Dambee Booruutiin
Seenaa uummata tokko keessatti wagga lama jiddutti Guyyaa Dilbata Gurraacha lama qabaachuun waan ajaa’ibaati. Ani Dhumaatii Irreechaa Haroo Arsdee booda namni Oromoo lamaffaa gurmuun ni dhuma jedhee hin yaadne. Kan argaa jirru garuu aadaa godhatee itti fuufaa jira. Dhumaatiin Calanqoo Lamaffaa utuu na dhibaa jiru kan Hammarreessaa dabalame. Yaadoon koo hin guddaan nu iyyuu dhumaatii uummata keenyaa akkuma aadaati fudhachuuf deemna. Waan tokko deebi’ee deddeebi’ee yoo mul’atee qaama namaa tahaa deema.
Duuti dhala Oromoo tokko iyyuu nu gubuu yaroo qabu dhumaatii uummata keenyaa akka laayyotti ilaaluun gara kam akka deemaa jiru hin beeku. Keessattuu Uummatni Oromoota gidiraa meeqaan ajjeechaa Abdii illee jalaa baqatee qubsuma Hammarreessaa keessatti beela, deebuu, dukkubaa fi quulaaf saaxilamaa jiru yaroo mootummaa biyyan bulcha jedhu irraa gargaarsa argachuu qabutti harka mootummatti dhumuun gadda hiriyyaa hin qabne. Nuyi warri lubbuun jirru harka lamaan mataa qabannee iyyuuf qabna. Gadda keenya dacha kan godhu rakkina irraa gara du’aati darbuu isaanitti.
Dhumaatii Calanqoof warri itti gaafatamu qoratamee seeratti akka dhiyyaatan namichi bulchaa Oromiyaa ofiin jedhu Lamaa Magrsaa ifatti dubbatee ture. Garuu warri Uummata Oromoo ajjeesseef badhaasa jeneraalumaa urjii afuriitu kennameef. Abdii Illee kan ilmaan Oromoo kumaataman fixxee fi gara miliyoonna kan tahan qe’ee isaanii irraa buqqisee rakkina dhuma hin qabne kana irraan gahaa jiruuf utuu Lamaa Magrsaa funyaan dhiibee taa’uu Dabireesiyoon badhaasa kenneef. Namni Oromoo ajjeesse waan badhaasa argatuuf waraanni Wayaanee illee bakka argetti ilmaan Oromoo ajjeessee lootii guratti godhata.
Maqaaf illee taatu Mootumaan naannoo Oromiyaa kan ofiin jettu OPDOn Uummata Oromoo Hammareessaatti dhumeef bifa kaminuu dirmachuu dhabuun kan mirkanneessuu OPDOn Oromiyaa natu bulchaa jettee dubbachuu akka hin dandeenye dha. Mootummaan biyyan bulcha jedhau dirqama nageenya uummata naannoo bulchuu eeguu qaba. OPDOn ergamtuu dha. Bakka TPLF ergite deemuu fi ooluu malee uummata Oromoof dantaa tokko hin qabdu. Warri OPDO nutti faarsaa oolan bitamtoota diinaa waan tahaniif gurra laachuuf hin qabnu. OPDO hojii ishee isaa wagaa 27 darbanii irraa kaafne beekna. OPDOn dheengada Qeerroo Bilisumaa Oromoo wajjin hin dhalanne.
Dhumaatiin uummata Oromoo kan dhaabbatu gaafa hidi garbumaa Oromiyaa keessaa buqqa’ee badee uummatni Oromoo abbaa biyyummaa isaa mirkanneefate qofa taha. Guyyaa sana arguuf garuu qormaataa fi aarsaa jabaan amma illee akka nu eeggachaa jiru hubachuu qabna. Qabsoon uummata keenyaa jabaachaa jira. Diinni keenya muddamaa fi jeequmsaa jabaa keessa galeera. Haa tahu malee shirri qabsoo bilisummaa uummatni keenyaa oofaa jiru kana dabsuuf godhamu karaa baayyee akka xaxxamaa jirus ni agarra.
Karaa danda’an hundaa nu dagachiisuu barbaadu. Gootonni Oromoo lubbuun jiraatanii gadadoo godoo hidhaa keessaa bahanii maatii fi uummata isaanitti dabalamuun waan guddaa dha. Kunis ija qabsoo keenya akka tahe dagachuu hin qabnu. Warri qabsoo kana irratti lubbuu isaanii dabrsanii uummata isaaniif aarsaa tahan immoo deebi’aa hin jiran. Gummaachi goonuuf kaayyoo isaanii bakkaan gahuu dha. Kaayyoo garbummaa dhaloota boruuf dabarsinee hin dabarru. Gidiraa fi garbummaan nu irratti haa raawwatu.
