Rakkoo Uummataa Sadarkaa Yaadaa Qofatti Dubbatanii Darbuun Furmaataf Nageenya Biyyatti Kan Eegsisu Miti
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 16,2018
Finfinnee Oromiyaa
Saamichaan akkasuma sarbaminsa mirga uumaamaan qabnuuf Heeraaf seerri biyyattii mirgoota nuuf kennu molqamuun akka lammii lammaaffatti biyya impaayera Xoophiyaa keessa jiraachaa waggoota hedduu dabarsine. Sarbaminsa mirgoota uumamaaf heeraaf seera biyyattiin arganne deeffachuuf qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO dhaan durfamee biyyattii keessatti uummata isaa of duuka hiriirsee gochaa tureen, falmaa abbaa biyyummaatti dabaluun falma mirga namoomaaf wareegamni qaaliin kaffalame.
Wareegama nuti Qeerroon Bilisummaa baroota dheeraaf kafalleen yeroo ammaa qaama gamaa gamanaa bu’aa siyaasaaf jecha akka injifannoo mataa isaa fakkeessee itti dhimma bahuuf olii gadi kaatu argaas dhagahaas jirra. Waggoota darban keessa haalleen akkasii osoo arguu tokkummaa Oromoof jecha Qeerroon Bilisummaa hanga sararaa diimaa bira gahamutti usee irra darbaa ture. Haata’uutii haalli yeroo ammaa ummanni keenya keessa jiru kan durii irra hammaataa fi saamichii fi cunqursaan bifa haaraa fi tooftaa jijjirrateen diriiraa jira.
Wayyaaneen ummata Oromoo saamuu irratti baroota dheeraa umurii dabarsan har’as dhaalota ilmaan isaanii kan duubaan guddifatan hedduutti dabarsanii kennaa jiru. Oromoof muudama, Habashaaf aangoo fi diinagdee jecha jedhuun caasaa isaanii dhoksaa guddoo diriirfatanii jiru. Ummanni keenya qaroominaan argu mudama siyaasaan goyyomfamu boodaan eenyutu jira isa jedhu dabarsee arguun qabeenya saamame fi aangoo bifa hundaa qabaachuu isaan irratti xiyyeefatee jira. Goyyomsaan muudama aangoo baroota 130 ol gabrummaan dabarsine keessattuu faayidaa akka hin arganne Oromoon tolchee beeka. Dhalooti ammaas seenaa irraa barachuun dirqii ta’a.
Gama biroon Ilmaan Oromoo mooraa barnootaatti akkasuma magaalaa jiraatuu keessatti waan Oromoo ta’e qofaaf ija lammii lammaaffaan ilalaamuun gidiraan jallataan qaama mootummaan nurra gahaa jira. Qaamonni mootummaa gaaraa hanga godaatti uummatarratti/Oromoo irratti kan bobbaa’anii hojjetan, waraqaa eenyummeessaallee nu baasuuf kan fedhi hinqabne akka lammii biyyichaa taane hanga nurraa molqanii as miti lamummaan keessan jedhanitti jibbinsi saba Oromoof ilmasaa irra gahaa jira. Rakkoowaan uummata Oromoo haala gadiin ilaaluu dandeenya.
- Qore Bulaan maal keessa jira.
Rakkoowaan olii Kana cinatti daballiin gibiraa waggaa waggaatti Qote bultoota Oromoo irra gahaa jira. Doorsisni lafti kan Mootummaati hojjettan hojjechuu dadhabdan abbaa qabeenyaa biyyattii misoomsuu danda’uuf laatama jedhuun Qote bultoonni dararamaa jiru. Lafti akka harka Qote bulaa hinjirre waltajjiwwan hedduurratti himuun doorsisa jabaan uummata baadiyyaa goolaa jiran. Dabalataan lafti hektaarri tokko Baaleetti qamadii kuntaala 100 baha, wallaggattis hanganuma bahuu qaba. Kana galchaa hinjirtu taanan qotuu waan hindandeenyeef abbaa qabeenyaa misoomsuuf laatamee abbaa qabeenyaa jalatti hojjettu jechuun waggoota 4 as doorsisa ture ammallee cimee itti fufee jira. Lafti qote bultootaa safaramaas jira, safarrii sanaan ammoo laftikee baay’edha hoji dhabaadhaaf laanna jechuun uummata walitti diruun wal dhabsiisuu irratti hojjetamaa jira. Kanaaf dhaadannoo “Lafa keenya irratti lafee goota Oromootu cabe, saanichi lafaa ha dhaabbatu” jedhun sagalee dhageessisuu itti fufna.
