Damee Boruun , Qabsoon Uummataa Oromoo Prime Minister Haayile Mariyam Dasaleyni yaroo of irraa darbu TPLF muddamtee Labsi Yaroo Muddamaa maqaa mana maree Miisteerotan labsite. Labsiin kun labsii sobaan godhame. Ministeerota ishee keessaa Dr. Nagarii Leenco fi Dr. Werqinee Gabayehu biyya Ameerkaa utuu jiranii deegarsa guutuu mana marree ministeerootaan darbe jedhamu hin qabu. TPLF nama Oromoo sobaan aangoo irra haa keessu malee akka namatti sagalee isaanii lakkawwuu ishee hin barbaachisu. Waan TPLF jette fudhachuu malee ofiifuu mirga namumaa hin qaban. Garuu afaan hin du’uuf uummata keenyaaf dhaabbanee jira jedhanii dubbatu.
Maqaa mana maree ministeerotaan labsiin Yaroo Muddamaa darbee jira jechuun TPLF utuu ooltee hin buliin waraana Oromiyaa guutuu keessa dhangalaattee uummata Oromoo ajjeessuu fi gooluu hojii isaa isa duraa godhattee jirti. Akka seera biyyatti itti Murtiin Mana Maree Ministeerotaa parlaamaa biyyaan yaroo gabaaba keeaatti harka sadii keessaa harka lamaan yoo darbe malee fudhatama hin qabaatu. Paralamaan biyyaa kun hattattamaan booqonnaa irraa waamamee akka waan dhimma TPLF barbaadu murteessu godhuun dirqama. Duraan dursanii bakka bu’oonni uummataa naannoo Oromoiyaa wal gahii godhan irratti akka murtii kana dabarsan dhiibaa fi doorsifni ergmtoota OPDOn isaa irraa gahu illee akka duuchaan didan dhagamee jira. Sobduu fi Hattuu guddaa kan tahe Abbaan Duulaa fi maqaa uummata Oromoon aangoof kan bololi’aa jiru Dr. Abiyi Ahamad yaroo lamaffaa wal gahii waamanii irratti tokkummaan dhaabbachuu sana diiguuf ayyaana waan argatan fakkaatu.
Waan meeqa haa xaxan malee mormii bakka bu’oota uummata naannoo Oromiyaa waan arganiif sodaa guddaan manni maree paralamaa wal gahii jalqabe. Lakkobsa gahaa akka hin argannee yaroo argu akka harka rukkutaan murtiin darbu Abbaan Duula yaada dhiyeesse manni irratti dida. Lakkobsi barbaachisu akka hin jirre yaaddoo waan qabuu tooftaa sobaan darbee jira jechuuf qophaa’e inni duraa harkatti kufe. Lakkawamuun dirqii taatanaan Abbaa Dulaa lakkobsa nyaachuuf dirqame. Warra kaan ajjeessee akkuma ofii isaa ol kaa’itti sagalee 539 keessaa kan barbaachisu 359 yoo tahu inni garuu 346n darbee jira jedhee harka rukkutuu eegale. Bakka bu’oota uummata doorsisnii fi dhiiba isaan irra jiruu dandamatanii uummata isaani wajjin dhaabbatan gootota seenaan isaan yaadatu akka tahan utuu hin hubachiisiin darbuu hin fedhu. Namni 88 diduu fi namni 7 yaada dowwachuu danda’uun qabsoon uummata keenyaa ammam akka guddatee diinaa fi fira gargar baase agrsiisa.
Abbaayyee Xahayi yaroo baayyina Uummata Oromoo tuffatu lakkobsi heergaaf duwwaa fayyada jedhe. Bitamaan Wayaanee Abaan Dulaa heergichuma iyyuu itti dhima bahuu dadhabee uummata Oromoo milliyoona 40 irratti sobaan murtii du’aa dabrse. Abbaan Duulaa Gammadaa maqaa Oromoo bardaa kana mogaafatee waaroo qaanii uffatee wajjin duu’ee owwaalamuu hin qabu. Uummatni Oromoo maqaa sobaa kanaa fi aangoo sobaa TPLF irraa tuulte irraa molquu qaba. Namni kun yaaroo darbes uummata koo waan salphatee aangoo gadhiiseen jira jedhee uummata akka gowwomsuuf yaalaa ture quba qabna. Nama jireenya isaa guutuu dhiiga ilmaan Oromoo daldalaa jiru kana Oromoo dha jedhanii fudhachuun nama rakkisa. Oromoo haa tahuu, haa dhiisuu Abbaan Duulaa seexana dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaase dhuguudhaan bokokaa jiru dha.
Dr. Abiyi Ahamad namoonni baayyeen Oromoof warra dhaabbachuu irra darbee nama Oromoo bilisa baasan keessaa tokko jedhanii warri oduu afarsaaniif turan. Gaafa dhugaan dhufee uummata Oromoo irratti Waraanni labsamu utuu miseensa mana maree parlaamaa tahee jiru achiinuu bahuu hin feene. Yoo dhaqee murtii labsiif harka baase uummata Oromootu isa jiba. Yoo dide TPLF prime ministrumaa isa dhowwatti. Uummatni Oromoo dhimma isaa yoo dhume irraa hin keewwatu amma aangoo bololi’uuf argateti. Kanaafuu diinqa keessa dhokatee aangoo sana eegachuu akka wayyuuf filate. Qaanii guddaa dha. Namoota xixxiqoo akkasii irraa uummatni Oromoo maal eegataa? Warri kun jalqabaa kaasanii warra ilmaan Oromoo ajjeessaa fi ajjeesisaa yoona gahe. Qabsoon Oromoo jabaanan maqaa Oromoon caalaa guddachuuf ayyaana ilaalchaa jiru malee uummata Oromoof hin dhaabbanne. Haalla kana jala murree sirritti hubachuu qabna.
