Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 4,2020
Qabxii ijoo:
Addi Bilisummaa Oromoo waan amma adeemaa jiru kana jala bu’ee hordofaa turuu bira taree, haala furmaata rakkoo siyaasa Xoophiyaa kana akeekaa as gahe.
Hogganni ABO erga biyya galee as akka dhaabaatti, badiif qiisasama har’a adeemaa jiru kana hanbisuuf qabxiileen furmaataa siyaasaa ABO dhaan lafa kaahamaa ture marti maal na dhibdee qofaan akkasuma akka qoosaatti ilaalamee bira darbuutu rakkoo ammaa kanaaf sababa ta’e.
Rakkinni biyya Impaayera Xoophiyaa keessatti dhalate kun, rakkoo sabummaa ykn rakkoo amantaa utuu hintaane rakkoo siyaasa biyyattii ta’uu fi rakkoon siyaasaa ammoo siyaasa qofaan kan furamu ta’uu dubbataa fi akeekamaa ture. Furmaata lafa kaahame sana irra tarkaanfatanii gara lolaa fi hololaatti tarkaanfatame.
Impaayera Xoophiyaa keessa rakkinoota wal xaxaa baroota dheeraaf dhaalmaan as gahantu jira. Rakkinichi rakkoo PP fi TPLF qofa utuu hintaane, Impaayera loogummaan ijaarame waan ta’eef wiirtuu rakkinaa isaa furuun baay’ee ulfaata. Rakkoo Impaayera Xoophiyaa furuun loogummaa barbadeessuudhaan saboota hundaaf mootummaa ta’u hundeessuutu furmaata bu’uuraa ta’a. Impaayera Loogummaa dhabamsiisanii mootummaa uummataa gadi dhaabuun ammoo akkuma ABO’n dhiyeenya labsaa jiru kana mootummaa Ce’umsaa barbaachisa.
Rakkinoota kana furuu utuu qabuu mootummaan, siyaasa Qawweedhaan furuudhaaf rakkoo siyaasaa irree isaan balleessuu barbaaduutu ittuu rakkina dhalate kanaaf balaa guddaa ta’e.
Waan Oromiyaa keessatti har’aa ta’aa jiru kun balaa qabaachuu fi rakkoon wayiita hogganni ABO gale mul’atan furamuu baannaan balaa guddaan dhalachuu mala yaadni jedhu utuu mootummaaf dhiyeeffamuu mootummaan didee gama irree isaatiin rakkoo furuutti adeeme. Irreedhaan rakkoon siyaasaa furamuus hindanda’u furamees hinbeeku.
Amma abidda har’a qabatee jiru kun utuu hinboba’in, kana bira darbeeyyuu giimiin balaa abiiddaa kanaa utuu fiilee irrattis hindammaqamin nagaaf qabbana buusuuf tarkaanfii furmaataa ABO’n akkasuma waayilli isaa KFO’n fudhataa turan marti bishaanitti nam’utu kanaan mootummaa gahe.
Abidda mana qabate, erga guutuu yaabee dhaamsuun hindanda’amu. Abidda guutuu manaa yaabeef rakkoo siyaasa wiirtuu hogganoota siyaasaa seene dhaamsuun ulfaata.
Amma Impaayera Xoophiyaa keessa rakkoowwan hedduu dhalatee jira. Rakkoo ABO/KFO fi PP gidduu, Rakkoo TPLF fi PP gidduu, Rakkoo Kibba Xoophiyaa fi PP, Rakkoo Amaaraa fi PP, Rakkoo Kush Kaabaa fi Amaara/PP gidduu, Rakkoo Somaalee fi PP gidduu.
Rakkoowwan kana furuun tasumaa kan hindanda’amnedha. Sababaan rakkinni Impaayera Xoophiyaatti Abidda ta’e kun dhaamuus ta’ee qabbanaa’uu hindanda’u. PP jechuun kanneen mootummaa ofiin jedhan loogummaa irraa walaba ta’uu dadhaban. Loogummaan saba tokko xiqqeessaa, saba tokkoof ammoo awwaataa, du’a saba tokkoo callisaa, mataa bo’uu saba jaallatanii ammoo arboomsuun dhaadeessuu walii gala loogummaan Impaayera Xoophiyaa keessaa hundeen goguu hindanda’u. Loogummaan kun hanga jirutti ammoo rakkootu dhalata, rakkootu uumamaa itti fufa!
