Labsii Hattattamaa Isa Dhumaa

Damee Boruutiin.

Fincila malee Filannoon Wayyaanee Hin Buqqisu!  Qeerroo Bilisummaa 2011TPLF isa ormi ittiin  jedhu caalaa hojiin isheen yaroo akkana saaxilaa of baaftu arguun baayyee namati tola. Hidhamtoota hiiknee warra dorgomii siyaasaa barbaadaniif  goodaa siyaasa balifnee nageenya biyyaa tasgabeessuuf akka fedhii qaban dubbatanii utuu hin rawwatiin of duuba galagalanii uummata Impayeera aItopiyaa keessa jiru irratti waraana labsuun of tufachiisuu dha. Uummata keenyaaf illee haaraa miti.  Kana duraas argee jira.  Akkuma isa duraa kunis ni darba. Labsiin kuun uummata cunqursaamaa hundaa keessattuu Uummata Oromoo kan harka laachisu miti.

Jalqaba iyyuu hummni TPLF Oromiyaa garboofachuu kan ayyaana argatte meeshaa baraa amma funyaanii gahu waan hidhatee dhufeef akka tahe ifa jira. Meeshaa qabaachuu irraa darbee ijaarsota ergamuuf danda’an bixxilatee uummata gowwomsuu fi mootummaa warra dhihaa afanfajeessuun gargaarsa diploomasii fi dinagdee guddaa argachun amma har’aa jiraattte. Har’a garuu uumata Impaayera Itopiyaa keessa jiru duwwaa utuu hin taane michoonni ishee  mootumaan warra dhihaa hunduu ishee hubatee, ishee tufatee jira.  Kana bood gargaarsa  afaan bantee habuuqachaa baate hin argatu.

Yaroo kan keessa maaliif isaa waadaa uummataaf galtedhiiftee of duuba deebitee waraana labsuun barbaachisaa tahe?  Namoonni waa’ee seera biiyyaa sana beekaan labsiin kun seeraa ala akka tahe ni dubbatu. Kana maiee labsiin waraanaa kan labsamuu yoo humna alaa daangaa cabsee biyya qabachuuf dhufe ykn gaaga’amni biyya balleessu yoo argame  malee uummata mootummaa jala jiru irratti labsiin waraanaa fudhatama hin qabu. TPLF garuu guyyaa lama illee taatu buluuf waan hin goone hin jiru. Seera biyya lafaa hubachuu miti kan ofii baafte iyyuu eeguu hin dandeessu.

TPLF waraanaaf baayyee beela guddaa gabdi. Maaliif yoo jenne kan isheen qabdu meeshaa waraanaa duwwaa tahee waan jiruuf. Waraana kadhachaa jirtu kana argachuu immoo hin dandeessu. Onkara uummtee karaa dhiiga dhangalaaftuu fi uummata daraartuu shiraa xaxxuun hojii ishee isa duraa akka tahe ni beekna. Kanaafuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo, ijaarsoonni maqaa Oromoon socho’aan, warraqtonni ilmaan Oromoo fi Uummatni Oromoo bal’insatti akka akeeka ishee kana hin guunneef of eegannaa guddaan godhamuu qaba. TPLF kan buqqisee barbadeessuu qabsoo karaa nagaa Qeerroo fi Uummanti Oromoo gageessaa jiru kana akka tahe mamii xiqqoo illee hin qabu.

Siyaasaa TPLF uummatni walii gala tufatee of keessaa baasee tufee jira. Siyaasaan bara baraan of haaromsuu gurra namaa iyyuu seenaa hin jiru. Waa’een “Hidaasee fi Qidaase” uummata biratti faaruu hattuu qofa tahee jira. Guddina dinagdee TPLF faarsitu uummatni argaa hin jiru. Ummanti beelaa, deebuu, rakkinaa fi hiyyumaa kana jedhamee himuun nama rakkisu keessa akka jiru ni agarra.  Eeyyee TPLF fi gargaartonni ishee qabeenya biyyaa saamanii jireenya badhaadha keessa waan jiraniif namni hunduu akkuma isaanii qanaatee waan qabu itti fakkaata. Kana malee waan baayyee of jalataniif jireenyi isaaniif hin taanee Laga Abbayyaa itti yoo darbame dhimaa isaaii miti. Kanaafuu isaan dura biyyichi yoo bade dantaa hin qaban.

