Gadda Guddaa!!

Image may contain: one or more people and people standingQeerroon Oromoo jaalatamaafi Kabajamaa Sabboonaa Oromoo Dargaggoo Dajanee Dassuu Gabbisaa balaa konkolaataa akka tasaa isa mudateen kan Wareegame ta’uu Maddeen Qeerroo Mogor gadda guddaa itti dhagaahame ibsatan.
Qeerroon Oromoo Dajanee Dassuu Gabbisaa waan akkaan nama gaddisiisuufi onnee ummata Oromoo madeessudha.
Qaroo ummataa, Qeerroo kana du’aan of biraa dhabuun keenya gadda guddaa sammuufi onnee ummataa keessaa hinbaane akka tahe ummatuma isa beekutu ragaadha. Gadda, gadda caalu ture…!
Dajaneen Sabboonaa, Qabsaa’aa Qeerroo Oromoo Sochii Warraaqsa Biyyooleessa Oromiyaa FXG finiinsaa jiran keessaa nama tokko yommuu tahu, ummata Oromoo biratti kabaja, naamusaafi amala hayyummaa qabaachuun nama beekamuudha.
Dajaneen balaa konkolaataa Amajjii 10/2018 isa muudateen lubbuun isaa dabartee ummataafi kaayyoo isaa irraa gargar bahuun guyyaa kaleessaa Amajjii 11/2018 sirni awwaalchaa lafa dhaloota isaa Mogoritti bakka hiriyootnifi ummatni Oromoo heddumminaan argamanitti raawwatee jira.

Biyyoon isatti haasalphattu!
Maatiifi ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwaa, kaayyoon isaa galma nigaha!

Egaa, Seenaa jireenyaa Dajanee Dassuu Gabbisaa yeroo gabaabduutti isin biraan nigeenya!

Leave a comment