Guyyaa Har’aa Muddee 18/2017 Godina Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqemteefi Godina Qeellam Wallagga aanaa Hawwaa Magaalaa Gabaa Roobiitti Qeerroon Dargaggootni Oromoo, Barattootni Oromoofi Uummatni Oromoo Sochii warraaqsa
FXG jabeessuun yakka duguuggaa sanyii mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiru balaaleffachuun ilmaan Oromoo waraana agaazii wayyaaneefi waraana liyuu hayilii somaaleen wareegamaniif gaddaa guddaa itti dhagaame ibsatan. Qabsoon hanga bilisummaatti kan itti fufuu ta’uufi sodaa waraanaaf kan addaan hin citneefi daranuu kan qabsootti jabaatanii gabrummaatti xummura gochuuf onnatan ta’uu ifatti Qeerroon hubachiisera.