TPLF har’a of harkaa kan dhabaa jirtu michoota ishee warra aangoo irra shee baase Mootota Dhihaa duwwaa miti. Dhaabbotnii isheen bixxilatee uummata ittiin burjaajesaa turtees jalaa bahuuf wixxifachaa jira. Kanaafuu umuriin TPLF guyyaa guyyaan gabaachaa deemaa jira. Ijaarsonni Oromoo walabummaa qaban kan akka ABO fi OFC ijaarsa OPDO gara TPLF itti achii deebuu irraa of itti harkisuu qabu. Warra jalaala Uummata Oromoo qabanii fi warra uummatni isaanii cunqursaa keessaa bahuu qaba jedhanii hawwan garaaruun lubbuu TPLF ni gabaabsa. Wareegama uummatni keenya baasus ni xiqqeessa. Bakka kaleessa turan sanatti  achi of irraa ittisuun barbaachisaa natti hin fakkaatu.

OPDOn diaspora jiran Prime Minister OPDO keessaa eenyu haa tahuu irraatti yaroo mataa wal cabsan agarra. Kana duras jedheen jira. Qabsoon Uummata Oromoo prime minister buusuu fi muuduu miti. Abbaan fedhe iyyuu prime minister haa tahuu haa dhiisu Qabsoon Uummata Oromoo Abbaa Biyyummaa Oromiyyaa mirkanaafachuu dha.  Waan namni Oromoo prime minister taheef qabsoon Uummatni Oromoo dhiiga isaa itti lolaasa fi lafee isaa itti tareesaa asiin gahee hin dhaabbatu.

Haasan isaanii yaroo tokko tokko baayyee na dhiba. Fakkeenyaaf Lammaan yoo prime minister tahee lubbu TPLF fi kufatii Impaayera Itopiyaa baraaruu ni danda’a jedhanii dubbatu. Lubbuun TPLF baraaramuu qabu jechuun faallaa qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo dhaabbachuu dha. TPLF fi Uummatn Oromoo warra gumaa ti. TPLF summii bulee ka’ee uummata balleessu. Xanach uummata Gaafa Afrikaa gaaga’uuf deemuu waan taheef baduun dirqama. TPLF wajjin nagaan jiraachuun hin danda’amu. Namoonni kun Oromoo tahanii maaliif akka TPLF jiraattu akka barbaadan naaf hin galu. Uummatni Oromoo dinagdee, siyaasaa fi biyyaa isaa irratti aangoo qabaatee fedha isaan abbaa barbaade wajjiin yoo jiraatuun mirga isaa ti.

Qabeenyi isaa saamamee, haqni dhiitamee akka Impayeeri Itophiyyaa hin jignee utubaa tahee baatee dhaabbachuu hin qabu. Warri Uummata Oromoo akka Ipaayera Itophiyaa tiksu hawwaan bilisummaan Uummata Oromoo akka dursuu qabu hubachuun yaroon isaa amma.

TPLF Labsii Hattattama uummata irratti labsuu irra maaliif biyya ishee Tigray bilisoomsuu hin feenne? Akka biyyaa isaanii bilisa hin baafneef, diina jabaan marsamanii akka jiran ni argu. Uummata Ertiraa waan qabanii irraa saamanii biyyaa ari’an. Isaa irratti waraana itti bananii lubbuu kuumaata hedduun lakkawamuu galaafatan. Uummata Amaaraa fi Oromoo wajjin warra dhiigaa tahanii jiru. Namni mootummaa TPLFf nagaa hawwuu tokko naannoo isaanii waan hin jireef akka isaan hin baafnee hubatanii dhiisan. Tarii yoo gaabte dhuma irratti itti deebi’uu ni mala.Waan saamtee bolqitu waan argatteef malee kaayyoon ishee ganamaa Tigray bilisa baasuu ture.  Bara kana immoo sodaatu ishee mudate jira.

Labsiin lamaffaa kunis akka kufu beekti. Guyyaan jireenya ishees akka raawwate agarti. Kaayyoon ishee waan saamtee jirtu  karaa irraa maqfachuu fi isa hafe amma danda’an saamachuuf waan tahe fakkata. Kana booda maalitu dhufuu danda’u isa jedhu deebisuun salphaa miti. Humnaan uummata bituun raawwatee jira. Nagaan mootummaa gadhiisuuf fedhii akka hin qabne aggarra.  Murteessaan humna waraanaa ol fi gad ofaa jirtu kana  jalaa facaasuuf dandeettii qabaachuu qabna.

 

 

                                                Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

                                                Ijifannoo Uummata Oromoof!

 

 

2 thoughts on “Labsii Hattattamaa Isa Dhumaa

  1. Pingback: Gabaasaqeerroo: Labsii Hattattamaa Isa Dhumaa -Fincila malee Filannoon Wayyaanee

  2. tplf =southern nation=amhara=oromo each contribiute 45 person,if tplf &souther nation unite tey have 90 vote while amhara and oromo remains in 45 vote. therefore the prime minster ellection will be from the unity of tplf &southern nation

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s