Damee Boruu irraa
Hooggantoonni OPDO bara kana namoota qara tahanii fi dammaqnisa qaban akka tahan waan mamnu natti hin fakkaatu. Waan hojii fi muxxannoon isaanii bara dheeraa warra Habashaa wajjin taheef ammantaa jabaa waan isaa irratti qaban akka tahe hojiin isaanii fi oolmaan isaanii ni agrsiisa. Yaroo qabsoon uummata Oromoo Qeerroo Bilisummaan hooggannamu Oromiyaa guutuutti fininu Obbo Lammaa Magarsaa Bulchaan Naannoo Oromiyaa ,“utuu uummata Oromoo milliyoona afurtama of duubaa qabnuu maal sodanaa” jedhee ture. Jecha haqaa onnee irraa buqa’e akka tahe naaf gala.
Akkuma inni hubate kana diinni uummata Oromoo TPLFis haqa kana hubachaa jirti. Yaroo sana keessa TPLF waan kuftee lafaa hin kaan of fakkaasuun lalaaftee OPDO aangoo fuula dura qabdee gowwomsuuf ayyaana argatee jirti. Hooggantoonni OPDO utuu aangoof gorora cobisaa jiranii TPLF of qartee of ijaartee utuu isaan haala kanaaf hin qophaan itti bobaatee jirti. Ammaaf mataa irraa gadi dhawwuu irra jalaa ol carabuudhaan hundee OPDO buqqisaa jirti. Hooggantoonni OPDO yaroo qabsoon bilisummaa Oromoo Bahaa amma Dhiihaa, Kibaa amma Kaabbaa uummata Oromoo bakka tokkotti ammatee finaanaa jiru itti makamanii qabsoo uummataa itti mudduu irraa akka qabana’uu fi akka laafu gochuu irratti hojjechaa turan.
Yaroo humni raayaa ittisa biyyaa humna Liyuu Polisii Somaalee wajjin tahee uummta Oromoo kumaatamaan ajjessee gara miliyoonaa tahu jiruu fi jireenya isaa irraa buqqisee rakkinaa saaxilee akka dararamuu godhe qoratamee akka seeraaf dhiyyaatu Obbo Lammaan dubbatee ture. Uummatni Oromoo biyyaa Itoophiyaa jedhamtu kana keessaa biyya koo jedhee yoo kan jiraatuu tahe badiin amma kana gahuu uummta irra gahe utuu oolee hin buliin qoratamee seera itti dhiyaachuu qaba ture. Garuu ajajoonni TPLF warri hammeenya hiriyaa hin qabne kana uummata Oromoo irratti rawwate qoratamanii seera itti dhiyaachuun hafee Jeneraalummaa urjii afurii yaroo badhaasaman Obbo Lammaafaa aangoo olaanaa abaluu irra aangoo xiqqaa of harkaa qabaniifuu akka wabii hin qabne hubachuu qabu turan.
Dhumaatiin uummata Oromoo Calanqoo Lamaffaa fi Dhumaatoiin Uummata Oromoo Hammarreessaa kan xiyyeefate Uummata Oromoo qofa hin ture. Hooggantota OPDO salphisuu fi akka uummatni garaa irraa kutatu gochuuf ture. Dhummatii Uummata Oromoo Calanqoo lamaffaa fi Hammerreessaa OPDO akka nama hin dhageenye caluma jedhanii bira darbuu filatan. Afaaniin sin jaaladha jechuu fi sin jaaladha jedhanii harka lamaan ammatanii dhugachuu jidduu gargarummaan jira. Hoogantonni OPDO kun Uummata Oromoo afaaniin sin jaaladha jechuu dhiisanii utuu hojiin muli’isan isaan wajjin dhaabbannee duuna Oromoon hin jenne hin jiru.
Uummata suuta jedhaa jechaa ofii iyyuu mucucaatanii of duuba deebi’uudhaan ganda TPLF seenaanii of argan. Uummanti Oromoos abdii isaan irraa qabu kutachaa deeme. Bakka tokko tokko itti warri farra Oromoo tahan hojii isaanii ilmaan Oromoo ajjeessuu fi hidhuu akkuma durii sana itti fufanii jiru. Warri saba boonnumaa qabn immoo bakka isaaniif danda’ame itti qabsoo uummata isaaniif dirmatanii qeerroo wajjin dhaabbachuu itti fufanii jiru.
