Akkuma beekamu mootummaan abbaa irree TPLF caasaa Uummata Oromoo naannichaa fi saboota biro walitti buusuuf ijaaree fi harcaatuun caaseffama Dh.D.U.O duraanii waliin ta’uun carraa ishee isa dhumaa fayyadamuuf yaalii gochaa jirti.
Waan uummata Oromoo naannichaaf aantummaa qabaniifi yaadan fakkeessuun walitti bu’insa bifa haaraan qindaa’e raawwachuun Uummata Oromoo naannichaa buqqisuu fi ajjeesuu dha.
Kunis:
1. Walitti bu’insa Oromootaa fi Oromoota gidduuti karaa harcaatu Dh.D.U.O duraaniin uumuudha. FKNf Hidhamtoota Siyaasaa Matakkal mana hidhaa Qiliinxoorraa bahanii fi Ijaarsa dhaaba ABO haaraa jedhanii sobaan ijaaran wajjin walitti buusuu;
2. Qeerroo naannichaa qeerroo Asoosaa, Matakkal, Wambaraa fi kanneen biro ijaarra jechuun ergama TPLF “Qeerroo Qeerroon ajjeesuu’’ jedhu raawwachiisuuf caasaa Qeerroo argachuu fi barbadeessuuf Munyuuqaa jiru;
3. Caaseffama Dr Amsaaaluufaa Saba Shinaashaa giddugala godhatee uummata Oromoo naannichaa irratti xiyyeeffatee jiru sadarkaa mootummaa naannichaarra fudhatama guutuu argatee deeggarsi barbaachisu hundi godhamaa jira. Kunis yeroo dhihootti hojiitti seenamuuf jedha.
Kanaafuu Uummannii Oromoo fi Qeerroon naannichaa of eeggannoo barbaachisu hunda akka gootanii fi Sabboontonni keenya Matakkal Mana hidhaa Qiliinxoo fi kanneen biroo keessaa baatan ololaa fi sochii kam irraayyuu of qusattanii jiruu fi jireenya keessan nagaan akka gaggeessitan waamicha goona.
Caaseffamni Shira TPLFn karaa Miseensota Yaada dulloomaa Dh.D.U.O. duraanii fi Qaamota adda addaan ijaarame Uummata Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz hundi iffatti beekee waan jiruuf, qaamonni gochaa Suukkanneessaa kana keessatti Qooda fudhataa jirtan Ammas irra deddeebinee carraa akeekkachiisa dhumaa isiniif kenname kanatti akka fayyadamtan isin beeksifna.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroo Matakkal-Asoosaa irraa
Eebila 21, 2018.