Mirgi Ummata Oromoo Guutuutti Hamma Mirkanaawu Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufa!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 7,2018 Finfinnee Oromiyaa
Amna dheeraa deemnee qabsoo fincila diddaa gabrummaa irraa gara xumura gabrummaatti dhufnee jirra,Wareegama goototi Oromoo qaqqaliin baasan bakkaan gahuuf jecha mirga abbaa biyyummaa Oromoo guutuutti kabachiisuuf diddaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo halkan tokkoof illee osoo hin dhaabbatiin ykn adda hin citiin amma galii gahutti itti fufa.
Haala yeroo ammaa kana keessatti sirni abbaa irree Wayyaanee raayyaa waraana isaa Oromiyaa guutuutti bobbaasee ummata Oromoo bakka fedhetti ajjeesaa bakka fedhettis saamaa fi hiraar daangaa hin qabneen irratti raawachaa jira. Labsii Waraanaan Oromiyaa dhiitanii bulchuu ifatti erga mirkaneeffateen as ajjeechaa fi doorsisaan ummata Oromoo Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) irraa dhaabuuf mala inni karoorfatee ka’e inni guddaan ajjeessuu dha,ummanni Oromoo du’aa fi hiraara irraa afuura osoo hin fudhatiin falmachaa du’uu fi wareega kafaluuf qophii ta’uu isaa diddaa bifa adda addaan godhuun aduunyaatti mirkaneessee jira.
Waraanaan bulchuu kana keessatti ummanni Oromoo addatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo lammiin Oromiyaa osoo ajjeefamaa jiruu, diddaa bifa hundaan godhaa jirru irraa dhaabbannee ykn duubatti deebine’ee ta’uuf hin jiru,ajjeefamaa callisuun,saamamaa fi roorrifamaa afaan qabatanii ta’uun biyya lafaa kam irra waan hin jirreef qabsoon ficila xumura gabrummaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru guutummaatti akka itti fufu Qeerroon Bilisummaa Oromoo ni mirkaneessa.
Yeroon dirree Oromiyaa dhiiga ilmaan Oromoon dhoqaawaa jirtu kanatti ummanni keenya biyyoota adda addaa irra faca’ee jiraatu akkasumas Activistooti keenya qabsicha bira humnaa fi beekuma qabaniin dhaabbachuu keessaniin isin galateeffachaa gama kaaniins ummata guyyuu du’aa jiru falmaa irraa deebisuuf waan deemaa jiru sabi Oromoo fi Qeerroon halkan tokkoof illee akka qabsoo irraa duubatti hin deebinee fi falmaa akka hin dhaabne hubachiifna.
Qabsoon amma ummati keenya itti jiru yeroo gabaabaa keessatti qaama human mootummichaa keessattis ka’ee akka qasoo ummataatti makamuuf deemu amma irraa ummata kenyaa fi deggertoota qabsoo bilisummaaf mirkaneessaa sochiin amma eegalle injifannoon akka xumuramu saba keenyaa fi biyya lafaaf mirkaneessina.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 7,2018 Finfinnee Oromiyaa

Qeerroo jabaadhaa abdiin ummata keenyaa isini
Injifannoon keenya
Pingback: ” Mirgi Ummata Oromoo Guutuutti Hamma Mirkanaawu Fincilli Xumura Gabrummaa Itti Fufa”! Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo | Obsaan Oromiyaa
Qeerroo bilisummaa oromoo abdii ummataa oromoo ..WBOn gacheer ummataa oromoot..abdii kenyee yomiiyuu issin jaba dhaa jajabadhaa…horaa bulaa..Injifannoont ummataa oromtii
Ashaam…Qeerroon bilisummaa oromootii fii WBO ….akkasuma QBO jabadhuu jajabadhaa ummanii oromoo hundii issin wajjiin jiraa….gadaan Gadaa bilisummatii