Magaalli Amboo akkuma aadaa ishee diddaa sirna Wayyaanee gaggeessuun manneen nagadaa hundi cufaatti oolan.

Image may contain: outdoorMuddee 22/2017 Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Sochii Warraaqsa FXG duula gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu, guggura geejjibaa kaa’uun itti fufe. Guyyaa har’a ganama irraa eegaluun daldaltootni manneen daldalaa isaanii dunkana (suuqii) cufuun, konkolaachiftootni sochii konkolaataa dhaabuun, baankiiwwaan hedduun illee qajeelfamaafi waamicha Qeerroon godhe simachuun hojii dhaabuun duula gabaa lagachuu irraa qooda fudhachuun yakkaa duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti mootummaan wayyaanee gaggeessa jiru balaaleffatan. Har’a Amboo keessaatti baankii daldala Ethiopia qofatu

 banaa ta’uu Qeerroon gabaase.
Sochii daldalaa, gabaafi geejjibaa irratti duulli gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu, ugguraa geejjibaa kaa’uu akka guutummaa biyyattiitti akka itti fufuuf qabsoo finiinsaa waan jiruuf Qeerroon Bilisummaa uummaanni keenya dursee akka qophaa’uuf dhaamsa dabarsee jiraachuun ni yaadatama. Ammas uummaatni Oromoo cufti bakka jirtan hundatti dhaamsa dabarfamee daddaffiin hojiirraa olchuun duula gabaa lagachuufi qabeenyaa ofii gabaa laguu irraa qooda akka fudhatan Qeerroon waamicha dabarsan!

Leave a comment