Hagayya 24,2018
Finfinnee Oromiyaa
Qabiyyee Agartuu Qeerroo
– Qamunyee qabsoo
– Hullufa siyyaasaa
– Goddannisa Siyyaasaa
– Madaa Siyyaasaa
(…Maraatuu cancala hinqabne Baabura seensisuun maraatuu sanas uummata baabura keessaa sanas, Baabura gatii jabeessaa sanas of dhowwachuudha. Akkasuma maraatuu qabsoo Baabura qabsaa’otaa seensisuun qabsaa’ota, isuma mataasaa, fi Baabura qabsoo keenya balleessuudha… )
Moxobii/Xiyyoo barruu
Qabsoon Oromoo shiraaf shimana garaagaraan daddaaqaa dhufeera, shira sanaaf shimina qabsoo kaleessaan uummatni haalaan barnoota fudhatuurraa sobamuuf sossobamuu jalaa baheera sadarkaa jennurra geenyee jirra. Qabsoon Oromoo gufuulee hedduun rukutamee abbuuddoon qabsoo Oromoo gufuu shiraan rukutamaa qaamaa hir’ataa yoona gaheera. Akeekni qabsoo Oromoo diinota uummata Oromoo ofirraa deebisuun alatti qabsoo saamichaaf saba tokko garboomsuuf taasifamaa ture akka hintaane eenyullee kan beeku dhugaarratti ititee yoona gahuusaan hanga har’aa jiraataa dhufeera.
Qabsoon keenya kan diina qabsoo ofirraa ittisaa hinadeemne taanan, hallayyaa dhuma hinqabne bu’uu waliin tokko ta’uu hubataa, qabsoo ofii tikfataa socho’uu qabna jedha Agartuun Qeerroo tibbana. Urursaa siyyaasaaf afaanfajjii guyyaa guyyaan bixxilamaa ooluun Oromoon akka hinsobamne dhaamuu feena. Qamunyee qabsoo qabsoorraa ittisanii tokkummaa argame kunuunfataa qabsoo keenyatti xumura gochuuf dirqama qamna.
Qamunyee Qabsoo
Qamunyee jechuun Sa’a/Loon waan garaagaraa nyaattudha. Qamunyee horii: uffata, feestala, moofaa, fi ka dhibii mara horii nyaattudha. Loon qamunyeen ofiis umurii hindheerattu, moofaa garaagaraa nyaattee sanaan Xeeriin gudunfamee akkasuma akka bifa hinbaane godha. Akeeka waan garaagaraa buttee nyaattu kanaan maatii nagaa dhorkachuu uffata qulqullaa’ee afame alaa buttee nyaachuun akka hedduu nama aarsutti uffata gaariirraa addaan nama baafti. Kun hundi yeroo ta’u akka namni haleelee rukutu miira aarii keessa nama galchuun rakkoo hamaaf saaxilamuurraa ulee rukuttaa namaan sadarkaa cabuurras gahuu malti. Qamunyeen Loonii bakka dhaqxu maratti waan akka malee nama aarsituuf yeroo mara ifatamtuudha. Bakka dhaqxu maratti ulee ykn mokoli’aa(ulee gabaabduu) qopheeffatee hundatu rukutuuf aggama nama hedduutu rukutas. Kun hundi lafa qamunyeen Loonii jirtutti.
Qamunyee qabsoo
Qamunyeen Qabsoo akkuma loonii ilma waan uummata aarsu hojjechuun beekamudha. Kunis:Ajjeesuu, Lafarraa godaansuu, Holola dharaa oomishee qabsaa’ota abaaruu, fi shira hedduu dalaguudha. Qamunyee qabsoo kan jennu jaarmiyaas ta’u kanneen waan badiisaa qofa hojjetaniin Qamunyee qabsoo jenna. Qamunyeen qabsoo qabsoo naaffisuuf nyaatanii dhabamsiisuu irratti qaamota hojjetaa jiraatanidha. Yeroo hedduu qabsaa’ota alanfatanii qabsoo qummunsuu/kineessuu/xiqqeessuu irratti danoomaan dalagan. Ilmaan qamunyee qabsoo kunneen akka dhuunfaattis akka jaarmiyaattis kanneen adeemanidha. Qamunyeen akkuma qabsoo nyaachuuf tattaafataa ooltutti qabsoo isheen naaffiste sun yeroonni akka galaanaa irra galagalus galagalee dhabama taasisuus fagoo miti. Akkuma qabsoo qummunsuuf qamunyee qabsoo ta’an hojiinsaanii deebi’ee isaanuma dhabamsiisa. Torbanoota dabarsaa jirru kana qamunyeen qabsoo wantoota suukanneessoo raawwataniiru. Qaamoonni kunneen lafa Addi Bilisummaa Oromoo fi Mootummaan nagaa biyyattii eeguuf waraana dhaabe jedhutti nagaa biyyaa jeequuf lafa Waraanni Bilisunama Oromoo WBO’n jirutti sakattaa deemuudhaan dhukaasa irratti banuun ajjeechaa raawwatan.
