Gumiin Waaqeffannaa Oromoo Adunyaa, bu’uureffama waldaa Waaqefannaa Oromo Idil Adunyaa waggaa kurnaffaa kabajuuf jila guddaa, Waxabajjii 22 – 24, 2018 biyya Norwee, magaala Bergen, magaala yeroo jalqabaaf Waaqeffannaan seeraan galmeeffametti – qopheessaa jira.
Haaluma kanaan
Mariin
- Seenaa Oromoo
- Sirna Gadaa
- Irreechaa fi Ayyaanota Aadaa Oromoo
- Gubaa fi Qillee
- Dhugeeffataa fi Waaqeffannaa
Agarsiisni
- Sirna Siiqqee fi Ateetee
- Sirna Ammachiisaa fi Moggaasaa
- Agariisa meeshaa fi uffata aadaa Oromoo
- Agarsiisa kitaabota Oromoo
- Muuziqaa fi walaloon Oromoo ni dhiyaatu.
Mata dureewwan armaan olii irratti yaadaa fi barumsa akka dhiheessaniif, hayyoonni bebbeekamoon, Oromiyaa fi biyyoota adda addaa irraa afeeramanii jiru. Maqaa fi eenyummaa isaanii fuula dura bal’inaan isiniif ibsina. Namooti, Jila kana irratti waraqaa qorannoo keessan dhiheessuu barbaaddanis dhiheeffachuu akka dandeessan isin hubachiifna. Garuu dursitanii xalayaan nu beeksisuu fi sagantaa qabsiifachuu qabdan.
Kanaaf, Jila seena- qabeessa ta’ee fi barumsi guddaan irraa argamuuf jiru kana irratti hirmaachuuf yeroon akka saganteeffattan kabajaa waliin isin beeksifna.
Odeeffannoof tlf. 41283784/ ykn 99151829 quunnamuu dandeessu.
Koree qindeessituu jila GWA, 2018