- Uummanni Oromoo naannoo magaalaalee jiraan haala akkamii keessa jiru
Gaaffii waggoota dheeraa gagaatamaa tureen maqaa Liiziif plaanii magaalaa jechuun uummata Oromoo Qote bultoota naannoo magaalaa lafarraa kaasuun akkuma turetti itti fufee jira. Uummanni keenya kaasaa gahaan alatti, waan sababa hinbeekamneen lafasaarraa buqqaa’aa jira. Gaaffii maaf laftikoo narraa fuudhamaa yoo kaase, “lafti kan Mootummaati!” Jechuun yakkamee hidhama. Halaa kanaan ammallee magaalaan Finfinnee daangaa mataasaa utuu hingodhatin saamichaan gidiraan jallataan uummatarra gahaa jira. Kondominiyeemiin dinagdee Tigirootaaf ijaraamu bal’atee ijaaramaa jira. Kondominiyemii Mootummaan ijaaree uummata Tigiree ta’e qofaaf laatamee isaan kireessanii dinagdee isaanii guddifachuurratti argamu. Qote bultoonni lafasaaniirraa buqqaa’an simmintoo baatanii jiraachuuf dirqaman. Gochoonni akkanaa magaalaa Finfinnee qofa utuu hintaane, bakkoota hedduutti raawwatamaa jira. Kanaaf dhaadannoo “lafa keenyarraa nu buqqaasuun raawwatee dhaabbachuu qaba!” Jechuun gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti fufa.
- Daldalaan Oromoo maal keessa jira.
Daldaltoonni Oromoo haala hedduu rakkisaa keessa jiru. Daldaltoota Oromoo qofaaf project “Baatii” jedhu kan qophaa’e ba’e maqaa baatiin Oromoo irratti xiyyeeffatamee maallaqa hedduun saamicha irraan gahuun itti fufe. Haala kanaan abbootiin qabeenyaa Oromoo gamoo tokko ijaarraan dabalanii ijaaruu hindanda’an. Sababaan yoo xinnaate ilma Oromoo gamoo tokko qaburratti baatii miliyoona tokkoof walakkaa (1.5) gaafatani dinagdeen sammuu keessa nu rukutuun itti fufe. Haala kana damdamachuu kan hindamdeenye, ilmaan Oromoo hedduun gamoo ijaaranii kireeffatoota kaabaaf laatanii taa’uuf dirqamani. Gochoonni kun magaalota Oromiyaa kanneen akka Finfinnee, Naqamtee, Jimmaa, Awwaday, Shaashamannee, Bushooftuu fiagaalota Oromiyaa bakkoota hedduutti raawwatamaa jiru. Kanaaf “Dimagdee keenya ugguruun haa dhaabbatu!” Dhaadannoo Jedhuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaaffii haqaa uumnatasaaf gaafachuu itti fufa.
- Uummanni Oromoo naannoo Waarahaa jiru rakkoo akkamiif saaxilame.
Maqaa “guddinaaf traanfoormeshinii” jechuun abbootii qabeenyaa biyyattii guddisan alaa isinii fidne jechuun Chaayinaaf fi Hindii danoomaan akka waarshaa biyya Oromiyaa keessa dhaabbatuuf maallaqa guddaan lafa uummataa gurgiruun qaamonni aantummaa biyya isanii hinqabne OPDO waliin ta’uun maallaqa guddaatti lafa uummataa gurguran. Gurgurttaa lafa Uummataa kanaaf Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaaffi jajjabaa gaafataa tureera. Hanga ammaa deebiin argame jiraachuurra ittuu lafa abbootii qabeenyaa qabachiisuuf akka jiran uummatatti himuun yaaddoof uummata baadiyyaaf magaalaa uummata Oromoo galchan.
