Muddee 3,2017/Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Wallaggaa keessa jiran addattimmoo dhalattoonni gosaan Boorana tahan 120 ol mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa osoo hadhaa fi abban keenya dhumaa jiranii mooraa keessa teenyee barachuu hin dandeenyu jechuun mooraa yuunversiitichaa gad lakkisanii deemuuf murteessanii jiru.
Yakka diinummaa mootummaan Abbaa irree wayyaanee Karaa daangaa oromiyaarraan uummata oromoorratti raawwatamaa jirutti kan gaddan barattoonni oromoo lamummaadhaan booranaa ta’an gadda keessa darbuudhaan guutummaan guutuutti ogummaa fi beekkumsaan ilmaan Oromoo daangaa irratti waraana liyyuu poolisii sumaaleedhaan dhummaa jiran cina hiriiruufis murteeffachuu isaanii addeeffamee jira.
Barattoonni kunneen mooraa Gad lakkisnee deemna jechuu isaaniin kan gaddan guutummaan barattoota mooraa yuunversiitii wallaggaas yeroo ammaa barattoota kanneeniif gadduudhaan nutis otuu lammiin Keenya daangaarraa dhumaa jiranii hin barannu nutis is in waliin mooraa gadhiinee deemna jechuun murteeffachaa akka jiran addeeffamee jira.