Barattoonni Yuunibarsiitii Oromiyaa Hedduun Mooraa Gad Lakkisaa Jiru

[SQ,sadaasa,28,2017]
Barattoonni Yuunibarsiitii Oromiyaa dhiittaa mirga dhala namaa obsuu kan hindandeenye taasisuun, gaaffii karaa nagaa gaafataniin furmaata tokkorra gahuu dadhabuu mootummaan tuffii uummataa akka qabu isa saaxila jechuun mooraa gad lakkisuuf dirqamani.

Sabaaban mooraa gad lakkisanoif barataan guyyaa guyya

atti hidhamuu fi qe’een Oromoo saamamaa jiraachuu yoo ta’u, ka’umsa gaaffiiewan kanaaf dabalataan COC raggaasifamuu akka ta’e himama.

Haalli Oromoo fi Oromiyaa furmaata dhabiinsaan itti fuduun egeree isaanii kan yaaddesse barattoonni, falmii karaa nagaa taasisaniin qaamni rakkoo isaanii gaafatellee dhibuun ittuu akka aarse nuu gabaasaa jiru.

Haalli sochii mooraa Yuunibarsiitii ammaa guutummaatti barnootni baratamaa kan hinjirre mooraan Yuunibarsiitii dirree Waraanaa fakkeeaaanii humna Waraanaaf qunsuma taasisaniiru jedhu.

Haluma kanaan Madda

1, Walaabuu Yuunibarsiitii
2,Amboo Yuunibarsiitii
3, Jimma Yuunibarsiitii mooraan martuu
4, Wallagga Yuunibarsiitii fi kanneen kana fakkaatan diddaa sirna
Wayyaanee gad habeessuun dhageessisaa jiru.

Mootummaan nageenya biyyattii eegsisu Mootummaan Ce’umsaa namoota
nagaa hidhaman kan hiiksisuuf ardaa keenyatti kan nu dwebisu nuuf
dhaabbachuu qabaan ijoo gaaffii barattootaati

Leave a comment