[SQ, Gurraandhala 13,2018] Sirna mootummaa Wayyaanee ykn TPLF mormiuf burjaajjii OPDO jala dhaabbachuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti FXG jabaatee guyyaa lammaffaaf itti fufee jira.
Haaluma kanan dhaadannoowwan gurguddaa bilbilaan sagalee Qeerroo Bilisummaa. Dhaqqabee jira. Akka gabaasan achirra nuuf katabanittimmoo ” Magaalaan Jimmaa yeroo ammaa kana haala yaadessaa irra jirti. Mooraa yuunibarsiitii keesaa fi mooraan alatti dhukaasa jabaatu dhagahamaa jira. Hojiif geejjibni, barumsi guutummaan guututti dhaabateera. Qeerroon Bilisummaas tarkanfii boonsaa akkasii fudhatee jira. Magaloota aanaa godina jimmaa jala jiran keessaayis sochii jabaan akka jiru dubbatamaa jira.” Jechuun Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasan,
Kana malees Guyyaa 2ffaaf Magaalaan Adaamaa Duula gabaa lagannaa fi Ugguraan geejibaa fi Dukkanaa guutumaan guututti fufee jira.Kutaan gandoota magaalaa Adaamaa Firaankoo fi Humna ibsaa dabalatee sochiin homaatuu guutumaan guututti dhaabbatee jira.Yeroo Ammaa kana Sagalee dhaadannoo Adda addaa dhageessisuurratti argama qeerroon Adaamaa.”
#QeerrooBilisummaaOromooAdaamarraa.