Qalbeessaa Dhangi’aatin
Mootumaan Wayyaanee guyyaa mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo hundeedhaan gad jabaatee hitituu eegalerraa eegaltee uummata Oromoo afanffajjeessuu fi waliin dhooftee bara bittaa bulchiinsa ishii daran fardeeffachuuf yaaliin isheen hin taasisne hin jiru.Uummata oromoo bukkeettis fudhatama argachuuf jechas shiraa fi goyomsaa wayyaaneen hin goones hin jiru.
Si’a tokko uummaticha maqaa amantiitiin daa’effattee gurmuushee daneeffachuun uummaticha gidduutti nagaa fi wal hunkuruu uumuudhaan bittaa bara saamicha ishee dheereffachuuf yaalii gooti.Karaa biraan ammoo kutaa ,gandaa fi naannoodhaan daa’effachuun uummata oromoo akka garboomsiffattee tohannoo saamichaa fi kijibaaf akka isheef tolutti nagaa uummatichaa faaluudhaan bittaa garbummaa ishee ittiin dheereffachaa jiraachaa turte.Karaa biraan ammoo uummatuma oromoo keessatti maallaqaan uummaticha walirratti ijaartee lukkee amanamaa uummaticha keessaa of jalatti bittaa maallaqaan goyoomsuudhaan ittiin uummaticha saaxilaa ,jiraachaa diinaa wayyaaneen ittiin uummata oromoo akka saaxiluuf isheef mijaa’utti leenjii maallaqaan of jalatti bittu kunneen uummaticha keessa oliif gadi naanna’anii uummaticha fakkaachuun kan dhiiga uummataa fi lafee uummatichaa caccabsanii nyaachaa jiraataniidha.Irra caalaatti lukkeeleen kunneen rakkoo uummata oromoof osoo hin jiraanne rakkoo maallaqaaf kan nagaa dhabanii fi uummatichaaf kan quuqaman of fakkeessuun iccitii uummatichaa tokko lamaan oliif gadi uummaticha keessa socho’uudhaan saaxiluun maallaqa isaanii ittiin daneeffachuun kan jiraataniidha.Gocha kanas sirni wayyaanee tooftaa inni ittiin maqaa diimokiraasii kijibaan uummaticha ittiin waliin dhahee bittaa garbummaa bara isaa uummata impaayera biyyattii irratti ittiin dheereffachaa ture keessaa adda dureen isaan kanadha(OPDO). Wayyaaneen egaa gocha diinummaa kana bara durii irraa kaasee kan inni ittiin uummata oromoo irratti fayyadamaa tureedha.Dhaloonni qubee lafaa ka’aa jiru garuu gocha hannaa fi kijiba mootummaa wayyaanee kana tolchee qorachuun bukkee waan ga’eef sirni wayyaanee dhaloota qubee balaaleffachuuf ijibaachuutti gadi taa’e.
Dhaloonni qaramee kan of ta’ee aadaa ,duudhaa fi seenaa mooraa qabsoo oromoo keessatti uummata isaa irratti raawwatamaa ture suufuudhaan qoratee sobaa fi kijiba wayyaanee adunyaatti erga mul’isuu eegalee wayyaanee naasuu fi kirkirffannaan ishee boquushee lafa ilaalchisee jira.Dhugaan dhaloota qubees sirna wayyaanee nagaa qaamaa ishee dhorkee bittaa saamichaa fi goyoomsaa ishee karaa ittiin dhaloota kana qabattu erga mala dhabdee ofumashiifuu nageenya dhorkamtee muddama keessa seentee jiraachuu eegalte.
