Barattooti Oromoo Mooraa Yuniversitii Amboo Waraanaa fi Poolisa Federaalaan Hiraarfamaa Jiru.

Amajjii 9/2018 Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo Waraanaa Poolisii Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii Amboo Keessa qubsiifamee jiruun hiraarfama bulan , hedduun barattootaas halkan mooraa gadhiisuun gara uummataatti baqataa akka bulaan maddeen Qeerroo magaalaa Amboo irraa ifa godhan.
Mootummaan Wayyaaned Amajjii 7/2018 ta’ee jedhee shira barattoota Oromoofi barattoota naannoo Gambellaa irraa dhufan waliin walitti buusuuf shira xaxuun walitti bu’insa uumamuutti fayyadamuun barattoota Oromoo dhiiga dhangalaasuufi hidhaatti guuruuf tattafachaa akka tureefi walitti bu’insaa uumeen guyyoota lamaan dabalatee barattoota Oromoo reebichaan hiraarsaa jiraachuun ifa ta’ee jira. Yeroo ammaa barattootni hedduun reebichaa poolisootni Federaalaa Mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa

 qubsiifamuun rawwachaa jiraniin hedduu miidhamanii waldhaansa illee dhaabuun rakkachaa jiraachuun ifa ta’eera.
Gidduu kana Komishinerri Poolisii Federaalaa kan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun beekamuufi yakka waraanaa barattoota Oromoo irraatti rawwachaa kan jiru ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraatti baaseen yakka dargaggoota Oromoo, barattoota Oromoofi uummata Oromoo irraatti rawwachaa jiraachuun saaxilameera.
Shira diinaa kana hubachuun Uummaatni Oromoo tokkummaan Ilmaan isaa Qeerroo cina dhabbaachuun gabrummatti xummura gochuun dirqama!!

Leave a comment