Har’a ganama gaafa 13/3/2010 A.L.I mooraa yuunibarsiitii keessa humni darbatamaan seenee baratoota afur ammaaf kan maqaan isaanii adda hin baane hidhaatti galchee jira. Dhimma kana homaa namni beeku hin jiru.
Barattootni kunis eessa akka gahanii fi maalirra akka isaan gahan qaamni ibsa kenne hin jiru. Hanga barattootni hidhaman kun hiikaminnitti barumsi itti fufee akka dhabbattu Qeerroon Yuunibarsiitii Jimmaa murtee dabarseera. Kanaaf barattootni Yuunibarsiitii kanaa sagalee tokkoon walfaana ta’uun qabsoo cimaa goonee barumsa dhaabuun barattoota hidhaman kana hidhaadha haa baasnu jechuun Qeerroon waamicha tokkummaa dabarseera.
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmarraa!!!!!!!