Sirni wayyaanee kan hundeen bittaa garbummaa isaa afaan qawwee fi saamicha maallaqa uummata oromoo bilchaatee tolee kan gad dhaabbateef goyomsaa fi bittaa uummanni oromoo kaleessa tooftaalee garagaraa wayyaaneen ittiin uummaticha akka tohachuuf tolutti karaa warra seem biyyoota bakkee irraa humna qawwee fi gorsa fudhachuudhaan uummaticha ittiin gidirsaa tureedha.Gocha kijibaa fi tooftaa hannaaf tole kanammmoo dhaloonni qaramee lafaa biqilaa jiru kun kan suufee bira ga’e waan ta’eef wayyaaneen dhaloota kana karaa ittiin afanffajjeessu dhabuun diimokiraasii sobaan dhaloota kana goyomsuuf lafa dhiphisaa turee jira.Ammas tooftaa fi tarsiimoo isaa daqiiqaatii daqaaqaatti,sekoondii irraa gara sekoondiitti akka dhaloota ittiin garboomsuuf tolutti of jijjijjiiruusaarraa boodatti deebi’ee hin beeku.Tooftaan abbaa irrummaa isaa fi aangoon saamicha isaas erga dhaloota kanaan irratti baramerraa kaasee takkaa boqonnaa sammuus argachuu dhabuurraan dhaloota kana humna qawween bulchuufis yaalii wayyaaneen hin goone hin jiru. Tooftaa isaa bulee ka’ee jijjijjiruun dhaloota qubee goyoomsuuf ijibaachuusaas yoomiyyuu taanaan wayyaaneen hin dhaabneem.Sirni wayyaanee Garuu yaalii jabaa kan uummata oromoo ittiin lafarraa fixuuf gochaa ture keessatti hagam irra aanee beekaa jennee yoo wal gaafanne kun soba dhugaa irraa fagaateedha.Shiftummaan mootummaa abbaa irree wayyaanee kan inni ittiin beekamu keessaa arraba kukkuuluun akka waan uummata oromoof dhugaan of dhiphisaa jiruutti of dhaadhessuun beekama.Garuu uummata oromoof saboota cunqurfamoof guyyaa tokkollee oolmaa gaarii oolee hin beeku.Keessumaa Wayyaaneen osoo kan uummata oromoof gaddu ta’ee gaaffii dhugaan saboonni cunqurfamoo karaa nagaan gaafachaa jiraniif deebii quubsaa fi karaa seera qabeessaan gaaffii uummatichaa deebisa ture.Akkasumas osoo dhugaan kan uummata oromoof gaddu ta,ee hidhamtoota oromoo akkasumas beektota oromoo qaqqaalii mana hiraarsaa sirnichaa keessatti ol guuree badii tokko malee hin dararu ture.Addattimmoo mootummaa wayyaanee kan abbaa irrummaa isaa fi saamichaan biyya bulchaa jiraachuun isaa kan adda taasisu beektota oromoo hayyoota qaqqaalii #Dabbasaa_Guyyoo,fi artistootaaf qabsaa’ota qaqqaalii #Nadhii_Gammadaa, #Jireenyaa_Ayyaanaa faa badii tokko malee dhabama gochuun hojii falfalaa Budummaan wal fakkaatu irratti dalaguun as buutee isaanii awwaalee jira.
Dhaloonni kun ammoo kan gocha wayyaanee kana soqee saaxilee fi kan hundee jireenya ishee balleessuuf muratee boodatti hin deebineedha.Gootowwan qeerroon dhaloonni qubees Tooftaa fi kijiba diimokiraasii wayyaaneen ittiin uummaticha waliin dhahuun bittaa garbummaa ishee dheereffachaa turtes dhaloonni of ta’ee aadaa,seenaa fi duudhaa hawwaasichaa qoratee erga hubatees gocha diinummaa wayyaaneen kanaan dura uummata oromoo irratti raawwachaa turte saaxiluudhaan addunyaaf beeksisee nagaa fi tasgabbii kan dhorke waan ta’eef sirni nama nyaattuu wayyaanees gaaffii haqaa dhaloonni kun kaasaa jiraniif gara dabarsuudhaan haqaaquuf dirqamtee jirti.
