Agartuu Qeerroo (Hunkuroo Siyyaasaa)

© Shira Wayyaanee gurguddoo:
√ qabsoo FXG danqaruu
√ Wayyaanoonni Waan hinfakkaanne fakkeessanii HR-128 kan addunyaan qoqqobbii irra keesse of irraa kaasisuuf Uummanni nu duukaa/bira jira jechuuf alkallattiin uummata hiriira nagaa baasanii umurii dheereffachuu
-Holola sobaa Dr. Abiyyiif Tigiroonni akka waan wal jibbaniitti afarfamuu
√ Miseensota ABO fi addatti WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka uummanni saaxilutti hojii siyyaasaa jabeessuu
√ Ajjeechaaf Lola Uummata keenya irratti banamee jiru dhoksanii gaarummaa isaanii qofa akka lallabaniif qaamota akka tikaatti gargaaraa turan, kanneen maqaa Activistummaan biyya alarra jooraniif dirqamni laatamu. Qabxiileen “Agartuu Qeerroo ” har’aa kana qaba, suuta dubbisaa!

Qabsoo abbaa biyyummaaf Oromoon akka aarsaa ulfaataa kaffalaa dhufne, kaffalaas jirru qaamni na mormu akka hinjirre cimseen hubadha. Qabsoo abbaa biyyummaa nuti gochaa jirru; Gara qabsoo Ithiophiyummaatti dabsanii, aarsaa Oromummaaf Bilisummaa Oromiyaaf kaffalame kaleessaa galaana galata hinqabnetti naquuf yaaluun seenaanis seeraanis kan nama gaafachiisudha. Har’a wayiita, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fii guutummaan uummata Oromoo WBO dheebotaa ture of cinatti kallattiin argee tuutni uummataa qaanqee Warraaqsaa finiinsaa jirutti, karaawwan addaa addaan lola irratti banuuf hojiitti seenaniiru. Duulli qabsoo Oromoo irratti banamaa jiru ammaa irra keessoon kan qabsoo tumsu akkasuma qabsaa’aa fakkaata, jallisaa qabsaa’ota sirkaa alanfatee kan balleessu ta’uu beeki!

Torban dabarsine kana wayyaaneen shiroota gurguddaa karaa Tika isaaniin dalagaa baateetti. Tikoonni Mootummaa qabsaa’ota fakkaatanii akka socho’an barreeffamoonni nuti kana dura qopheessaa turre nii saaxilu. Torban kana kan Wayyaaneen dhimma itti bahuuf tattaafataa turte qaamota qabsaa’oota uummata Oromoo fakkaatanii qabsoo maseensuuf hojjetaniin akka mataa mul’ifataa turte isinii himuun barbaada. Adeemsonni Wayyaanee torban darban Oromiyaa keessatti adeemaa turan ija Qeerroon gaafa ilaalamu Hunkura Siyyaasaa jennee moggaafne. Hunkura Siyyaasaa keessatti waan ati gootu waan haqaa alkallattiin mormitee akka of dhabamsiiftuyyuu si godha. Waan shiramee dhufu sun; kan siin si dhabamsiisuuf hojjetu waan ta’eef qaama si fakkaatuun ykn qaama waan gaarii dalaga seetee yaadduun hoojiraa waan ooluuf hojii sana harkaa fuutee akka galmaan geessuf si hinshakkisiisu. Waan abalu jedhedhaam kun ammaa erga ebelu jedhee sirraadha akka jerru godhu. Ebeluu sana waan fuulduratti si miidhu erga hojjetee inni kankee miti. Kana keessatti gaafa bool’a buute qofa agartee lafa ofqabdu dhabuukee qofaa agarta. Adeemsa shiraa kana keessatti, kan sinyaataa tureef jiru jaallattee kan sii dheebotu akka jibbitutti summiin jechaan bulbulamee, summiin si budoomsu sii laatama. Erga budaa qabsaa’otaa taatee booda utuu hinfedhin qabsaa’akee nyaachuuf akka hojjetutti sirratti hojjetama. Adeemsa Siyyaasaa keetii keessatti, hunkurri siyyaasaa gaafa hojiirra oolu waan hinbeekne kan diinnikee sii wixinu marasaa sakattaan ilaaluu si feesisa.

