiyaa kana irratti facaasaa oolu. Ajandaan isaanii sammuu dargaggootaa gara seer-maleessummaatti dhiibuudha. Waan babbareedoo fakkaatan agarsiisuu, dhimmoota qaama saalaa dhiiraaf dhalaa facaasuun sagaagalummaaf dargaggoota kaadhimuu dabalatee ajandaa baay’ee dhokataa ta’e qabatanii socho’u.
Miidiyaa hawaasaa kana irraa baayyina waan qabaniif, darbees akkaataa fayyada jechootaaf gargaarama hojii isaanii irraa kan ka’e irratti baruuf baay’ee ulfaata. Uummata fayyaaleyyii dhiisii namoota siyaasaa gowwonfachuuf dandeettii itti qabu. Duubni isaanii garuu gidaara OPDO ti. Sponsor kan godhu illee kaabineef kaadiree mootummaati. Amma gartuun kun biyyoota Itoophiyaa alatti illee of babal’iseera. Gartuun kun siyaasa irraa walaba of fakkeessu. Siyaasni isaanii garuu kan PP ta’uu ammoo hojii isaanii saaxila.
Rakkoo uummata Oromoo dubbachuu hin barbaadan. Ergama isaaniitu isaan danqa isaan dhorka waan ta’eef. Waa’ee hidhaaf hiraarsaa uummata keenya irra gahuu, ajjeechaa saba keenya irra gahu fuula miidiyaa isaaniin dubbachuu hin barbaadan.
Kana qofa miti ajandaan uummata Oromoo fayyadu dhageettii akka argatu hin godhan. Karaa irratti hin beekamneen ajandaan uummata fayyadu akka bushaa’u taasisu.
Wayiita ajandaan saba keenya Oromoo fayyadu lakkifamu, itti yaadanii isaan ammoo ajandaa bililcii wayii tokko gadi gadhiisu. Kunis waa’ee akkaataa qaama saalaa dhiiraaf durbaa dabalatee jechuudha. Ajandaawwan gati dhabeeyyii akkanaatti akka sabni keenya yeroo isaa gubu, dargaggeessi taa’ee waa’ee xebexebaaf xibaara maayii hin qabne akkanaatti akka yeroo isaa dabarsu taasisu. Gartuun kun Rirma sammuu dargaggoota Oromoo nyaate jechuunii dandeenya.
Wantoonni haala kanaan uummata keessa deddeemaa jiran akka dargaggoonni Oromoo yaada isaanii gara hin malletti haqaaqan taasiseera. Ajandaa siyaasaa keessaa bahee akka dargaggeessi gara waan isa illee hin fayyadne dhimmoota sagaagalummaaf gaa’eela hin barbaachifneetti akka oofamnuuf daandii saaqaniiru.
Oromoon dargaggoota ajandaa dhokataa qabatanii socho’aa jiran kanneen ilaalee addaan baafatee of irraa dinninuu qaba. Tooftaa mootummaan PP dhimma itti bahaa jiru kanneen namoota oofan haalaan addaan baafatee of irraa dhorkuuf yoo kan deebi’an ta’e gorfatee deebifachuu akka qabun dhuma barruu kanaan dhaama!
Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
WBO’n haa waaru!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s