Maqaa haaromsaan kaabinoonni asngoo irraa kaafamanii turan gara aangootti deebifamaa jiraachuun beekame

G/W/Liixaa Anaa Jaarsooti OPDOn maqaa haroomsaan walga’ii guyyaa murta’eef ta’aa turteen Kabinoota kaleessaa uummatichaa dararaa turan gara angootti deebisaa jieaachuun beekame. Maqaa haaromsaan dhaadachaa kanneen seeraan gaafatamuu qaban gara aangootti deebisuun uummaata irraatti dararaa ture akja itti fufu aangessuun bara garbummaa ida’aa jiraachuu uummanii magaalaati koomacha jiru.

Haalumaa kanan kabinoota kaleessaa uummaata miidhaa turanii yeroof angoo irraa buusun ammaas gara angootti deebi’an keessaa;
1. Geetachoo Dhibbisaa
2. Gammachuu Qixaaxxa fi
3. Sorii kan jedhamaa akkasumas                  4. Abbaan Alangaa Anaa Jaarsoo kan bara 2008 Bartoota Mana hiidhaati reebisa ba’ee Daagiim Tashomaa namni jedhamuu immoo hangaa ammaati angoo irraa tursuun uummaata akka miidhuu jajjabeessamaa jira.

Uummani Anaa Jaarsoo yakkamtootni kunneen hatatamaan angoo irraa hin kafaaman taanan tarkanfii maata isaanii fudhachuuf akka jiran himaa jiru. Kana malees kaabinonnii kaleessaa uummaata hiidhaafi hiraarsa turan maqaan angoo irraa haa bu’aan malee meesha uummaata duran hiidhaacha turan ammayyuu waan irraa hin hiikamneef meeshaa uummtaan ummata doorsisaa jiru waan ta’eef meeshasn jen atattamaan irraa hiikamee akkaa Fuuleen anichaaf kennamuu jabeessanii dhaamaniiru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s