Qamunyeen qabsoo qaamota Mootummaa keessaatti margan kunneen kanneen mootummaaf abboomamuu didanii amala shiftummaan waggoota dheeraaf dabarsan ammallee shiftummaa isaanii itti fufuun nagaa biyyattii booreessuuf WBO sakatta’uu maqaa jedhuun socha’aa jiru. OPDO keessaa qaamota aantummaa uummataa qaban kanneen araaraaf ABO waliin mariitti jiran balaaleffachuuf akkasuma qaamota qabsoo ABO haalaan balaaleffachuu warra jabeessanidha. Qaamotni kunneen mootummaan utuu hinbeekin humna waraanaa biyya jeequ bobbaasuun irreesaaniitti amanaa jiran kan qabsaa’ota lubbuu laatanii uummataaf qabsaa’aa jiran dhabamsiisuu dheebotudha. Qaamota nagaa biyyaa booreessuuf WBO irratti dhukaasa banan kanaan Qamunyee qabsoo jenna.
Maraatuu cancala/sakaallaa hinqabne Baabura seensisuun maraatuu sanas uummata baabura keessaasaas, Baabura gatii jabeessaa sanas of dhowwachuudha. Akkasuma maraatuu qabsoo Baabura qabsaa’otaa seensisuun qabsaa’ota, isuma mataasaa, fi Baabura qabsoo keenya balleessuudha. Maraatuun sun gaafa baabura seenu uummata Baabura sana keessa jiru rukutuu, reebuu fi balaa hedduu irraan gaha. Namni kan baqatu yoggaa ta’u ammoo Baabura sana daawwitii isaa caccabsuun utaalee Baaburas daawwitiisaa miidhee ofiis lubbuun isaa akka dabartutti utaala. Qabsoon keenya maraatuu qabsoo, baabura qabsaa’otaatti seensisuu irraa walaba ta’uu qaba. Maraatuun qabsoo baabura qabsaa’otaa gaafa seenu qabsaa’ota nu duraa akkanni miidhu beekuu nu gaafata.
Qamunyeen qabsoo rakkoowaan hedduu siyyaasa keenya keessatti dhala.
- Hullufa siyyaasaa
- Godaannisa siyyaasaa
III. Madaa siyyaasaa jechuu dandeenya.
- Hullufa siyyaasaa
Hullufa jechuun qaama Loonii gaafan tumatamee qaamni dhiita’udha. Qamunyeen Loonii Dallaa/Kellaa Looni nagaa dhowwataa bulti, Loon tumattee hullufa itti baasuun beekamti. Hullufi sa’aa/Loon irraa kan badus kan hinbadnes jira. Qaamni OPDO keessa taa’ee qabsaa’ota keenya jifatu isa hullufa siyyaasaa nutti baasuu barbaadudha. Hullufa siyyaasaa akka nutti hinbaaneef of eeguu nu gaafata jetti Agartuu Qeerroo torban kanaa.
- Godaannisa siyyaasaa
Goddannisa dagatuu hindandeenye hedduu Oromoon ofirraa qaba. Godaannisi sun akkuma jirutti Qamunyee qabsoo tumannaa taasistuun akkasheen godaannisa siyyaasaa nutti hinfidnetti jabaatuu nu gaafata. Godaannisa darbe kan bara Chaarteraa nu dura qabaa qaamni Godaannisa biraa nutti baasuuf deemu kamuu dinninamuu qaba jedha Agartuu Qeerroo tibbana.
III. Madaa siyyaasaa
Madaan qaama rigata jabaan citudha. Madaa guddaa utuu qamnuu dabalataan Qamunyee Qabsootiin madaa biraa akka hindabalannetti jabinaan qabsoo gochuun amma.
Haala kana keessatti qaamni Tokkummaa sabaa diiguuf socho’uu saatii kanatti diina qabsoo Oromooti. Diinni qabsoo Oromoo qabsaa’ota fakkaatee afaan qabsaa’otaa dubbataa, qaama uummataaf dubbatu fakkaataa qabsoo keenyatti summii biifuun akka dhaabbatu feena.
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura garbummaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 24,2018
Finfinnee Oromiyaa