Guyyaa har’aa (Sadaasa 1/2020) miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo mana Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa deemuun haala yeroo fi adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti marii taasisanii hubannoos argataniiru.Marii kana keessatti Hayyu Dureen ABO adeemsa Qabsoon Bilisummaa Oromoo keessa darbee as ga’e erga ibsanii booda kallattii gara fuulduraas akeekaniiru.
Miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun irra guddaan isaanii barattoota Yuunversiitii yommuu ta’an gariin isaanii ogummaa isaaniin kan uummata tajaajilaa jiranidha.
Xumura marii kanaa irrattis Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Qeerroowwan kun bakka deeman hundatti dirqama dhaaba isaanii akka hojjetaniifi labsii Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse akka hojiitti hiikuuf hojjetan dhaamaniiru.