Lixa Oromiyaa Baha Wallaggaa bakka addaa Waamaa jedhamutti saamichi albuudaa babal’ate

[SQ, Hagayya 11,2018] Lixa Oromiyaa Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti sababa gootummaa qabuuf uummata naannichaaf tajaajilli hawwaasaa guutee hinbeeku. Uummatni Leeqaa ona Waamaa keessa jiraatan baroota Xaaliyaanii keessa bakka ka’umsa warraaqsaa ta’uudhaan sochii jabaa garboonfattoota irratti taasisaa turaniiru. Gootonni hedduun Abdiisaa Aagaa, Gendaa Buushan, Buushan Mijuu fi Qana’aa Janaa dabalatee gootota akka feetararii Tasammaa Gulummaa dabalatanii gootota roorroo diduutiin qabsoo roga sanarra finiinsaa turan kanneen Baandaa Xaaliyaanii ykn Baasaastuu qadada Gonbisaa jala ka’anii gubaa turanidha. Har’as uummatni naannichaa gootummaadhaan dhaala abbootasaarraa fudhateen takkaa gadjedheen garboonfataaf bulee hinbeeku. Garboonfataan uummata gootummaa qabu yoo barate na mohata ilaalcha jedhuun tajaajila hawwaasaa dhorkataa yoona gaheera. Har’as aanattii keessatti guutummaa uummata Leeqaaf tajaajilli barnootaa, bishaan dhugaatii, daandii fi kanneen hedduu hawwaasni barbaadu guutamanii hinjiran. Saamichaaf ammoo darsa guurratee mootummaan bakkichatti bobbaa’aa yoona gaheera. Har’a albuuda gati jabeeyyii gurgurachuudhaan uummata saamaa jiraachuu uummatni komii qabu dhiyeefachaa jira. Albuudni Naannoo laga Waamaa bakka addaa bakkee Warabboo jedhamu kan fuullee aanaa Nuunnuu Qumbaa Baanqoo ta’e saamamee abbaa qabeenyaaf laatamee jiraachuu Qeerroon gabaase

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s