Lola TPLF fi PP irratti
Wal waraansi TPLF fi PP gidduu jiru kun “anatu Oromiyaa dhuunfachuu qaba!” Irratti kan qiyyaafate yoo ta’u, biyya abbaa qabu Oromiyaa akka qircaa hirachuuf waraana walii waliinii isaaniitti banuu jaraan hubatamaadha.
Oromiyaan abbaa utuu qabduu halagaan qircachuuf irratti wal qabuu, oromiyaa irratti wal waraanuun mataansaa takka namas ajaa’ibsiisa. Takkammoo boorees namatti horee, biyya ofii akka tikfatan, daangaa biyya abbaa ofii akka kabachiifatan nama taasisa.
Lolli kun gama Qawween akka qabbanaa’u, akka Qawween dhaamuuf waamichi gama PP’n darbaa jiru, labsiin waraanaa gama PP tiin ta’aa jiru rakkoo kana kan furu utuu hintaane ittuu rakkinichaaf Gaazaaf Kibiratii ta’uu isaa hubachuunis barbaachisaadha.
Lola jara kana lamaanii gidduu seenuun saba keenya Oromiyaaf barbaachisaa miti! Jarri wal waraane lamaanuu Oromoof diina ta’uu hubachuun barbaachisaadha. Qaamolee lamaan kana gidduu seenuu ykn baabsuun Oromoof faayidaa hinqabu. Faayidaa irra darbeeyyuu miidhaa olaanaa malee, barbaachisummaan waraana TPLF fi PP irratti hirmaachuu Oromoof miidhaa qofa ta’uu wal hubachiisuu barbaachisa.
Jara kana lamaan gara PP’s ta’ee gara TPLF goranii du’a seenaa hinqabne du’uu irraa Oromoon of baraaruu qaba. Lolli jara kanaa gabaabbachuus ta’ee dheeraachuu danda’a.
Kana malees lolli jarreen lamaan gidduu kun furmaata numa argata. Asitti kanneen miidhaman miskiinota lola isaan hinilaallannetti hirmaatan ilmaan iyyeessaa Impaayera Xoophiyaa kana keessaa kanneen loltoota TPLF fi akkasuma loltoota PP ta’anii lola hinfeesifne kanatti hirmaatantu miidhaa guddaa rakkoo lubbuu dhabuu ofitti fida.
Lolichi akkamiin hammaate?
Muummicha Ministeeraa taasisee sirni EPRDF kan muude Dr. Abiyyi Ahemad aangoo sirna isaan kennameef, aangoo uummati itti hinlaanne erga of harka galfateen booda waayilummaa isaa Eertiraa faana taasifate. Eertiraa fi TPLF waggaa dheeraaf lola guddaa keessa turan. Akka maleettis wal dhabanii, lafa Baadimmee irratti lammiilee hedduun erga ajjeefamanii lafichi kan Tigiraay ta’ee waggaa dheeraaf garuu wal gaarreeffataa as gahame.
Eertiraa waliin waayilummaa uumuun Abiyyiin maaliif barbaachise?
Humna Oromoo sodaatame. Humna Oromoo kana hunkuteessuu barbadeessuun ala jiraachuun PP abjuu ta’uu cimsee amane. Kanaaf humna waraana Oromoon qabu WBO barbadeessuun furmaata kahame keessaa isa duraa taasisee fudhate. Kanaafuu Eertiraa waliin walii galuu barbaachise. WBO’n Eertiraa keessa baay’ee waan tureef, amala WBO, gahumsa WBO, Leenjii WBO beekuu barbaachise. Kana beekuuf bakka isaan itti leenji’aa turan Eertiraa faana waayilummaa uumee iciita WBO argachuu, lafa hanqina WBO fi gahumsa WBO beekuuf barbaade. Sababaa kanaa Isaayyaas waliin walitti dhufeenya uummate.
Isaayyas faana hariiromuuf fedhii Eertiraa guutuu qaba. Fedhiin Eertiraa lafa TPLF waliin irratti waldhaban deeffachuudha. Lafa sana waraanaan fudhachuu iyyuu waan barbaaduuf gaafa Abiyyi lafa kana siin deebisa jedhuun Eertiraaf gammachuu guddaa ture.
Qabeenya namni irratti murteeffachuu danda’u, fuudhee sii kenneera jedheen. Isaayyasiif Abiyyi kanumaan hariiroo tolfatan. TPLF waliin utuu hinaasa’in kana xumureef.
