Kun eebba kitaaba “Shira” barreessaa beekamaa Yaasoo Kabbabaa Hordofaa’tiin barreeffame biyya masrii magaalaa Cairo keessatti hawaasa oromootiin taasifamaa jiruudha.
Akkuma beekamu yaasoon ammaan duras kitaabota akka siifan,dibaa,miila hin shoksine jedhamanii fi barreeffamoota adda addaa nama barreessaa turee fi hogganaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo duraaniiti.
Obbo Yaasoon guyyaa eebba kitaaba isaa kana sababeeffachuudhaan hawaasa Oromoo kibba bahaa (Baaalee) kan shira wayyaaneetiin daangaa irraa liyyu hayliin buqqaafamee yeroo ammaan tanaa beela hamtuuf saaxilameef gumaacha maallaqa biyya masrii ( jinee)1000 (kuma tokko) kan arjoomu ta’uu ibseera.
Obbo yaasoon jiruu baqaa keessatti hanga humnasaatiin tattaaffiin inni godhaa jiru guddaadha.