[SQ, Bitootessa 27,2019] Nama Raamadan Waltajjii Kormaa jedhamu jiraataa Wallagga Lixaa Aanaa Qondaala ganda Kaasee jedhamu yoo ta’u, waraanni mootummaa manaa baasanii waraanni baayyinaan nama 9 ta’an rasaasaan Kalee isaa bitaarra rukutanii akkasuma Handhuura jala rasaasaan rukutanii, morma isaa irra qalanii ajjeesanii jedhu jiraattonni Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof yaada laatan.
Akkasumas yeroo dhaqnee reeffa isaa ilaallee qaama saalaa isaa irraa muranii garaa isaarra kaahanii biraa sokkan jedhu.
Gochi kun kamisaa darbe akka lakkoofsa Habashaatti 12,07,2011 akka raawwate Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof ibsanii jiru.
Obbo Raamadan abbaa ijoollee sagalii fi harka qalleessa ta’uullee dubbatan. Akkasumas dhukkubsatee utuu ciisaa jiruu siree isaarraa fuudhanii akka yakka kana irratti raawwatan nuu himanii jiru.
Qondaala keessatti uummatni Oromoo bakkichaa yakka gudeeddii shamarran umurii 15 gadiirratti raawwataa jiraachuullee nuu gabaasaniiru. Uummatni bakkichaa safuuf waan jedhee himatullee dhabee rakkina mara waliin dabarsaa akka jiru nii gabaasanii jiru.