Damee Boruu: 03/22/2018
Bitootessa 10, 2018 dhumaatii Ilmaan Oromoo Magaalaa Moyaaleetti keessatti guyyaa waaree uummata nagaan jiruu fi jireenya gaggeefataa jiru irratti raawwatameef waraanni Wayyaanee WBOn haleelamuu ijaa (revenge) ykn haaluu bahuuf akka tahe Mootummaan EPRDF sababa dhiyeefatee jira. Dhumaatii Haroo Arsadii, Calanqoo fi Hammarreesaaf immoo eenyuun ijaa ykn haaluu bahuu akka raawwatame kan dageenye hin jiru. Mootummaan TPLF ilmaan Oromoo lafa irraa dugugee balleessuuf sababa himachuu hin qabu. Akka barbaadetti hidhee, tumee, ajjeessee, qaama irraa cirree bara dheeraa kana guutuu itti sirbee bitaa jira.
Haa tahu malee lolli waraanaa iyyuu seera akka qabu hin dagannu. Loltunuu seera biyyaa tokko keessatti ajaja olii irraa dhufee jedhee seera biyyaa ykn biyya lafaa cabsee yoo nama ajajjeesse lubbuu baaseef itti gaafatamuu qaba. Hojiin TPLF garuu seera biyyaa Itoophiyaa jedhamuufis tahe kan biyya lafaaf kabajaa qabu. TPLF mafia seera biyya lafaa irraa adda taheen humna seera bosonaan jiraatu dha. Akka TPLFiif yoo tahe Uummatni Oromoo nama dhalootan TIgree tahe ajjeessuu miti foon isaa jaji’ee nyaachuun ijaa baasuuf hin danda’u.
Akka dargagoon Oromoo tokko mana hidhaa TPLF biyya Tigrayi keessatti lafa jala itti hidhameen bahe jedhee dhiyeenya kana ONN irratti dubbachaa ture Oromonni butamanii achi gaheen isaanii hin beekamne lafa jala itti hidhamanii jiran keessa, warra iji keessaa bahe, gurraa fi arabni irraa cite arguu isaa raga baha. TPLF kana hin gootu jechuu miti. Jaarsa , jaartii, dubartii ulfaa fi daa’ima ajjeessaa olitti. Hammeenyi kun hunduu waan bu’aa qabuuf itti fakkaachuun ni mala. Sammuu oftuullumaa qabduu gammachuusuuf malee bu’aa hin qabuuf. Uummta Oromoo akka tutta kaanisaa tuqqamee belbilchee kan lafaa kaase hammeenya TPLF raawwachaa jirtu kana akka tahe mamii hin qabu.
Moottonni Amaaraa Uummata Oromoo jaarraa tokko ol kan bituu danda’an” nuti obbolaa keessan“, ”kan nu dhalchu hin beeknu” jechaa karaa duubaa boola qotanii nama Oromoo owwaalaa fi warra jabaa tahe immoo durba isaanii kennuufdhaan malaamaltummaan akka gowwoomsaa turan seenaan raga baha. Mootummaan Amaaraas qabeenya Oromoo saamee ittiiin bashananee yaroo jiraatuu uummatni keenya jireenya gadadoof saaxilamee akka ture ifa jira. Sosobaan Mootota Amaaraa qabsoo bilisumaa uummatni keenya gochaa ture laafisuuf gahaa waan qabu natti fakkaata.
Hammeenyi TPLF salphannee jiraachuu fi ulfinaan du’uu jidhuu akka filannu waan nu dirqeef jecha uummatni keenya sodaa mo’atee murannoo guutuun qabsoo bilisummaa itti seene. Duuchaatti Uummatni Oromoo aduu bilisummaa guyyaa tokko illee taatu argee darbuuf waan filatee TPLF waan barbaadde haa labsitu, hammeenya barbaadde haa hojjetu , abbaa barbaadde haa ajjeeftuu irree tokkoon ka’ee dura dhaabbachaa jira. Kana nama Oromoo tahee dhalate tokko miti biyyi lafaa hundi raagaa tahaa waan jiruuf uummata koo jajuuf jedhee kaasaa hin jiru.