Sirni nama nyaattuu wayyaanees dhaloonni qubee saamichaa fi kijiba ishee kana akka irratti baree saaxile waan hubatteef tooftaa fi tarsiimoo saamicha ishee karaa ittiin uummaticha kurkursitu bultee kaatee haa jijjiirtuyyuu dhaloota kana irra aanuu hin dandeenye.Nagaa fi tasgabbii kan durii caalaatti dhorkamuun muddama hamaa keessa seenuudhaan ofumasheen deebistee uummatichaa fi dhaloota qubee kana sossobuuf jala deemuuf filannoo daangaa hin qabne godhattee achii as baatee jirti.Caalmaattimmoo yeroo ammaa jala deemtonnii fi bitamtoonni sirna wayyaaneef dhadhaabbata ta’uun dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasaa fi dhangalaasisaa turan diddaa jabaa kan walirraa hin cinne uummanni oromoo taasisaa jiruun rifaatuu hamaa keessa seenuudhaan uummata oromoo maqaa “haaromsa gadi fagoo hundeessinee turre keessatti fayyadamaa kan ta’e uummata oromooti” jechuun dhaadachuutti jiru.Sobni yoomuu dhugaa ta’ee hin beeku.Keessattu ergamtoonni OPDO f amanamoo ta,an kanneen akka lammaa magarsaa fi Addisuu araggaa holola kijibaa fi fakkeessii misoomaatiin uummaticha waliin hunkuruuf hidhatanii achii as ba’anii jiru.Jechi isaan ittiin uummata oromoo afanffajjeessuuf abjoochaa jiranis maqaa misooma sobaatiin arraba dhadhaa dibatanii uummata oromoo irratti bara bittaa garbummaa dabaluuf ijibaachuu irratti argamu.Uummanni oromoo kan isaaf ta’uuf hin taane tolchee beeka.Ajandaan ergamtoonni sirna wayyaanee qabatanii ittiin amma as ba’an kun keessumaa bitamtoonni OPDO akka waan uummata oromoof dhugaan dhaabbatanii of fakkeessuun uummaticha goyoomsuuf waliin dha’anii ammas uummaticha gidirsuu isaanii itti fufanii jiru.Murni OPDO kunneen yeroo ammaas maqaa misoomaa dhaadachuu malee dhimmi dhumaatii uummata oromoo itti dhaga’amaa hin jiru.Yeroo uummanni keenya daangaa isaa kaleessa dhiiga gootowwan oromoo qaqqaaliidhaan kaleessa sararame haalamuudhaan lafaa fi qabeenyaan isaa saamamaa jiru kanatti of fakkeessii misooma sobaa fi diimokiraasii kijibaan lafa dhiphisuun soba dhugaarraa fagaateedha.Uummanni oromoo yeroo ammaa rakkoo akkaan hammaataa ta’e keessa jira.Calmaattimmoo yeroo ammaa waraannii liyyuu poolisii Sumaalee kan uummata oromoof gara laafina tokko hin qabne humnaa fi aangoo murni wayyaanee kenneefitti dhimma bahuun uummata keenya daangaalee oromiyaarra jiraatan kaan miliyoonotaan ajjeesaa ,heedduu isaanimmoo kumaatama heedduudhaan lafaa fi qabeenyaa isaanii irraa booji’uudhaan biyyarraa godaansisaa jiru.Yeroo akkas uummanni oromoo lubbuudhaan dhumaa jiru kanatti maqaa misoomaatiin murni OPDOf amanamoo taa’an kijiba isaanii afuufaa oolu.Caalmmaattimmoo shammarran oromoo heedduun isaanii akka waraana poolisii somaaleedhaan gudeedamaa turan uummannii fi kanneen ijaan argaa jiran raga ba’u. waraana Liyyuu Ayiliitiin shammarran oromoo kumaatamaan lakka’aman waraana poolisii somaaleen kan gudeedamanii fi heedduun isaaniimmoo fedhiisaanii malee butamuun achi buuteen isaanii dhabamaa ture.Kun kanumaan osoo jiruu ilmaan oromoo haala akkaan nama rifaasisuun ajjeefamaa fi mana hidhaa sirna wayyaaneetti guuramuun kan durii caalaattiyyuu hammaatee jira.Mootummaan naannoo oromiyaa miidhaa uummata oromoof kan quuqamaa jiru of fakkeessee kan inni harka lafa jalaan uummata oromoo miidhaa jirutummoo caala. Egaa gochoonni diinummaa akkasii osoo uummanni oromoo filannoo hin godhatin dirqiin irratti raawwtamaa turan. Amallee kan durii caalaatti itti fufee jira.
