Labsiin Muddamaa ABUT/Wayyaaneen Labsite QBO Galma Hin Hanqisu!

 Qabsoon  ittisaa fi qolatnaa gabrummaa ummatno Oromoo bara dheeraaf adeemsisaa ture yeroo sadarkaa murteessaa irra gahee jiru kanatti galma hanqisuuf labsiin buchulloota Tigreen labsame ummata Oromoo biratti dhuufuu farda guluufuu hin gahu. Ajjeechaan biyya isaa irratti ummata Oromoo irratti

raawwatamaa turame qabsoo kana daran finiinsaa akkuma asiin gahetti dhumaatiin biyya isaa irratti dhumuu uummata Oromoo walabummaa fi bilisummaa isaa gonfachiisuuf daran shaffisiisa malee duubatti akka hin deebine beekkamuu qaba.

Paarlamaan bakka bu’aa Wayyaanee qaanyii tokko malee dhala Oromoo shanyii balleessuuf labsiin lolaa dirre bahtti lallabame sanuu obboo Abbaa Duulaa Gammadaan labsamuun xiiqii dhuma hin qabne keessa kan Oromoo galche malee kan mogolee Oromoo buusu akka hin taane ifaadha. Dhaabni intalisheen maqaa Oromoon Wayyaaneen dhaabbate akkuma kalee har’allee diina Oromoon masakamuun dirree bahuun qabsoo Oromoof karaan hidhatnoo malee akka hin jirre saaxil baasee jira. Warreen karaa nagayaan mootummaa waraabettii tana waliin gaaffii Oromoo ni deebifna jedhanii bara dheeraaf carraaqaa turanii fi dhihoo kana jijjirama siyaasaa biyya tana keessatti hafuura baafachaa jiru kanatti dhimma bahuuf akka banjii badheessaatti dayya’anii lafaa yaa’anittis karaa cufee jira.

Gowwaan dhiibee bakka ofii oolu nama geessa akkuma jedhamu sarara dhaaba OPDOn yeroo dhihoo diriire irra gugatanii biyyatti galuuf paartiileen biyyoota alaa kana irraa miiltoo isaanii biyya naqatan har’a baqaan biyyaa bahaa jiru. Mootummaa humna waraanaan dhaabbattee humna waraanaan biyyattti bulchaa turte itti fuftee humnuma sanaan bulchuuf murattee kaate irraa bu’aan asii achi eegamu akka hin jirre kan ifa baase paarlamaan isiidhaan qamashame beekkumsa labsii isiif kennuudha.

Mootummaa humna malee hin dhagahu jedhee gurra duuchatee fi dhara malee dhugaa arguu hin danda’u jedhee ija dunuunfate irraa gaarummaan eeggamu akka hin jirre sabaa fi sab-lamootni biyyattii addatti ummatni Oromoo jala muree beekee jira. Falaa fi malli filmaata biraa hin qabne qabsoo hidhatnoo qofa jedhee iyya ABOn iyyaa bahe har’a hawaasni addunyaa warri adda durummaadhaan mootummattii jaamtuu tana haa hundaan gargaaraa turanis bira gahanii jiru. Afaan, irree, yaadaa fi humna tokkoon mootummaa nama nyaataa kana kuffisuu irratti walii galuun duula bal’aa adda hin dhaabbatne ifatti labsanii Wayaanee irratti geeggesuu qofa kan furmaata waaraa fiduu danda’u.

Namootni har’allee diinummaan wayyaanee itti hin mul’atin yoo jiraatan hamma dhumaattuu akkuma jaamanitti warra hafan akka ta’an beekuun barbaachisaadha. Warra garaaf bulan amrii isaanii keessaa bhuu hin dandeenye, jedhanii jechiisiisan miseensota dhaabbota wayyaaneen miciqamanii gaaguraman irraa asii achi bu’aan eeggamu dhumaatii fi dararaa duwwaa akka ta’e dhalli biyyattii hin hubatin hin jiran. Keessumaa dhalli Oromoo xiqqaa hamma guddaatti diinummaa wayyaanee sirritti adda baafachuu danda’uun bu’aa guddaadha. Kadaan biyya keenya irratti alagaa kadhatee waliin jiraatu asiia chi Oromoo biratti hin hafne.

