Agartuu Qeerroo Tibbanaa “Burjaajjii”

Biyya keessa Burjaajjiin isheen dhumaa eenyuun adeemaa jirtii? Waajjirri aadaaf Turizimii sirna Wayyaanee bakkatti eeguuf hojii akkamiirra jiruu? Dubbisaa!
Burjaajjii jechuun waan hinjirre waan hinyaadamne fakkeessuuf akkeessuu jechuu dandenya. Burjajjiin nama soba danda’uun dalagamti. Sobanii Onnee uummataa seenuu jechuudha. Burjajjiin namoota aantummaa sabaa hinqabneen dalagamaa yoona geesse. Qabsoon Oromoo dadhabdiisuuf habashaan jaarraa tokkoo oliif Burjaajjiitti fayyadame. Har’as burjaajjiitti jirama. Burjaajjiin “Ko’omsuu” waliin wal fakkaata. Hangafa ko’omsuus ta’ee hojjetama. Uummata garboonfatu tokko garboomsaan jalqaba nii Burjaajessa, itti aanee nii ko’omsa. Sana booda dhiitee buluu danda’a.

Har’a burjaajjiin uummata Oromoo irratti kallattii hedduun adeemaa jira. Waan hinraawwanne, dubbatanii, waan hojjechuuf humna hinqabne sobanii uummata gowwomsuuf yaaluun illee bara kana haalaan adeemaa jira. Qaroon Qeerroo maal arge laata Burjaajii irratti? Hordofaa!

Ji’oota muraasarraa kaana. Mootummaan naannoo Oromiyaa OPDO dhaan durfamu uummata Oromoo halagaa jalatti hanbisuuf Burjaajjii hedduu adeemsiseera. Namoota qabsoo sabaaf hidhan kanneen gara kuteenyaaf aantummaa uummataa hinqabne kanneen jiruu gaarii dhuunfaa isaanitti jiraachuuf hawwan mana hidhaa keessatti basaasaa taasisee bobbaase.
Adeemsi uummata keessaa qabsaa’aa qabanii gidirsanii dhumarra amansiifatanii baasuu waggoota 26 qabee TPLF’n ykn Dinninnatii biyyattiin adeemaa ture. Nama mana hidhaa keessaa gantuu ta’ee jaala isa ganee ragaa itti bahuun mana hidhaatii bahe of dura qabanii uummata burjaajessuun aadaa TPLF. Kun hiddisaa yeroonni cicciramu fagoo miti.

Egaan erga gantuu ija uummata dura qabuun uummata Burjaajessuu yaalanii booda, ganticha mana hidhaatii baasuun miidiyaa isaanii irratti bobbaasaa yoona gahan. Miidiyaa dhaanis akkanni yaada hawwaasaa hatuuf ykn ideology hawwaasaa jijjiiruu irratti fuulleffatu. Qabsoo keessatti xiinsammuu sabaarratti hojjetamnaan yoo gama diinaatii kan dalagame taate balaa guddoo qaqqabsiisuu malti.

Akkuma olitti xuquu yaale, yaada ykn xiinsammuu sabaa jijjiiruuf qalqalloota garaaf jecha gantummaan diina leellisan kanneen waanjiraaf jechuun maallaqaaf uummata ofiirratti hojjetaniin hojiitti seenama.
Tooruma kanaan miidiyaarraan hojiin TPLF ilmaan gantoota hojjechiifatan salphaa miti. Gantuun jalqaba qabsaa’aa taatee uummataaf hojjetti. Akka qabsoo Oromoo keessaatti gantoonni jalqaba Oromiyaa Bilisoomsuun kaayyoo ABO fudhatanii qabsootti seenu, gaafa gananii kaasanii garuu halagaatti galanii Xoophiyaa dhiiga keenya dhugduuf lafee keenya bobeeffattu suphanii Oromoo garbummaa keessa bubbulchuu ofii gamoo ijaarrachuuf konkolaataa manaa bitachuu kaayyoo taasifatu.