Kana booda uummata Oromoof kan ifatti galuuf qabu OPDOn kan isaa miti. OPDOn saroota TPLF kufaatii irraa tiksu dha. Yoo kun namaa hin galu tahe akkuma jedhamu namni Oromoo gowwaa dha. Diina isaa adda baasee waan hin beekneef kan isa fixxuu fi ficcisiisu jiru OPDO tahuu hin hubatu. Uummatni Oromoo utuu miseensota OPDO warra TPLFf hojjetan of keessaa hin buqqaafne TPLFiin injifachuu hin danda’u. Warri jaalala uummata isaanii qaban OPDO keessaa bahanni uummatattii haa makaman. Uummatni warra fedhii uummataa qaban kana ofitti fudhachuu qaba. OPDOn akka ijaarsaatti meeshaa TPLF waan taateef yaroo dhugaa fi dhiphuun dhufu gama TPLF gorti. Qabsoo kana keessatti duraan dursinee OPDO uummata keenyaa fi TPLF jidduudhaa baasuu qabna. Kana irratti murtii keessa deebii hin qabne yoo fudhanne malee dhiiga ilmaan Oromoo heddutu dhangala’uuf deema.
Manni maree paaralmaa isaanii utuu labsii kana hin ragaasifnees TPLF waraana uummata keenya irratti jalqabde dhaabaa hin jirtu. Manni maree parlaamaa wal gahii godhee irratti injifannoo gugurguddoo uummatni Oromoo gonfate keessaa:
- Mootummaan kun ija biyya lafa duratti sobaan murtii kufe darbeera jedhee uummata nagaa irratti waraana labsuun of saaxiluu
- Gootonni bakka bu’oota uummata didaa agrsiisuun uummata isaanii wajjin yaroo duraaf dhaabbachuu
- Biyyi Itoophiyaa waan LYM jala jirtuuf bashananaa fi investmentiif namni dhufu ni dhaabbata.
- Mootummaa sobaan uummataa isaa goolaa fi fixaa jiruuf biyyoonni gargaarsa godhan of tuhatu
- Haalli ifatti mul’ate kun uummata keenyaaf kan gadduu fi dirmatu akka baayyatu godha.
Akkaataa tooftaan qabsoo yaroo kana tahuu qabu warra hoogannaa qabsoo kanaa tahe Qeerroo Bilismummaa Oromoo fi ABOf dhiisu wayya. Haa tahu malee yaada natti mulatu kaasuun waan badu hin qabu. Diinni meeshaa waraanaa qaba. Waan ittiin ofi irraa ittisnu yoo hin qabaannee adda keenya diina kanaaf kennenun gaaga’am guddaa qaba. Diinni kun ilmaan Oromoo lafa irraa dugugee fixxuuf of booda hin jedhu.
Qabsoon keenya inni guddaan akka uummatatti of harkaa qabnu dinagdee diinaa daaraa gochuu dha. Gabaa lagannaan akka jirutti tahee. Warra waraana diina nyaachisu, obaasuu fi gargaarsa bifa kam iyyuu godhuuf uummatni ooduu qaba. Nagaa harkaa hin fuunu, yoo dhokkubsatan hin gaafannu, yoo du’an hin awwalu, irraa hin bitnu, itti hin gurgurru. Yoo dhala Oromoo tokko kan miidhu hojjetan bareechinee of irraa deebisuu qabna.
Oromiyaa keessatti bakka waraanni Agaazii humna guddaan qubatee jiru irraa kan hafe OPDOn uummata keessa deemtee akka gibraa fi kiraa sassaabdu ayyaana kennuuf hin qabnu. OPDOn lamaffaa uummata keessa seente akka caasaa hin diriirfanne gochuu qabna. Dinagdee mootummaa kanaa hundee qabnee yoo jigisuu barbaannee uummatni waan qabu gabaa baasee gurguruu lagachuu qaba. Keessattu hoola, re’ee fi saawa gabaa irraa laguun akka foonni biyya Arabaa itti ergitee doolara hin arganne gochuu qabna.
Karaa cufuun dinagdee irratti dhiibaa guddaa qaba. Cufanii dhafanii achii baduu malee Wayaaneen ilmaan Oromoo karaa irraa deemuu hundaa ajjeessuuf jetti. Waraanni ishee biyya keenya keessa facaasaa jirtu boru waan nyaatu dhabee uummata keenya saamee nyaachuuf deema. Kanaafu uummata biratti jibamaa fi abaaramaa tahaa deema malee uummatan hin ammatamu. Mootumicha irratti gaafa amantii dhabu meeshaa isaa gurguratee harqee dhuguu eegala. Guyyaa sunis faagoo hin jiru. Amma sana garuu obsaa fi tooftaan haa qabsoofnu.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!