Yaroo hidhamtoonni Oromoo mana hidhaa TPLF keessaa gad dhiisaaman uummatni Oromoo kumaata dhibaan bahee bakka hundatti simannaa godheef irratti abbaa biyyummaa isaa mirkanneefachuu irraa akka of duuba hin deebine addeesaa ture. Dhiibaan TPLF uummata dararuun OPDO irratti gochaa jirtuu fi hiikamuun hidhamtoota Oromoo akka OPDOn qofaa haftu gochuu TPLF yaroo hubattu tarkanfii murteessaa fudhachuuf dirqmtee jirti.
Inni duraa Haayile Mariyam Dasaleyni akka prime ministerumaa fedhii koon gadi dhiise jedhu dirquu dha. Inni lamaffaa Labsii Yaroo Muddamaa duubaan qopheexxeefatee of harkaa qabaachuu ishee ti. Murtiin LYM yaroo mana maree parlaamaaf dhiyaatu akka ragaasifamuuf malee akka irratti dubbatamee murtiin godhanii hin ture. Kaanfuu Abbaa Duulaa wacabaree yaroo isaaf gamu sobaan darbeera jechuuf kan dirqame. LYM mana maree paralaaman darbee darbuu baate TPLF akeeka kaateef bakkaan geessu malee of duuba hin jettu.
Qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo dagagaa jiru kana keessatti miseensonni OPDO saba boontota tahanii fi poolisonni Oromiyaa wajjin yoo dhaabbatan mootummaan salphaatti akka harkaa bahu beektti. Kanaafuu duulli TPLF yaroo kanaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti duwwaa akkeekatee jira warri jedhee yaadu dogongora. Ammaan kana Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi saba boontonni OPDO (keessattu warri hidhattoonni) wal qixxa adamsamaa jiru. Seenaa irraa barachuu qabna waanan jedheef, haalli kun bara ABO mootummaa cee’umsaa keessa ture wajjin wal fakkaata. ABO nagaa buusuu akka waraana isaa kaampi itti galshee waliif galame. Garuu TPLF gantee kaampii itti marsitee WBO muxxannoo bara dheeraa qabu lafa irraa dugugtee fixe. Warra qabaman bakka akka Hursoo, Dhidheessa fi Zuwwayyi itti hiite akka busaan isaan fixu goote. Kan akka Nadhii Gammadaa, Jireenyaa Addunyaa, Alemaayoo Dhugumaa w.w.f. lubbuun jiraachuuf du’uu isaanii iyyuu amma har’aa hin beeknu.
Har’as Oromoon hidhatee jiruu yoo TPLF amanee kan hidhanaa isaa hiikatuu ykn mana hidhaa seenuu kan filatu tahe ayyaanuma WBO bara mootummaa cee’uumsa sanatu isa eegata. Filmaanni jiruu : jiraachuu fi jiraachuu dhabuu dha. Namni meeshaa qabu meeshaa isaa qabatee uummata isaa wajjin dhaabbatee amma lubbuun isaa jiru of irra ittisuu qofa. Miseensonni OPDO warri waajiraa OPDO keessa tahee harka laatu harkaan funyoo akka murmatti of kaa’aa jiran hubachuu qabu. TPLF namaa gadduu fi hiluu hin beektu. Yoo dandeessan lubbuu keessan baafadhaa. Hooggantoonii OPDO warri prime minister tahuuf abjachaa jiru aangoo dhuma har’a qabaniinu akka jiraachuu hin daneenye utuu hubatanii wayyaaf.
TPLF duutee jirti jennu biyyoo lafaa akka bofaa araabdee kaati. An utuu TPLF duute naan jedhanii ammaan owwaala ishee argutti amanee fudhachuu hin danda’u. Rakkinni guddaan biraa aadaa wal fakkaatu hin qabnu. Sagaagalummaan isaaniif aadaa dha. Har’a yoo Mootummaa Ameerikaa biraa waan barbaadan dhaban Mootummaa Raashaa amatanii bulu. Warra qaanii fi safuu hin beekne kanatu uummata keenya bara baraan dhiiga dhangalasaa jira.
Uummatni Oromoo kan hubachuu qabu akka ijaarsatti OPDOn utuu jidduu uummataa Oromoo fi TPLFf baddee garii dha. Garuu TPLF warra saba boontota tahan keessaa filtee fixxi malee warra ergamtootaa fi basaastota ishee tahan immoo isa durii caalaa uummata Oromoo irratti akka fe’uuf deemtu dagachuu hin qabnu. Basaastotaa fi ergamtoota TPLF immoo uummatni keenyaa of keessa haxxaa’ee baasuu qaba. Akka deebitee caasaa hin ijaarrannee gochuun dirqama guddaa nu irra jiru. TPLF caalaa kan nu fixxuuf deemu harcaatuu OPDO kana akka tahe adda baafnee hubachuu qabna.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!