Kanas ta’ee sana Burjaajjiin amalaaf bifa inni mataa mataatti qabuun
bakka 3 jennee haa ilaallu.
1, Burjaajjii Ifaa
2, Burjaajjii Duumessa
3, Burjaajjii Dukkanaa

1, Burjaajjii Ifaa

Burjaajjiin kun akkuma maqaasaarraa argamutti mul’ataadha. Waan kana keessatti adeemamu soba ta’uusaa kallattiin argama. Adeemsa burjaajjii ifaa kanaan yoo baay’ate yeroo muraasa qofaaf garboonfataan itti gargaarama. Kanaan alatti uummanni itti dammaqa. Burjaajjiin kun Burjaajjii ta’uu xinnaarraa qabee hanga guddaatti namuu dafee mirkaneeffata jechuudha. Hawwaasa garbummaa jala jiruuf Burjaajjiin
ifaan kun isa jalqabaati. Hawwaasichi waa’ee burjaajjiillee utuu hindhaga’in utuu hinbarin kan dhuftudha.

Duuchaatti Burjaajjii keessa kan garboonfataan jalqaba qabatee uummatatti dhuftudha. Burjaajjii kana keesaatti qaamni garboome utuu hinbeekin of miidha. Utuu hinse’in ilmasaa halagaaf laata. Dammaqinsi burjaajjii irratti yeroo hinjirre waan ta’eef basaasaan hanga mana tokkoo tokkoo uummata garboome galuutti kan adeemudha. Fknf biyya keenya Oromiyaa keessatti waggoota darban keessa maqaa “Tokko shaneen” burjaajjiin kun fandalalaa turte.

Tokko Shanee keessatti caasaa bittaaf toluuf TPLF hanga qe’ee mana nama  maraa seentutti adeemte. Qaama hundaaf maqaadhaan hogganummaa laatte. Shan shaniin namni martuu akka wal hidhu goote. Kanammoo akka xumuruuf OPDO leenjii gahaa Tigaraayitti fudhatee hojiirra oolchaa ture. Caasaa Tokko shanee cicciruuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo hojii guddaa hojjeteera. Haa ta’uu malee Qeerroo dhumaaf illee haalichi ulfaataa ture. Dhiibbaa manaaf alaa damdamatee caasaa wayyaanee sana injifachuuf mana keessaa abbaaf haadha waliin wal dhabuurra hanga gahutti adeeme. Ta’us har’a caasaa OPDO maqaa tokko shaneen hojii basaasummaa irratti Uummata utuu hinubatin hirmaachisaa ture guutummaatti baalleesseera. Burjaajjii ta’uu irratti baree Gareen, Gooxii, Tokko Shaneen koshaa kushara kana barnadeessuu danda’e.

Burjaajjiin ifaan kun yeroo uummanni itti dammaquuf jedhutti kan eegaltedha. Sanarra aannee jirra.

2, Burjaajjii Duumessa

Gosa Burjaajjii keessaa tokko Burjaajjii Duumessa. Burjaajjiin kun gaafa inni ifaan du’u uummatatti baha. Kana keessati uummanni gartokko ariitiin akkuma isaan baasaniin kan barudha. Gartokko garuu waan haqaa se’ee fudhata. Burjaajjii kana keessatti namoota Mana hidhaa keessatti gantuu ta’anii  baa’antu barbaadama. Sabaaban isaammoo qabsoo inni hidhamaa tureef karaa kana galma geessi jedhee akka uummanni dafee fudhatuuf.