Uummatni Oromoo seeraa fi heera badhaadhaa uummatni biyya lafaa iyyuu irraa baratee nagaan jiruu fi jireenya akka gaggeefatu gargaaru kennaa guddaa qaba. Akkuma kana uummatni keenya aadaa sooresa tahes ni qaba. Aadaa Aaraaraa (conflict resolution) uummatni dhaalaan qabu biyya lafaa kana irratti immoo barnootaa, muxxannoo fi qormaataa dheeraa booda oggummaa aaraaraa horatanii ittiin namoota hojjetan aggarra. Namootni Oromoo tokko tokko waan yaroo kana keessa waa’ee qabsoo uummata keenyaa oogan fakkeessanii barreessan baayyee nama gadisiisa. Fakkeenya fudhachuuf namni maqaa Birhanu Hundee jedhu tokko Afaan Amaaraa fi Oromoo waan hedduu wal keessa laaqaa jira.
Ummatni Oromoo akkataa itti rakkina isaa hiikatu aadaa qaba. Namni kun waa’ee qabsoo uummata Oromoo irraa barreessu yaada. Yoom gara qabsoo uummata Oromoo akka seene hin beeku. Maxxansaa isaa kana keessatti maqaa namootaa gurraan dhaga’ee hunda sarara. Haalla turee fi furmaata argamee dhibame irraa waan beeku hin qabu. ABO Kaayyoo Bilisummaa tahuun isaa hafee ABO kan Badhaasaa, kan Tolasaa, kan Camadaa kan nama biraa inni maqaa beekuu jedhee waama.Yoo akka inni jedhuu ABO kan namoota tokko tokko tahe gaafa isaan du’an ABO wajjin du’ee rakkinni jira jedhu ni hiikama. Garuu waan hubachuu qabu ABO kaayyoo bilisummaa akka tahee fi qabeenya dhuunfaa Uummata Oromoo hundaa akka tahe dha.
Karaa biraa namnuu karaa isatti fakkaateen qabsoo kanaaf gummaachuu irraa dhaabbatee amma nama tokko qofaa duba hiriiruu eegachuu hin qabu. Haa tahu malee diina uummata keenya fixaa jiru dhiisanii afaaniin iyyuu yoo tahe wal irratti bobba’uun haalan fokkisaa dha. Yakkamas waan tahee akka wal nu gaaffachiisus dagachuu hin qabnu. Namni tokko yaada isaa hin ibsatiin ilaacha jedhus hin qabu. Garuu yaroo uummatni keenya Bahaa amma Dhihaa , Kabaa amma Kibaa akka nama tokkotti ka’ee diina isaa isa duraa kan taate TPLF irratti bobbaa’a jiru waa’ee garaagrumaa Oromoo afarsuun bu’aa maalii qabaa? Yoo akeekni isaa qabsoo kana gara boodatti harkisuufis tahee hin milkaa’uuf. Sababni isaa uummatni Oromoo waan barbaaduu fi waan isa baasu adda baasee hubatee jira. Namni kun anaanuu na dogongorsee yaroo koo fudhachaa jira. Waa’ee isa dhiise gara tokkummaa fi gootummaa Uummatni Oromoo itti jiruu deebi’uun na gammachiisa.
Uummatni Oromoo wal irratti miti orma irratti iyyuu ijaa ykn haaluu uummata bahu miti. Yaroo TPLF waraana Liyuu Poolisii Somalee uummata keenya irratti bobaaftee kumaataman ajjeeftuu fi nama miliyoonaa ol jiruu fi jireenya isaa irraa buqqiftee darbitu Uummatni Oromoo Uummata Soomalee isa jidduu jiru irratti bobba’ee hin fixne. Uummatni Somalee obbolaa keenya jedhee ofitti ammate. Ummatni seenaa fi aadaa badhadhaa qabu eenyummaa isaa hojiin akkana mirkaneessa. Uummatni keenya rakkinaaf saaxilamuun isaa nuu haa gubu malee injifannoo siyaasaa biyya lafaa kana irratti kan gonfate Uummata Oromoo akka tahe dagachuu hin qabnu.Uummatni Oromoo diina isaa fi fira isaa adda baasee beekee jira. Har’a s borus diinnii keenya TPLF uummata olaa keenya jiru hundaa wajjin walitti nu diruu shiraa xaxxaa jirti. Shira kana cirree yoo bira darbuu hin dandeenyu tahe akkuma TPLF nuyis uummata keenyaaf diina horachaa deemna.