Walumaa galatti Murni wayyaanee kun kan maqaaf biyyan bulcha jechuun uummata oromootti gurra duuchu hidhamtoota oromomoo karaa tokkoon mana hidhaatti dararaa karaa tokkoon maqaa of fakkeessii misoomaatiin uummata oromootti of kuuluuf kijibuuf, hidhamtooa muraasa baaseen of dhaadessuuf ijibbaata dhumaarra waan jiru fakkaata.Yeroo ammaa beektonni keenya hedduun kumoota dhibbootaan mana hiraarsaa sirna wayyaanee keessatti badii tokko malee dararaa ilma namaaf hin malle kan dhandhamaa jiru.Hidhamtoonni kunneen sababa dhugaan gaaffii abbaa biyyummaa uummata isaaniif gaafataniif duwwaaf ukkaamfaman.Gaaffii mirgaa gaafachuunis yakka isaanitti ta’ee murtii fi daangaa tokko malee mana hidhaa sirna wayyaanee keessatti reebichaa fi hidhaadhaan waxalamaa jiran.Mootummaan wayyaanees kanneen hidhamaa jiraniif kanneen dararamaa jiraniifis garaa laafuun hafee ittuu uummata oromoo irratti yakka duguuggaa sanyummaa labsaa jira.Sirni wayyaanee abbaa irrummaasaa caalmaatti kan inni mirkaneessaa jiruuf gaaffii uummataa gara dabarsuun haqaaqee gara jeequmsaatti deebisuu fi uummaticha irratti aangoo qabuun dhaadachuu isaati.Kun kanumaan osoo jirus yeroo ammaa poolisoonni liyyuu haayilii kan wayyaaneedhaan hidhachiifamanii uummata oromoo daangaarra jiran fixaa jiran osoo uummanni oromoo mootummaa isaaf falmu qaba ta’ee miidhaan hangana baayyatu uummata Oromoo irra hin ga’u ture.Mootummaan wayyaanee akka uummanni oromoo dhumaa jiru tolchee beeka hundasaaf kan haala mijeessee ajajaa tureef jirus isuma.Miidhaa fi ajjeechaa daangaalee oromiyaarratti raawwatamaa jiranis ijaan argaatuma oola.Garuu uummatichaaf daqiiqaa tokkooffillee gadduu hin dandeenye.Ittuu uummaticha irratti gibira humnaa olii fe’uu fi gabaa uummatichi itti fayyadamee jiraatu qaallessuudhaan jireenya uummatichaa gara hiyyummaatti gadi harkise.Keessumaa yeroo ammaa bittaan meeshaalee suuqiirraa akka uummanni oromoo hin jiraanneef kan sababa guddaa ta’aa jiran adda durummaan mi’i suuqqiirraa minyaa’uu isaati.Kanas mootummaan wayyaanee waraana humna uummatichaa ol ta’uu karaa maallaqaatiin kan inni uummaticharratti fe’ee ittiin uummaticha garboomsaa jiruudha.Egaa yakka hamaa hangana heeddummatu osoo uummanni oromoo argaa jiruu maqaan “Guddina misoomaa, Dimokiraasii haqaa” jedhan isa kami.
Uummanni oromoo dhumaatii hamaa keessa jira.Karaa tokkoon beelaan karaa tokkoon doorsisaa fi reebicha mootummaa wayyaaneetiin waxalamaa jiraata.Biyya abbaa isaa irratti kabajamuun hafee ittuu baqataa ta’ee jiraataa jira.Abbaan biyyummaasaa kabajamuun hafee caalmaattiyyuu akka baqataatti lakka’amuudhaan biyyaa fi lafa abbaa isaarra jiraata.Mootummaan naannoo oromiyaas gocha diinummaa uummata oromoorratti yeroo ammaa karaa garaa garaattiin raawwatamaa jiru yoo kan dhugaan uummatichaaf dhaabbate ta’e daddaffiidhaan rakkoo uummatichaaf furmaata barbaaduu qaba ture.Rakkoo uummatichaaf hatattamaan socho’ee deebii kan hin laanne taanaanis biyyittiin gara fuula duraatti gara yaaddootti adeemaa jirti.Hanga rakkoon uummataa furmaata hin argannettis ofumaa offakkeessii misooma sobaatiin gurra uummatatti duuchaa ooluun uummaticha diddaaf hammeessuudha.Hanga kabajamuun mirga abbaa biyyummaa uummata oromoo hin mirkanoofnetti maqaa misoomaa fi maqaa kijiba diimokiraasiitiin of dhaadhessuun caalmaatti warraaksa biyyaalessaa uummanni oromoo yeroo ammaa taasisaa jiru ittuu akka jabeessinu kan nu taasisuudha malee hoomtuu boodattillee akka nun deebisne jechuunis qeerroon godinaalee oromiyaa dhaammachaa jiru.
Labsiin yeroo kuddamaa halaaf seera biyyattii hineegne kan nurratti labsame har’a osoo hintaane bara 1992 bara ABO shira garaagaraan dhiibanii chaartera keessaa baasanidha. Kanaaf labsiin kun kan FXG dhaabu utuu hintaane, Mootora qabsoo ta’uun kan bobaa’aa jabaa ta’ee konkolaataa qabsoo keenya oofudha. Qabsoon keenya hanga Bilisummaatti. Maqaa Dimokiraasii kijibaa nutti adeemaa jirtuun filannoo miilanaa darbuuf kan karoorfatan tasumaa bakkaaf galma hanqatuusaa ammaan himuu feena.
Horaa Bulaa
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qalbeessaa Dhangi’aatin
Guraandhala 21,2018
Fibfinnee Oromiyaa