Qabxiileewwan gurguddoo diinni Wayyaanee (OPDO+TPLF) torban darban xaxaa turan hedduudha. Isaan keessaa kan qabsootti akkaan gufuu ta’u jedhu saaxiluun yaala.
Shira Wayyaanee gurguddoo; kan torban dabarsine kanaa
1. qabsoo FXG danqaruu

Qabsoo FXG danqaruuf karaawwan hedduu hojjetanii hojjetaa jiru. Keessattuu wal bira dhaabbannaan uummata Oromoo cimee, Oromoon Lixaa saatii isa bahaaf dirmatee, inni kibbaas Kaabaaf Lixaa awwataa jirutti
•Cinaaksa cinaacha keenya! Jechuun dhaadannoo jajjabaan falmataa jirutti fiingeen danqartoota qabsoof afuufamte. Sochiin torban darbe waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromootiin warraqsi jabaan bakkoota hedduudhaa dhagaa’ame murtii HR-128 Wayyaanee irra kaahe ciina dhaabbachuun utubee kan Wayyaanee balleessu ta’uu diina qabsoof galeera. Kanaan ammoo hiriira sana daandiiwwan argatan maraan akkanni dhaabbatu gochuuf irratti fuulleeffatan. Jechoota nama xiiqomsanii akka isaan waliin hiriiran nama godhu illee harcaatota OPDO biraa dhagaa’amaa ture. Jechoonni oomisha Shiraa keessaa kallattiin waarshaa Wayyaanee keessaa baafamani torbanoota darban kana balballoomaa turan “injifannoo arganne tikfanna, Dr. Abiyyii cina dhaabbanna, hiriirri ammatti nu hinbarbaachisu, koomandi post akka labsamuuf hiriirri waan daandii ta’uuf nu hinfeesisu,WBO’n amma ajjeesuun hinbarbaachisu…” Fi Jechoota mimmi’aahoo hedduun darbatamaa turan.

Jechoonni waarshaa tikaa keessaa gadlakkifaman yeroo kamuu gurratti nama mi’aawuu akka qabanitti oomishamu. Jechoota kana itti yaadanii waan lakkisaniif salphaatti ittiin miira namaa tohachuu akka dandaa’anitti gaafa dubbatanis urursaa dubbatu. Jechoonni kun qabsaa’ota akka dagattee tika Wayyaanee duukaa fiigdutti illee hanga qabsaa’otakee saaxilutti kan humna godhachuu danda’utu dubbatama. Waanuma hinqabne tokko sii laatee, si mirqaansuun of si wal’aalchisa. Fknf “injifannoo aganne tikfanna” jechi kun hangam akka si raasuu danda’u yaadi! Waan ati hinqabne sii laate. Kan ati beeku qabdu garuu; injifannoon harkakee gale hinjiru, yoo jiraate ammoo qabsaa’aakee mana hiraarsaatii baafachuudha. Injifannoo arganne kan jennu gaafa alaabaa Kenya fannifannedha. Jechi olii kun kan dubbatameef ammoo, muudamaaf haaromsa OPDO ammaa ilaalchiseeti. Keessattuu muudamuu “Abiyyii Ahemad” ilaalchisee bibittinfama. Waan cimsinee beekuu qabnu, haa hojjetuu haa dhiisu, namicha kanaan naaf ta’a jettee baatee filannoon raagessiteettaa? Situ na bulchi jedhemoo, wayyaaneetu Dr. Abiyyiin si haa bulchu jedhee?

