Magaalaan Finfinnee Jaalattees Dirqamtees Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Irraa Qooda Fudhachuu qabdi.

Finfinneen Teessoo mootummaa abbaa irree EPRDF/TPLF kan taateefi bakka irraa qajeelfamni yakka waraanaa uummata kenyarratti rawwachuu darbaa jiru waan ta’eef Xiyyeeffannoo guddaan Magaalaa Finfinnee irratti godhamuu qaba. Finfinneen fedhiidhanis ta’ee dirqamtee Sochii Warraaqsaa FXG irraa qooda akka fudhattuufi mootummaan abbaa irree Finfinnee irra taa’ee qajeelfama dabarsuu daranuu akka muddamuufi aangoo gadi gadhiisuuf adeemsa sochii Warraaqsaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru duula gabaa lagannaa, uggura geejjibaa kaa’uu, daandii cufuufi hojii dhaabuun guyyoota torbaaf daran jabaatee itti fufa, Finfinneenis dirqamtee sochii irraa qooda ni fudhatti. Kanaafuu adeemsa armaan gadii kanaan Finfinneetti Warraaqsa jabeessuun dirqama uummata Oromoo hundaafi sabaaf sablammoota cunqurfamoo biyya keenyaa hundaati!!

1ffaa Itti fufinsaan torbee tokko guyyoota (7) oliif Karri Finfinnee Shanaan daandiileen gurguddaan Finfinneetti seensisaniifi baasaan cufamuu qabu!! Kanuma waliin walqabatee adeemsa amma jiru jabeessuun qaabenyaan Uummata keenyaa kunneen guutummaatti akka finfinnee hin seensifamne ittisuudha.

✔Midhaan Nyaataa(Xaafii,Qamadii, Garbuu, Boqqoolloo, Mishingaafi kkf,

✔Kuduraafi Muduraalee adda addaa guutummaatti dhorkachu,

✔Midhaan Zayitaa(Nuugii,Talbaa,Saliixiifi kkf)

✔ Midhaan Dheedhii( Atara,Baaqelaa, Shunburaa, Misiraafi kkf)

✔Buna , Caatii (Jimaa)fi kkf)

✔ Beeyladoota (Loon, Sagoota qalmaaf, Reetii, Hoolaa, Lukkuufi kkf)fi

✔Bu’aawwaan Beeyladoota irraa argaman kanneen akka (dhadhaa, Hanqaaquu, Aanaan, Baaduu, fi Gogaa) Oromiyaa irraa kallattii hundaan iyyuu akka magaalaa Finfinneetti hin geesinee uggura guddaa kaa’uudha!!

2ffaa Ilmaan Oromoo kallattii hundaan Sochii cimaa kan mootummaa abbaa irreefi aangawoota sirnichaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinnee irratti jabeessuun dirqamaa haala yeroo ta’uu gadi jabeessuun dhaamna!!.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s