Akka ayyaana keenyaa tahee biyyi keenya Oromiyaan karaa hundaan sabaa fi sab-lammii hedduun marsamtee jirti. Kufaatiin Mootummaa Itoophiyaa isaan irrattis gaaga’ama hin yaadamne fiduu waan danda’uuf yaadoo qabaachuun isaanii ni mala. Keessattuu akkaataa itti uummatni Oromoo isaan hubatuu fi fudhatu haalaan murteessaa(delicate issue) dha. Yoo karaa qajeelaan yaroo qabsoo itti jiruu kaafne waliin gara fuula duraa tarkaanfachuu hin dandeenyu tahe rakkinni uummata keenyaa fi biyya keenya mudatu salphaa hin tahu. Kanaafuu Uummatni Oromoo sabaa fi sab-lammawwan kanaaf abdii bilisummaa akka tahu irratti hojjechuu qabna.
Namoota dhalootan Tigree illee tahan warra Mootummaa TPLF wajjin dhaabbatee uummata keenyaa fi qabsoo keenya irrra gaaga’ama geessisn seera waraanan adabuu malee haaluu yknn ijaa bahuuf jechaa waan godhamu bareedaa hin tahu. Waan har’a uummatni keenya gochaa jiru biyyi lafaa akka ija baasee nu ilaalaa jiru dagachuu hin qabnu. Ijaa ilmaan Oromoo warreegama qaqqaallii baasaa jiranii baasuuf Fincila Xumura Garbummaa akkuma jalqbne kanaan itti fufnee fiixaan baasuu qabna. Mootummaa TPLF mancaasuun qofa gahaa miti. Isa boodas uummatni keenya ilaa fi ilaamen nagaan jiruu fi jireenya isaa gaggeefachuuf ayyaana argachuu qaba. Haala qajeelaa kana fakkaatu uumuuf waldhaansoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa fi naannoo ishee keessatti deemsisaa jiru haalan amansiisaa dha.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!
Mootummaan Garboofattuu Uummata Garboome Bilisa Hin Baasu
Damee Boruu: 3/28/18
Seenaa biyya lafaa irratti amma har’a Mootummaan Garbooffatuu uummata garbummaa jalaa bilisa baase ragaan mul’isu hin jiru. Dhaabbanni TPLF aangoo guutuu (absolute Power) irratti haa qabaatu malee Mootummaan Uummata Oromoo wagga dhigdamii torbaaf bitaa jiru Mootummaa EPRDF akka tahe wal nama hin gaafachiisu . Akka Mootummaatti TPLF qophaa ishee Impaayera biyya Itoophiyaa bituufis dandeetti hin qabdu. Kanaafu maqaa Saboota Impaayeera Itoophiyaa keessa jiraniin Dhaabboota adda ddaa ijaartee tooftaa jidduu galummaa dimookraassii jedhuun akka hin sochoone akka fardaa takaaltee ittiin biyyaa garboofachaa turte. Har’as bareechitee itti jirti.
Mootummaan sirna waan taheef akka nama tokkotti fudhatamuu ykn hubatamuu hin qabu. Sirna Mootummaa sana irrati hundaa’ee namni mataa mootummaa sanaa tahu waan dhalaguu danda’u fi hin dandeenye qaba. Fakkeenyaa sirna Mootummaa EPRDF kan hundeesee ijaarate TPLF waan turteef Meles Zenawii sodaa tokko malee maqaa Mootummaa EPRDFiin waan barbaade hojjechuuf ayyaana argatee ture. Haayile Mariyaam Dasaalenyi immoo maqaaf achi jira malee waan TPLF eehamteef ala bahee hojjechuu miti afaan isaa banee iyyuu dubbachuu akka hin dandeenye namni quba hin qabne yoo jiraatee isa du’e duwwaa dha.