Hededa gamtaa’inaa irratti kan ati ammas suuqaa ilaaluu qabdu soba “Dr. Abiyyiif TPLF wal dhaban” jedhu. Hololonnii kuniif jechoonni akkanaa akkati miira xiiqiitiin akkam waan Oromoo ta’eef jibbama jettee Dr. Abiyyiin faarsituuf harka irra qabduuf si si’eessa. Gaafa kana ammoo Wayyaaneen akka sirratti jaarraa lubbuun jiraachuu dheeressitu taasifte. Siyyaasa keessatti kallattiin garboonfataan ittiin uummata saamee nyaatu yoo barame jijjiiramu akka qabu Siyyaasaa garboonfataatu akeeka. Kanaaf Wayyaanee jibbuu uummataa gaafa baran, qaama biraa fakkeessanii of keessaa kaasuun tiki Wayyaanee uummata hunkuruuf dhimma itti bahu. Adeemsa kana keessatti ammoo, akka waan wal jibbanii hiriira sobaa walirratti bahuuyyuu danda’u. Sun garuu; akkati xiiqoftee qaama si ajjeesee si saamu sana aangoorratti eegduufi. Kun ammoo jireenya isaanii kan dheeressu, umurii isaanii kan bubbulchuuf hidhaaf seeratti utuu hin dhiyaatin gaafatama jalaa akka miliqan godha. Danqanis danqaranis FXG qaanqeen Bilisummaa dhaabbachuu hinqabu hindhaabatusi.
2. Wayyaanoonni Waan hinfakkaanne fakkeessanii HR-128 kan addunyaan qoqqobbii irra keessee akka irraa kaasisuuf Uummanni nu faana jira jechuuf alkallattiin uummata hiriira nagaa baasanii umurii dheereffachuu

Torbanoota kana jechoota saadoo daddarbachuu cinatti “Dr. Abiyyii waliin jiraachuu keenya hiriira nagaa baanee raagessinaaf…” Jechoota jedhu facaasaa turaniiru Tikoonni (OPDO’n). Kun Oromoof waan saalfachiisaadha. Sirna isa nyaataa ture bakkatti eeguuf hiriira bahanii duukaa jirra jechuun, badii raawwatamaa ture qaama biyyan bulchaa jedhee shiftaa nutti lakkisee nu ajjeesurraa kaasanii, ofitti naanneessuudha. Dr. Abiyyii bira dhaabbannaan akka nama tokkootti utuma hojiin sabaa hojjetaa jiraate kallattiin baatee jijjiirama ammaa nii deggarra jettaa? Utuu ajjeefamaa jirtuu nagaan bu’eera jettaa? Utuu ilaaltuu maaliif jaamtaa egaa? Silaa badiiwwan isaan qaqqabsiisaa jiranoo argaa jirtaa kanarra akkam akka si miidhaniif Har-128 irraa akka kaafamutti waan Tiki sitti Kennu akkamitti hojjettaa?

Karoorri hiriiraan bahanii mootummaa tumsuu torban dhuftu qabame jechuun holola qaanii lakkisaniiru. Kun tasuma ta’uu hinqabu. Sirna sana bakkatti qanaaniisuun yakka raawwatamaniif Tigiroonni akka hingaafatamne kan godhudha. Yakka ajjeechaa nurratti raawwataa turaniif qaamni gaafatama fudhate hinjiru, nama fayyaa utuu ilaaluu Maagaaziin miila irraa muranii jireenyasa golgoleessaniif beenyaa kaffalan hinqaban. Ittuu dhiifama nu gaafate mana hidhaati bahe jechuun sabaaf sablammoota biyyattii karaa miidiyaa isaanii sobaa jiru. Akeeka kana asumatti qurxuuf hojiin Wayyaaneen of jiraachisuuf bahaatii hiriiraan akka na cina jirtan ibsaa jedhu halagaayyuu nutti kofalchiisa. Sabrii ha godhannu jedha Agartuun Qeerroo.

