Ebla 22,2018
Finfinnee Oromiyaa
Uummanni muraasni ammallee OPDO qaama isaa taasifatee ilaaluu barbaada. Qabsoo keenyatti ija nuu horu, maqaa Shororkeessummaan ABO yakkuuf, oladeemaa Oromoo alanfatanii nyaachuun nii dhaabbata jedhee tilmaama.
“Qaamni Wayyaaneef OPDO ammaa tokko miti, Wayyaaneen warra nu luugaa turteef nu luugaa jirtudha. OPDO’n ammaammoo isaaniin seeratti nuu dhiyeessa” jedhee tilmaama.
Gariin hawwaasaa immoo keessattuu jaarmiyaan ABO fi Qeerroo Bilisummaa, Saneen sanuma mammaaksa jedhu dhugoonfatu. Kana jechuun OPDO haaromtus moofoftus diinummaashee hanga gaafa arcaatee diigamtuutti hindhaabdu jedhu. Isaan kun jijjiirama waaraa barbaadu, gowwomsaaf kabeebsaa dursanii warra hubatanidha. Isaan kun hanga Bilisummaa haqaaf mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoo kabachiisanitti qabsoo godhan itti fufu.
Yaadni hawwaasaa gara biraan ammoo “amma abbaa biyyaa taaneerra, bilisoomneerra, kan biyya bulchaa jiru nu’i…” Jedhee yaaduutti jira. Isaan kun warra biddiqqoo garbummaa hafuuggatanii rafaa jiranidha. Isaan ganamaa galgala rafan kana hirribaa dammaqsuu danda’uu nu gaafata. Gareen kun warra hojii xixiqqoon birqaananidha. Isaan waa’ee Bilisummaa fi Birmadimmaa, walabummaa hubataa hinjirredha. Garee kanaaf soora sammuu laachuu nu feesisa. Soora sammuu jechuun icciiti alagaaf, firaaf wa’ee Bilisummaa walabummaa barsiifachuu jechuudha.
OPDO ofiisheetii eessa jirti? Jaarmiyaa Kanarraa matumss abdii akka hinkaawwanne asumaan himuun fedha. Jaarmiyaa kana keessatti kanneen miseensa ta’anii hojjetan, hedduun isaanii harka dhiigaan nyaatu. Isaan kana keessatti kanneen Abbaa manaa isaanii ABO dha jedhanii ajjeesan, kanneen ilma isaanii ABO jedhanii hisisan, akkasuma kanneen maqaa ABOtin yakkuun lubbuu qaroo Oromoo ajjeesantu guutuudha.
Jaarmiyaa halagaan gad dhaabe uummata Keenya ittiin gonofsiisaa jiru kun, yoo nama ajjeesan, maqaa ABO tin qabanii yoo hiisisan teessoon ol siqaaf. Itti aanarraa gara hogganaa oliitti guddachuuf jalqaba nama ajjeesisu, Oromoo dararuu qaban. Kanaan har’a siqanii siqanii gaafa biyya gaggeessuurra gahan hojii akkamii hojjetu jennee timaamuun nu hindhibu.
Har’a isaan hoggana olaanaa argatanis, ajjeechaan, jumulaan hidhamuun ittuma fufee jira. Kanaaf isaan idduma kaleessaa jiru. Afaaniin akkasuma oduudhaan jijjiiramaniiru. Oduun gocha miti, qaamni ABO jibbu kamuu Oromoof hinbarbaachisu. Akkasuma qaamni Oromoof hinojjenne kamuu ABO waliin hariiroos hinqabu.
Duuchaatti eessatti OPDO nama muraasaan eessatti yaadamu? Eessammoo jiru kan jedhuuf, “sagal elamamus sagaltamni elmamus kiyya qiraacuma” jette Adurreen. “Roobus caamus ijji misiraa lama” jedha Oromoon. Bakkuma kaleessaati humaa waan socho’an hinqaban jechuuf, jechoota luugamaaf tolu jijjiirrataniiru.
Horaa Bulaa
Injifannoon uummata Oromoo!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Ebla 22,2018
Finfinnee Oromiyaa
Nimoona