Duraan dursee Ilmaan Oromoo biyya isaanii irratti dhiitamuun, hidhamuun fi ajjeessamuun haqa isaanii uumaan qaban sarbamuu dha. Beenyaa tokko malee godoo hidhaa keessaa bahuun waan baayyee nama boonsu miti. Waan dagachuu hin qabne hundi keenya iyyuu akka mana hidhaa Impaayeera Itophiyaa keessa jiru dha. Yaroo barbaaddu, TPLF godoo hidhaa ishee kana keessaa fuula duraan nu baafte karaa duuba akka nu galshitu beekuu qabna.
Guyyaan harka keenyaan godoo hidhaa TPLF cabsinee obbolaa keenya hundaa gad gadhiifnu dhiyyaachaa jira. Guyyaa sana arguuf garuu qabsoon Fincila Xumura Garbummaa jabaatee finiinuu qabu. Itti muddaa deemna malee itti hin laafisnu. Ammaa sana garuu ilmaan Oromoo kumaatama hedduun godoo hidhaa TPLF keessa jiran hunduu haala duree tokko malee akka lakkifaman. Ilmaan Oromoo achi buuteen isaanii amma har’a dhagamee hin beekne yoo lubbuun jiraatan akka gad lakkifaman yoo du’anii jiraatan akka reenfi isaanii maatii fi uummata isaaniif laatamu gad fageessine gaafana.
Qabsson keenya gufuu tokko tokko of jalaa dadarbuu jalqabee jira. Gaafiin keenya prime minister buusu miti. Haayilee Mariyaam Dasaleenyi itti gaafatamaa mootumaa Impayeera Itopiyaa yaroo ture ergamaatu iyyuu haa tahu malee maqaa isaan hammenya uummata keenya irraa gaheef itti gaafatamuu qaba. Isa har’a godhu kana turtuu gochuu qaba ture. Balaa kana fakkaatu uummataa fi biyya keenya irraan gahaa har’a aangoon gad dhiisa jechuun itti gaafatama jalaa isaa hin oolchu. Bakka isaa bu’uuf warri eegee raasaa jiran warra OPDO uummatni Oromoo waan xuuxxee tufe natti fakkaata. Dhiigni uummata keenyaa kan dhangalaa jiru warra saba keenya salphisee, warra qaama, sammuu fi onneen ishee boojuu tahe OPDO guddisuuf miti. Qabsoon keenya akkuma Haayile Mariyaam Dasalenyi OPDO illee TPLF jalaa bilisa baasuu qaba.
OPDOn diaspora jirtuu fi warri lafa ilmaan Oromoo irratti (ground plus) mana ijaarate OPDO gargaaranii TPLF akka deebitee jabaatu gochuuf kufanii ka’anii qabsaa’aa jiru. Biyya keessatti OPDOn Qeerroo Bilisummaa dhabamsiisuuf shira meeqa gudunfaa jirti. Kana malees ayyan –ilaalatoonni warra Leencoo Lataa ammos deebi’anii qabsoo Oromoo booressuuf wixxifachaa jiru. Bu’aa fi ija qbasoo keenyaa arganne baruu keenya keessatti jabeessinee qabannee isa hafeef qabsoo hadhooftu itti haa fufnu.
Yoo qabsoon keenya Oromoo prime minister ykn president gochuun kan golabamuu tahe dhumaatii ammaan dura hin agarree fi hin dhageenyetu uummata keenya irra gahuuf deema. Kana immoo kan godhu nama Habashaa caalaa yoo nama Oromoo achi irra kaa’ani dha. Ayyan-ilaalatuun Oromoo kun Itophiyaa jaaalchuu fi amanaa TPLF tahuu isaa raga bahuuf jecha Oromoota hidhuu fi fixxuun ergaa isaa kan duraa taha. Namoota Oromoo aangootti gaggabaa jiru kana jabeessinee of irraa eeguu qabna. Kan aangootti ol baafatu TPLF waan taheef hojiin keenya Qabsoo Xumura Garbummaa jabeessinee itti mudduu dha.
Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo uummata Oromoof!