3. Miseensota ABO fi addatti WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka uummanni saaxilutti hojii siyyaasaa jabeessuu

Qaamota siif beelaa’anii dheebotaa turanii ammas siif gidiraa dhamdhamaa jiran akka diinaati sitti fakkeessuu irratti hojiin hojjetamaa ture. Torbanoota darban kana keessatti kun raawwateera itti fufees nii raawwata yoo ta’eef daanga’uu qaba. “Ammatti waraanni nu hinbarbaachisu! Qaamni Waraana bobbaasu isa nagaa biyyaa jeequdha” jedhan. Jecha saadooti. Irra keessoon miidhagaa jechaati, jallisaa mar’ataa qabsaa’ota hiddudha. Ammatti waraanni erga hinbarbaachifnee waraana maqaa Liyyuu ayiliin nutti bobbaasanii jiran nurraa ha deeffatan. Waraana Lixarraan WBO adamsuuf guyyuutirraa bobbaasaa turan haa ittisan. Waan ofii raawwatan WBO tti qabachuuf yakka ofumaa raawwataa jiran kan afaan Qawween si bulchina jedhan deebisanii qabsaa’otakeetti naannessuun waan dabaati. Inni alaa sitti fuulchus rakkookeef kan muddamu muraasa itti yaadi! Waraanni TPLF hidhatee adeemuun barbaachisaa erga ta’ee dhimmi kan WBO hinbarbaachifneef maalidha? Lixarraa uummata gidduutti WBO uffata Sivilin jiru uummata gidduutti utuu ajjeesanii ajjeechaan kan isaanii sirriitti lakkaa’anii tarkaanfii WBO balaaleffachuun akkati murtee of nyaattuuf kan akeekkatedha. Itti yaadi! WBO kee duukaa du’i malee gantoota OPDO tiif TPLF tti saaxiluun garbummaa sirra bubbulcha.
4. Ajjeechaaf Lola Uummata keenya irratti banamee jiru dhoksanii gaarummaa isaanii qofa akka lallabaniif qaamota akka tikaatti gargaaraa turan, kanneen maqaa Activistummaan biyya alarra jooraniif dirqamni laatamu.
Kun torban darbe raawwatee ammallee itti fufee jira. Qaamonni qabsaa’aakee fakkaatan, madaakee addunyaatti ibsuu waakkataa dhufaniiru. Kanaaf amma alkallattiin akka Wayyaanee tumsituuf Wayyaaneef Dr. Abiyyiin akka waan garaagara ta’aniitti sitti lallabuu jalqabaniiru. Wayyaaneen sirna mootummaa waggoota 28 sirra gulufaa turedha malee sanyii tokkoof qamaa tokko ykn jaarmiyaa tokko qofaa miti. Dhaaba Dr. Abiyyiin durfamu har’aa, kan Mallasiin durfamu kaleessatu cunqursaakeeti Wayyaaneen isadha. Ammoo akka waan Wayyaanee hintaaneetti Abiyyiin fudhachuun daba. Kana haguuguuf ajjeechaa bakkoota garaagaraatti ta’e gabaasuurraa harka deeffataa jiru. Hojiin akkanaa hojii tikaati dammaqi!

Duuchaatti torban darban ijji Qeerroo kanneen Hunkura Siyyaasaa jennee ilaalaa turre hanga ammaa ilaalaa ture. Kunneen qabxiilee qabsoo naaffisuuf halagaan bobbaasaa turedha. Qabxiilee kana hedduurra aanneerra kaawwan fuulduratti irra aanna. Ammoo shira Wayyaanee Torban dhuftu Wiixata borii irraa kaaftee hojiirra oolchitu maal ta’inna? Walumaan hordofnee torban har’aa walitti deebina.
Horaa Bulaa
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qalbeessaa Dhangi’aa tiin
Waxabajji 17,2018
Finfinnee Oromiyaa

2 thoughts on “Agartuu Qeerroo (Hunkuroo Siyyaasaa)

  1. QBO waa’ee hiriira degersaa Abiyyiif godhamuuf deemu maaliif calisee ilaale? Shirri kun habashaafi O”PDO” dhaan taxamaa akka jiru hubatamuu qaba

Leave a reply to walaba Cancel reply