Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin mari’atan

Guyyaa har’aa (Sadaasa 1/2020) miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa deemuun haala yeroo fi adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti marii taasisanii hubannoos argataniiru.
Marii kana keessatti Hayyu Dureen ABO adeemsa Qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa darbee as ga’e erga ibsanii booda kallattii gara fuulduraas akeekaniiru.
Miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun irra guddaan isaanii barattoota Yuunversiitii yommuu ta’an gariin isaanii ogummaa isaaniin kan uummata tajaajilaa jiranidha.
Xumura marii kanaa irrattis Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Qeerroowwan kun bakka deeman hundatti dirqama dhaaba isaanii akka hojjetaniifi labsii Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse akka hojiitti hiikuuf hojjetan dhaamaniiru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s