Garboonfataan hanga hindiigamnetti, nageenyi biyya tokkoo nii eegamaan, Bilisummaan akka barbaanne sochoonee hojii hojjennaa dhara. Hanga garboonfataa saggoorra kaahatee jirutti sabni tokko cunqurfamuun waanuma jiru.
Garboonfataa qaarisiisuun ammoo, caasaaf jaarmiyasaa hongeessuun dhabama gochuurraa jalqaba. Jaarmiyaan xiqqas ta’ee guddaan, kan garboonfataa jalatti hojjetu garboonfataa teessumarratti eeguuf dirqama mataa mataasaa nii bahata.
Siyyaasni kamuu, Mootummaan kamuu akkasuma dhaabni biyya hogganuuf biyya saamus jaarmiyaa jaarmiyaan socho’a. Jaarmiyaan socho’ee manasaa jabeeffata. Har’a garboonfataa Wayyaanee OPDOtu suphaa jira, isaantu fayyaaleessummaa isaaf dalagaa jira. Haalliif adeemsi OPDO akkuma baroota darbanii, gowwomsaaf, sossobbaan uummata m
irgasaa gaafatu oldachaasuudha. Mirgakeef falmachuuf baatee, deebitee manatti galuun yoo mirgakee kabachiifatte qofaa ture.
Kun hafee gariin hawwaasa Oromoof mirga abbaa biyyummaa falmachuuf bahe, holola Jaarmiyaa maxxantuu Wayyaanee OPDO tiin baraqaanee manatti ol dacha’uu yaaleera. Haalli kun ammoo nyaqarsa garbummaa dabala, garbummaa qancarsa. Har’a waan OPDO’n gootu hundumtuu siyyaasa kan jedhantu jira. Sun dhugaadha. Hojiin isaanii silas siyyaasa. Garuu akkaataan itti hubannu, karaa nu fayyadu hojjetaa jiru jenna taanan soba dubbiiti. Dr. Abiyyi akkuma daawwattootaa naannooleef godinota biyyattiirra naannaahee yakka sabalataa gochaa jira. Yakkasaa sana gara waan gaariitti haqaaqee, holola sobaan kan uummata gowwomsuuf kaahaman ammoo maqaa #TeamLammaa jedhuun ijaaramanii tubboo Wayyaanee ta’uun uummata fajjeessuu yaalu. Badhaasa garboonfataa akka Bineensaa, diina uummata Hayila Maariyaam Dassaallenyiif kennuun Dr. Abiyyi siyyaasan moohadhuudhaafi tapha siyyaasaati kushaa kushara jechoota dhommoqaa akkanaan aafan nutti baruu yaalu. Yaaliiwwan namtichi gochaa jiru martuu, diinummaa ta’uu uummanni cimsee beeka. Kana dura dhaabbachuufis dhaabbachuuttis jira. Kana Wayyaanee ijaaruutti warri bobbaatanis yeroof suphuu dandeessu, waan diigame deebiftanii gadhaabuu matumaa hindandeessan. Horaa Bulaa Injifannoon uummata Oromoof! Ebla 27,2018 Finfinnee Oromiyaa Qalbeessaa Dhangi’aatin