Badiiwaan uummata Oromoo naannoo Waarshaa irra gahaa jiran, faalama qilleensaaf faalama bishaaniin biyyattii baddee hanga golgolooftutti gahaa jirti. Dabalataan maallaqa qaamota aanaaf laachuun halagoonni biyya keenya keessa warshaa qaban akka barbaadan qabeenyaa uumamaa bosona ciranii balleessuu cinatti lafarraa uummata dhiibanii “mootummaatu nuu ayyame!” Jechuun rakkinaaf gadadoof nu saaxiluu itti fufan. Rakkoowaan albuudni MEDROC qs dhoksaan yakkoonni raawwatamaa jiran hedduudha. Rakkoowaan waarshaan Sukkaaraa Waamaa, Dhidheessaa, Warshaa Shukkaaraa Fincaa’aa uummatarraan geessisaa jiran, lageewwaan goksuuf bishaan lafarraa ciranii bineensota bosonaa godaansaaf saaxilaa jiru. Waarshaan Bishaan Amboollee rakkoowaan guddaa uummatarratti fidaa jira. Kanaaf waarshaan uummata Oromoo faayidaa hinkennine ittuu miidhaaf uummata keenya keessa jiran hatatamaan hanga hojii isaanii dhaabanitti dhaadannoo “Daguuggaa sanyii karaa waarshaa nutti dhufu nurraa dhaabbachuu qaba!” Jedhu cimee itti fufa.
- Barataan Oromoo rakkoo akkamii keessa jira?
Barataan Oromoo waggoota Oromoo waggoota dheeraaf akka lammii biraatti ilaalamuun baratee ogummaasaan akka hinojjenne ugguramaa ture. Haalli kun itti fufuun barataan Oromoo mooraa Yuunibarsiitii irraa eebbifamee ba’u biyyattii bulchuuf jijjiirama uummataasaaf aantummaa biyyasaa kan qabu hojii dhabaa ta’uun xiinsammuusaa irratti hojiin hojjatamu itti fufe. Barattoonni bara darbe eebbifaman guutummaatti hoji dhabaa ta’anii qe’ee jiru. Kanneen isaaniin fura eebbifamanis maqaa Miseensa Mootummaa miti jedhuun yakkananii ogummaa isaaniin uummata gaggeessuu dadhabanii jiru. Kanaaf dhaadannoo “barataan Oromoo humna jijjiirama biyya Oromiyaa waan ta’eef barataa Oromoo jibbuun, ajjeesuun ha dhaabbatu!” Jedhuun gaaffii karaa nagaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaafatu itti fufa.
- Hojjetoota Mootummaa Oromoo bsoon
Hojjetaan mootummaa ogummaa isaan uummata tajaajiluuf dirqama qaba. Keessattuu Barsiisaaf hojjetoonni buufata fayyaa biyyattiif utubaa ta’uun kan tajaajilan lubbu baratoota uummanni abdatudha. Isaan kana irratti kaabinoota Mootummaan dirqama Miseensa keenya ta’aa jechuun dararuu, yoo miseensa ta’an ammoo kan miseensummaa, kan ambuulaansii, kan Gibiraa, fikkf dhaan miindaa uummataa saamuun cimee itti fufe. Kana maqsuuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaadannoo “mirgi hojjetoota Oromoo ha kabajamu!” Jechuun gaaffii gaafatu itti fufe.
Maayirratti rakkoo uummataa sadarkaa afaanii qofatti dubbatanii bira darbuun furmaataaf nageenya biyyatti kan eegsisu miti. Kanaaf rakkiin sabaaf gaaffiin uummataa haqa ta’uu erga amananii gaaffii sabaa deebisuun dirqama. Qabsoon itti jirru furmaata barbaaduuf qaamni mootummaadha ogiin jedhu hanga jechaatti malee gochaan waan fire hinqabu. Kanaaf qabsoon uummataa jabaatee Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin itti fufuun uummata Oromoo qaanii waggaa dheeraaf gaddaaf gadadoo keessa baasuuf nii hojjenna
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 16,2018
Finfinnee Oromiyaa