Kanumaan wal jala deemuu, wal jala fiiguuf waayilummaan Abiyyiif Eertiraa michummaa sadarkaa guddaa irra gahe ta’e.
Isaayyaas WBO dhabamsiisuuf mala barbaachisaa jedhamu mara Abiyyiif gumeessee himuu itti fufe.
TPLF hadiiduma michummaan Isaayyaasiif Abiyyi dabalaa adeeme gaarreeffannaan wal haalonfachuu irraa gara waraana hololaatti guddate. Waraana hololaan wal madeessanii amma tarkaanfii waraanaatti guddateera.
Lolli kun akkamiin qabbanaa’a?
Waraanni amma eegale kun xumura argachuu mala dhabuus mala. Xumura kan argatu yoo tokko fedhii isaa ajjeesedha. Kun ammoo TPLF lafa sana gattee dhiisuu ykn Isaayyas laficha gatee dhiisuudhaan lolli kun xumura argata. Lafa dhiigni baay’een irratti lola’e kana qaamoleen kun lamaanuu nii dhiisu jechuun garuu baay’ee ulfaata. Rakkinichi rakkoo siyaasaa waan ta’eef siyaasaan furamuu nii danda’a. Waraanaan furuu yaaluun abjuu ta’uu mala.
Egereen Oromiyaa maal fakkaata?
Lola amma gama Tigiraay baname kun haaraa ha ta’u malee Oromiyaa jaarraa tokkoof walakkaa oliif lola itti baname jala jiraachuu hubachuu barbaachisa. Lolli Oromiyaa keessaa Habashaa fi ilmaan PP tiin ilma Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti adeemaa tureef jiru gaaga’ama lubbuuf qabeenyaa guddaa Oromiyaa irraan gaheera.
Kisaaraa waraana jaarraa tokkoof walakkaa tilmaamuun utuu baafamee hangam ga’a jedhanii xiinxaluun barbaachisaadha.
Addatti lola uummata nagaa irratti PP’n adeemsisaa jiru, ajjeechaa dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffatee adeemaa jiru waraana ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan raawwataa jiru kunis rakkoo guddaa dhaleera. Oromoo fi impaayerri Xoophiyaa waliif gumaa ta’aniiru.
Oromiyaa keessatti lubbuun nama nagaa ajjeefamuun, akka hoolaatti morma kutanii gorra’uun, ulfa ajjeesuun, daa’imaaf gadamoojjii/jaarsa dabalatee lubbuu qaaliin aarsaa ta’aa oolu. Ajjeechaawwaan seeraan alaa, yakkoota waraana qaama ani mootummaadha jedhuun raawwataman kun seera hinarganne. Seerri uummata nagaaf dhaabbachuu kan male uummata nagaatti dabee gama qaama ani mootummaadha jedhuutti luucca’ee jira. Rakkoowwaaniif badii qisaasama lubbuuf qabeenyaa qaamoleen badi balleessitoonni mootummaa qaqqabsiisaniif beenyaa gahaniis ta’ee jarris seraaf hindhiyaanne. Kun ammoo daranuu maal na dhibdeef maal fiddiidhaan ilmaan Oromoo nagaa ajjeesuun babal’ataa dhufe. Dargaggeessa Oromoo akka midhaan birraatti walitti qabanii haamaa jirama.
Humna seeraan ol ta’e humna waraana humna addaa jedhamuu fi Raayyaa Ittisa Biyyaa jechuun of waamu seeraaf Heera biyyattii cabsee, nagaa balleessee daranuu rakkoo hammeessee jira. Oromiyaa fi PP walitti araarsuun yeroon isaa darbee jira. Kanaan booda Oromoo fi PP walitti araarsuun hindanda’amu.
Furmaata rakkoo siyaasa Impaayera Xoophiyaa!
Gabaabinaan furmaata kanaa kan ta’u sabooti impaayera biyyattii wal ta’anii mootummaa Ce’umsaa hundeeffachuudha.
Akka Oromoottis nagaaf tasgabbii Oromiyaa dhugoomsuuf mootummaa Ce’umsaa biyyoolessa Oromiyaa ijaarrachuudhaan humna lubbuu dhala namaaf marartoo dhabee, walii isaayyuu nyaachaa jiru kanatti adaba taasisuu barbaachisa.
Injifannoon uummata Oromoof!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 4, 2020