Qaamotni har’allee yeroo ummata Oromoo irratti labsiin shanyi duguuggaaifaan itti lallabame kana keessatti cinaa gaggalan yoo jiraatan firummaan dhala Oromoo waliin qaban dhumatee jira. Ummata mootummaa nama nyaataa kana biyyattii irraa kuffisuuf qabsoo adda hin citne irratti godhaa ture kana bira dhaabbachuun wayyaanetti xumura gochuu irratti qaamni hin hirmaatne jiruu fi jireenya boru saba kana waliin dhandhamuuf jiraattuuf gaaffi keessa galuu kee beekuu qabda.

Mootummaa dhama’aa humna waraanaa kuma dhibboota muraasaan lakkawamuun ummata miiliyoona dhibba tokkoo ol baay’atu humnaan hacuucee bulcha jedhee wixxifatu bira dhaabbachuuf qaamotni mogga moggaa jedhanillee gocha isaanii irraa of qusachuun qaroomina daangaa hin qabneedha. Oromiyaan walaboomuu fi Oromoon bilisoomuun biyyattii mootummaa abbaa irree jala jirtu tanaaf haara
galfii guddaa ta’uuf akka jiraatu mamamuu hin barbaachisu. Haqaa saba tokkoof qabsaawuun haqa saba biraa miidhuuf akka hin taane beekkamuu qaba. Dhiiraa dubartii, jaarsaa jaartii, sabaa fi sab-lammii kanaa fi sana osoo hin jetne ummattootni biyyattii tana keessatti mootummaa wayyeenee kanaan hiraarfamaa jiru cufti gamtaan ka’ee mootumaa kana qilee keessaa hin baane keessa of irraa buusuu qaba.

Daandii bu’aa ummattoota biyyattii walii galaatti nama geessu qabsoo hidhatnoo irratti fuula deeffachuudhaan dhaabbilee karaa hidhatnoo irratti ijaaramanii qabsaawaa turan bira dhaabbachuun yeroon isaa har’aa fi boru osoo hin taane amma sekondii keessa jirru kana irraa eegaluu barbaachisa. Keessumaa addatti ABO bara dheeraadhaaf mootummaa gosa takkaa tana ummattoota irraa qaarisuuf qabsaawaa ture karaa danda’ame maraan gargaaruun nagaya waaraa biyyattii tana qofa osoo hin taane gaanfa Afrikaa keessatti uumuuf murteessaa ta’uu amanuun qabsoo kana bira dhaabbachuun gaariidha.

Humni waraanaa mootummaa kufee lafa irra gangalataa jiru kana keessatti lubbuu qabuuf dhama’us dhuguma kan dhaabbateef ummata bal’aa biyyattiif yoo ta’e ummata isaa dhabuu irra murna xiqqaa kana dhabuu filatuu irra wayyaaf. Ummata dhabuu irra lafa dhabuu filachuun qaroomina. Humni ummata filate lafaa fi ummata irrattis abbaa ta’a. Kanaaf ajjeechaa dhala namaa irratti raawwatamu irraa of qusachuun lubbuu ofii jaalachuu akka ta’e beekuu barbaachisa. Du’a ofii hin feene nama biraan barbaaduun ykn jaalatuun galgala irratti balbala sana dhaabbachuu irraa akka hin oolamne gamanuma irraa hubachuu feesisa.

Bifa walii galaatiin murtiin paarlamaan wayyaanee har’a kenne qawwee malee falli biraa akka hin jirre jala butee akeekee waan dabreef dhaadatnoon ummata biyyattii bakka maratti qabsoo hidhatnoo ta’uu qofa osoo hin taane hojiidhaan lafa irratti agarsiisuun itti seenamuu qaba. Duulli godhamu humna waraanaa irratti takka jechuu qaba. Kan karaa nagayaan gorefamee deebi’u garsanii sarara dhabamaa keessaa akka bahu taasisuu, isa didee mootii kiyya malee jedhe mototuma isaa waliin mala barbaachisu itti dhahuun dirree lolaa dhaquun osoo hin taane bakkuma isaan jiranitti raawatamuu barbaachisa.

Kan samaa keessaa bu’e dachii hin hanqatu akkuma jedhame labsiin mootummaan Tigree ummata biyyattii irratti fixiinsaaf lallabe addatti ummata Oromoo duguuguuf lallabe qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf daran shafisiisa malee galma akeekkatame hin hanqisu.

Ni moona!

Qixxeessaa Lammii

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s