Haayile Mariyaam qodaa cabaa ture. Waraana , nagaa tikstuu fi mana seeraa TPLF irratti aangoo tokko illee qabaachaa hin turre. Yaroo waraanni TPLF jumlaan uummata nagaa fixxu , yaroo walii gala uummatni Impaayera Itoopiyaa haqni isaa sarbamee dararamu, qabeenyi isaa saamamu , mana hidhaa keessatti waxxalamu fi akka bineesaa adamsamee ajjeefamu maaloo dhiisaa jedhee illeedubbachuu hin danda’u. EEnyutu maal akka hojjechaa jiru hin beeku. Agaazii TPLF tokko Haayile Mariyaam Dasaaleyni ol aangoo qabdi. Haayile Mariyaam Dasaalenyi dhalootan Walaayitaa waan taheef uummata Walaayitaa bilisa hin baafne. Saboota Impaayera Itoophiyaa keessa jiran irraa adda baasee kan badhaase illee hin qabu.
Hooggantoonni OPDO durii warra waraana irratti booji’amani waan turaniif TPLF itti dubachuu miti ija guutanii ilaaluu iyyuu ni sodaatu. Waan hojjechuu qaban barreefaman qajeelfama hojii jedhamee TPLF irraa ergamaaf malee akka wal qixxeetti waliin mariihachuuf iyyuu ayyaana hin argatan. Tarii hooggantoonni OPDO warri boojuu hin taane TPLF itti dubbachuuf onneen isaanii waan dhangala’e hin fakkaatu. Akka warra boojuu sanaa utuu sodaatiin waan isaan itti fakkaate dubbachuuf TPLF eehama waan gaafatan hin se’u. Haalli kun jijjiramni yaadaa biqilaa jiraachuu ni agarsiisa.
Haa tahu malee amma sirni EPRDF ijaarate jiru rakkinni siyaasaa, dinagdee fi nagaa biyyaa Impaayeera Itoophiyaa hiikaa hin argatu. Jijjiraa namootaa utuu hin taane kan barbaachisu jijjiraa sirna biyyaa burjaajjessee dhiiga dhangalaasaa jiru tahuu qaba. Mootummaa EPRDF hooggannuuf Abiiyi ykn Abooyeen, Shuguxxeen ykn Damaqeen filatamuun gargarummaa hin fidu. Namni filamu kun kan hooggannuuf deemuu waraana TPLF kan uummata nagaa fixxaa fi jeeqaa jiru, nagaa tiksiituu biyyaa jedhamee humna mafia nama adamsee ajjeessaa oolu dhunfachuuf deema. Sababa kana irraa kan ka’e namni EPRDF itti mataa tahu akkuma warra isa duraa abaaramaa fi jibamaa taha.
Humna waraanaa fi nagaa tiksiituu TPLF irratti namni tokko aboomaa qabachuu akka hin dandeenye guyyaa guyyaan argaa jirra. Namni Prime Minsiteera Impaayeera Itoophiyaa tahuuf filatamee , Dr. Abiyi Jeraala Samoora yoonus fi Geetachew Assafaa aboomee warruma miseensa EPRDF tahan jidduutti iyyuu sirna ilaa fi ilaamee fiduu hin dandeenye bakkee jira. Utuu humnaa isa qabaate isaaniin bakka jiran irraa kaase afuura fudhatee waan hojjechuu hawwu irratti tarkaanfachuu ni mala. Utuu bakka jiran irraa isaan hin kaasiin bakka jiru irraa akka isa darban garuu mamii hin qabu. Biyya Impaayeera Itoophiyaa keessatti sirna ilaa fi ilaamee fiduuf dugdi TPLF cabuu qaba. Ulee dugda TPLF cabsuu kan of harkaa qabu qabsoo uummata duwwaa dha.
Dr. Abiyi Prime Minister tahee filamuu isaaf gadda hin qabu. Garuu baasii dhiiga ilmaan Oromoon tahuun garuu fudhatama hin qabu. An durumaa ‘Team Lemma’ jedhamee kan faarsamu kana kan hundeesse ittiin deemaa jiru shira TPLF akka tahee natti mul’ata. TPLF Qabsoo bilisummaa Uummatni Oromoo gochaa jiru addaa fi addatti dura dhaabbachuu waan dhabdeef keesaa seentee boorreessuuf waan xiyyeefatte natti fakkaata. Olola ykn propaganda TPLF gad gadhiistu baayyeen keenya wal didaan OPDO fi TPLF jidduu akka jirutti fuunee afuufaa olla. EPRDF keessa wal didaan hin jiru. Uummata keenya waliin fixan, labsii yaroo muddamaa waliin biyyaa keenya irratti labsan, ilmaan Oromoo guyyaa guyyaan waliin ajjeessa fi mana hidhaa keessatti dararaa jiru.
