1. Goototni Ilmaan Oromoo Kanneen akka Obboo Nadhii Gammadaa, Obboo Dabbasaa Guyyoo fi ilmaan Oromoo sirna mootummaa ADWUItiin achi buuten isaanii dhabamsiifaman kumootan lakka’amu bakka ukkanfamanii hidhamanii jiranii haal duree tokko malee haa gadhiifaman!!
2. Akka waliigalatti hidhamtoonni siyaasaa Ilmaan Oromoo kumoota dhibbootan lakkaawaman manneen hidhaa biyyatti keessatti gidirfamaa jiran hundi haalduree tokko malee nuuf haa hiikkaman!! Hidhaafi Ajjeechaan Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru labsiidhaan nurraa haa dhaabbatu!!
3. Yakki Waranaa qindaa’aan harka mootummaa ADWUI’n Daangaalee Oromiyaa kallattii adda addaan gaggeeffama jiru Addatti Bahaa Oromiyaa Godinaalee Harargee Bahaafi Dhihaa, Kibba Oromiyaa Booranaafi Gujii, Baaleefi Akkasumas Kaaba Oromiyaa Walloo Baatee irraan milishootaa Saboota ollaa hidhachiisuun daangaa Oromiyaa cabsisisaa yakka duguuginsa sanyii uummata keenyarratti gaggeessa jiru mootummaan atattamaan Oromoof Oromiyaa irraa dhaabuu qaba!!
4. Samichi Lafa Qotee bulaa Oromoo maqaa Ijaarsaa manneen Kondominiyeemiifi babaldhina Magaalotaa jedhuun addatti Naannawaa Finfinneetti gaggeeffama jiru labsiidhaan uummata keenyarraa haa dhaabbatu!!
5. ) Aanagaawootni, qondaalotnii fi qaamotni ilmaan Oromoo miliyoonan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisan, dhibboota hedduu lubbuu galaafatan aangoo irraa kaafamanii seeraatti haa dhiyaatan
6. Mootummaan Naannoo Oromiyaa (OPDO)n warraa uummata Oromoo qe’eetti jumlaan ajjeesaa jiran qorannee seeratti dhiyeessinaa malee hanga ammatti yakka duguuggaa sanyii rawwatamaa jiruuf namni tokko seeratti utuu hin dhihaatin jira. Yakki waraanaa uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru guyyaa saafaadhani qorannoon Aangawoota OPDO maal irraa gahee?
7 ) Abdi Ille ilmaan Oromoo miliyoonan buqqisee ammallee fixaa jiru qabamee seeratti nuuf haa dhihaatu! Waraanni liyyu haylii uummata keenya fixaa jiru diiggamee hidhannoon irraa haa hiikkamu, yakka raawwateef seeraan haa gaafatamu!!
8. Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa, Bilisummaa, Mirgi Namummaa Uummata Oromoofi Walabummaan Oromiyaa akka kabajamuuf wareegama qaalii roga hundaan baasuun qabsoo godhaa jirruuf of waakkannaa tokko malee deebiin nuuf haakennamu!!
9. Hooggantoonni waraanaa, qondaalonni fi humni basaasaa waggoota 27 guutuu ilmaan Oromoo ficcisiisaa turan seeratti nuuf haa dhihaatan. Qaamota ilmaan Oromoo fixaa turanii fi jiran badhaasudhaan kanneen aangootti dhufan illee yakka fakkaataa akka dalaganiif kallatti argisiisuudha. Kanaaf uummata Oromoo akka fixan jajjabeessuun hafee gaafatama seeraaf nuuf haa dhiyaatan!!
10. Sirni EPRDF(ADWUI)/TPLF/OPDO qabsoo wareegama qaalii gaafateen wayita kufaatii isa dhumaa irraan geenyee jirruutti shira of dandamachiisa maqaa haaromsa jedhuun mudamtootni haarawaan sirnichuma keessaa gadi bahuufi jijjiramni kabeebsaa godhamaa jiru hundee gaaffii uummata Oromoofdeebii kan hin taaneefi sirnicha dandamachiisuuf kan godhamu ta’uutti hubanna kanaaf furmaatni haalli siyaasaa biyyattiif barbaachisu Mootummaan Ce’umsaa jaarmiyaalee Siyaasaa biyyatti hunda hirmachisuufi hundi irratti walii galuu danda’u atattamaan akka hundeeffamu gadi jabeessinee gaafatna!!
Gadaan Gadaa Xummura Garbummaati!!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 14/2018