Akkuma kanaan tibba  darbe jecha namoota gogaa qabsaa’aa uffataniin akka waan ABO badeetti   Burjaajjiin Duumessi kun uummatatti dhufe.
Gama Galtuuniis kanneen maqaa OPDO haaraan sochootuun Burjaajjiin uumame akka waan Uummata Bilisoomsuuf gahaa ta’aniitti dubbatame. Keessattuu Burjaajjii kana keessatti jecha qabsaa’ota haqaa buusanii/download godhanii qayyabachuu dursa. Jecha qabsaa’otaa dubbataniis uummata harka rukuchiifachuu jechuudha. Burjaajjiin kun fagoo hingeessu. Ariitiin akkuma uummata muraasa onnee seentee qabatte gaafa jamtuu ofitti saffisiifti. Sababa isheen fagoo hingeenyeef waan dubbatamtu sanatu hojiirraa dhabama. Burjaajjiiwwan lamaan olii kun uummatatti dhufanii kufanii darbaniiru. Amma Isa dhumaarratti Burjaajjii Dukkana qabatanii dhufu.

3, Burjaajjii Dukkana

Burjaajjii jiran keessaa burjaajjiin uummataaf balaa Burjaajjii kanadha. Burjaajjii kana keessatti Garbummaa Bilisummaa fakkaattuu dhufa. Burjaajjii kanarra erga aannee booda garboonfataa, gantuuf, galtuu maratu uummata biratti saaxilamee jibbama.

Dhuma Burjaajjii Dukkaana booda Qabsaa’ota haqatu kabaja argata. Egaa Burjaajjiin kun akkuma maqaarra agarru hedduu dhokattuudha. Burjaajjii kana kan adeemsisu Hattuudha. Hattuun ammoo dukkana haguuggattee adeemti. Haguuggii ishee gaafa ilaaltu qabsaa’aa haqaa seeta. Keessattuu faajjii qabsaa’otaaf uummataaf qabatanii dhufu. Akkasumas akka waan Uummanni biyya bulchaa jiruutti kan lallabamtudha.

Agrtuun Qeerroo kanarratti Tibba kana caasaa Mootummaaf OPDO akkasuma uummata Baadiyyaa keessa adeemaa turuun waan arge qaba. Waan fuulduratti dhufaa jirtudha.

Burjaajjii Dukkanaa kana keessa OPDO shora olaanaa taphachuuf hojiitti bakka muraasaa seenanii jiru. Maali laata? akka jettan naa gala. Maqaa “Sirna Gadaa Deebifna” jedhuun hojii dhumaa TPLF qabattee jirtudha. Kanammoo waajjira OPDO’n qabduuf dhuunfattee jirtu keessaa waajjira aadaaf Turizimii Oromiyaatu hojii jalqabaa taasifatee itti adeemaa jira.

Sirna Gadaa deebifna maqaa jedhuun Jaarsolii OPDO faarsan abbaa Gadaa taasisuun uummatti bobbaasuu, dargaggoo maallaqaan sosoobaman ammo Foollee jechuun guutummaa Oromiyaa hidhuuf adeemu. Erga abbootii Gadaa jedhanii ofumaa filanii booda uummataan akka uummanni waan Gadaa isaa ganamaatti buluutti sobuuf adeemu. Kana agartuun Qeerroo kallattiin adeemees bakka walga’ii uummataaf bakkoota Gadaan deebi’aa jira jedhaman Oromiyaa keessa adeemee Oromiyaa bakka maraa ilaalaa jira.

Karoora TPLF kana fashalsuun qabsoo galmaan gahuudha. Akkamitti irra aanama? Kana kallattiin erga uummanni keenya dammaqee Gadaasaa deebisuuf walitti qabamuu jalqabee, bakka uummanni walitti qabametti uummanni ofiisaatii abbaa Gadaa akka filatu. Abbaa Gadaa naamusa qabuuf waan Oromoo haalan beeku akka filatu gochuun Burjaajjii yeroo dhumaaf dhufterra aanuu barbaachisa.
Duuchaatti waa’een Burjaajjii kana fakkaata. Burjaajjii Dukkana booda abbaa haqaa kabajama. Uummatatu dhageetti argataa adeema.

Horaa Bulaa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: