Kun Dargaggoo #Qalbeessaa_Mokonnon kan guyyaa har’aa magaalaa #Gimbiittiwareegamedha.Dargaggoon dhalootaan Aanaa Dongoroo yommuu tahu,dargaggoon biraa kan dhalootaan Billoo Boshee tahes wareegamee akka jiru beekameera.

Image may contain: 1 person

Bitootessa 04/2018
[SQ,#Gimbii ]
Bulchaa Godina Wallagga Lixaa Dabalatee kantiibaafi Kaabinoonni hedduun magaalaa Gimbiitii guyyaa har’aa Konkolaataa toorbaan ajjabamanii Naqamtee seenanii jiru.Qeerroon Naqamtee bakka warreen kun qubatan barbaadaa jira.Ammaaf garuu #Bete_mangistii seenu jedhamee yaadamaa jira.Hoteela nama dhuunfaa akka hinbulle Qeerroon Leeqaa Naqamtee akeekkachiisee jira.

Waraanni mootummaa wayyaanee haga yaadamuu ol guutuu Oromiyaa keessatti bobbaafamee jira.

Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamtee keessa waraanni konkolaataa hedduudhaan galgala kana buufatee jira. Gara aanota baadiyyaatti bobbaasu jedhamee yaadama. Namoonni aanaa lixa Oromiyaarraa namoota beektan bilbilaanis ta’u namuu akka quba qabaatuufi tooftaatiin akka mormii geggeessu gurra buusaa!

Daandiin Ijaajjiifi Geedoo gidduu bifa kanaan cufameera. Konkolaataadhaan karaa cufuudhaan furtuu konkolaachistootarraa sassaabanii jiru. Kun qabsoo bu’a qabeessaafi miidhaa hir’isudha!

 

1 thought on “

  1. Wayyaaneen akkuma biyyatti nuqabdee jirtu karaa biyya alaa kanallee haxxee nutti hiitee jirti. Kanaafuu @Qeerroo n bakka jirutti jajjabaachuu qaba.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s