Uummatni Oromoo qabsoo Abbaa Biyyummaaf godhu itti mudduu malee filmaata biraa hin qabu. Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan dagachuu hin qabne dhumaatii guddaan kan dhufuu deemu Haayile Mariyaam Dasaalenyi caalaa Dr.Abiyi gaafa prime minister tahu dha. Dr. Abiyi TPLF irraas tahe EPRDF irraa ammantii argachuuf ilmaan bareechee fixxuu qaba. Impaayeera Itoophiyaa humnaan tokko gochuuf qabsoon bilisummaa ilmaan Oromoo waggaa afurtamaa ol utuu wal irraa hin citiin dhiiga itti lolaasanii fi lolaasaa jiran bakka jirutti dhaabbachuu qaba. Hida garbummaa jabeesse gad hordoofuuf caasaa OPDO kan TPLF mataa irratti baatee jiraatu jabeessee diriirsuuf deemaa jira.
Oromonni tokko tokko Dr. Abiyi Prime Minister tahee filamuun waan qabsoo uummata Oromoof bu’aa qabu itti fakkaatee warra hudduu of dhiitaa jiru aggarra. Ergaan inni qabu EPRDF ijaaruu fi jiraachisuu malee Uummata Oromoo bilisa baasuu miti. Kan isa filate ijaarsota miseensa EPRDF tahini. Itti gaafatamni isaas seera EPRDF qabuun sagantaa EPRDF hojiin ragaasisuu dha. Yoo seera EPRDF ala bahee aangoo isaaf kaname kana irraa molquuf mirga qabu. Utuu jalaalaa fi hawwii Uummata isaa gargaaruu qabaatee illee mootummaan inni gaggeessaa jiru farra qabsoo uummata Oromoo waan taheef waan gochuu fedhu humna isaa ol taha.
Amma ammaatti kan agarruu Uummata Oromoo bilisa baasuun hafee miseensa OPDO iyyuu lubbuu olshuu akka Team Lemmaan hin dandeenye dha. Baayyeen keenya yaroo Uummatni Oromoo nagaan balleessaa tokko malee dhumu hooggantoonni OPDO siif jira jechaa turan maaliif calluma jedhanii ilaalu jennee gadina. Namni nageenya miseensosataa isaa eegsisuu hin dandeenye maal godhee nageenya uummataa eegsisa? Aangoo sobaa kana guddaa godhanii afuura dhokfatanii uummata keenya ficisiisaa jiru. Bara baraan gowwummaa keessa bahaa hin jirru. Waan warri kun gochuuf deeman waan TPLF gochaa turte irraa adda hint ahu. Itti gaaftamni Dr. Abiyi inni duraa qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo dhaamsuu dha. Qabsoo bilisummaa Oromoo dhaamsuuf immoo ABO fi QBO balleessuu qaba. Utuu humni kun lamaan jiru EPRDF akka barre uummata Oromoo dhidhiitee bituu fi qabeenya uummata Ormoo akka barbaade saamuu hin danda’u. Ijaarsa kana lamaan balleessuuf jecha lubbuu ilmaan Oromoo meeqaa akka baduu fi Uummatni Oromoo ammam akka dararamuuf deemu nutti haa mul’atu.
Qabsoo Fincila Xumura Garbummaa yoo itti muddine prime ministeerumaan Dr. Abiyis akkuma Haayile Mariyam Dasaalenyen dhibamee ni darbama. Mootummaan EPRDFis dhiiga uummata keenyaa dhuguu irraa ni dhaabbata. Uummatni Oromoo amma Abbaan Biyyumaa Saba Oromoo mirkanaa’u qabsoon gochaa jirru dachaa dachaan jebeessuu qabna. Humna, beekumsa qabeenyaa fi meeshaa qabnu utuu hin qusatiin WBO fi QBO gumaachuu yaroon isa amma. Haalli qabsoo bilisummaaf kennataan har’a jiru kun yoo nu darbe garbummaa jalattti dhidhiitamaa jaarraa biraa eegna.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!