Odeessa dhiyoo : Oromiyaa kaassatti saamtonni kaleessa biyya saamaa turan akkuma baran se’anii kallattii garaagaraan saamuudhaaf halkanii fi guyyaa fiigaa kan jiran yoo ta’u; Eegumsa qeerroo fi hawaasa bal’aan godhamaa jiru deeggaramuun poolisoonni oromiyaas haamileedhaan hojii nageenya hawaasaa tiksuu fi kiraa sassabdota irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.Bu’uuruma kanaan daldalli seeraan alaa iddoowwan garaa garaatti saaxilamuun to’annaa jala oolaa jiru.Bifuma kanaan Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti Ganda Liilloo Saaxoo bakka addaa iddoo eegumsaa (kellaa)77 jedhamutti gaafa guyyaa 07/03/2010 kan qabame yoo ta’u guyyaa har’aa kana immoo makkalaakayaa fi humni poolisii federaalaa dirqamaan fe’amee haa bahu ykn haa gadhiifamu jechuun uummata doorsisaa jiru.sukkaarri qabame kun konkolaataa midhaan fe’u tokko guutuudha.Taalgaan konkolaatichaa 70449 dha. Yeroo ammaa kana haalli jiru sodaachisaadha.Waan irra gahame odeeffannee kan dhiyeessinu ta’a. Obsaan nu eegaa.Gadaan gadaa bilisummaati.Qabsoon itti fufa injifannoon ni dhufa.
Pingback: gabaasa-Godina Wallaggaa aanaa Buunnoo Beddellee irraa akka armaan gadiitti. – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA