Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Onkoloolessa 11,2017

Sochiin Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa ykn Fincilli Xummura Gabrummaa (FXG) Uummata Oromoo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yakka Waraanaa guyyaa har’aa ajajabmootummaan abbaa irree Wayyaaneetiin uummata Oromoo mirga isaaf falmachaa jirun Oromiyaa Arsii Lixaa Shaashamanneefi Oromiyaa Bahaa Harargee keessatti wareegamaniifi madoo ta’aniif gadda guddaatu nutti dhagaahama. Waraanni Wayyaanee ergama diinummaa Ummata Oromoo irratti rawwachaa jirtan gaafatama seeraafi seenaa jalaa bahuu hin dandeessan.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Sochii Warraaqsa biyyoolessa Oromiyaa bifa ijaarameefi qindoomina qabuun  Ebla 15 bara 2011 irraa egaluun sochii guddaa taasifamaa hanga 2014 itti iraa jalaan injifatnoon uldhisaa as gahame,bara 2014 irraa kaasee ganna sadii (3)f itti fufinsaan uummata keenya hirirsisuun falmannee falmachiisaa diina kufaatii isa xummuraa irraan kan geenyee jirru ta’uun beekamaadha. Qabsoo hadhooftuu Uummata keenya waliin ta’uun wareegama qaalii kanfaluun falmaa Bilisummaafi walabummaa biyya keenya Oromiyaaf gaggeessaa turreen Injifannoo dachaa galmeessuun diina kufaatii isa xummuraa irraan geenyee kan jirru ta’uun ifaadha. ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti ittifamanii roorrifamaa jiraataniif dammaqinsaafi waamicha qabsoo irra deddeebiin godhaa turreen mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo akka gabbatuufi tokkummaan uummata keenyaa daran akka jabaatuuf injifannoon har’a argaa jirtan kun cufti qabsoon kan argamedha. Akkuma Kabaja Ayyaana Irreecha booda walitti deebina jinnee dhaammanneetti Ayyaana Irreechaa Onkololessaa 1/2017 Bishooftuu Hora Harsadeefi Onkololeessa 8/2017 Burraayyuu Malkaa Ateeteefi bakkoota garaagaratti Kabajame irratti hojjechuun nagaan, milkiifi injifannoo boonsaan akka xummuramuuf caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi hogganni isaa irratti hojjechaa turreefi dhimma roorroo gabrummaa,yakka waraanaa biyyaa keessaafi dangaarraan uummata keenyarratti gaggeeffama jiruufi qabsoo bilisummaa Oromootti xummura gochuuf waadaafi eejjennoo keenya haaromsine furmaatni tokkichi tokkummaa uummata keenyaa jabeessuun warraaqsa FXG finiinsa jirruutti jabaachuudha jenne murtii uummata waliin dabarfanneetti tarkaanfachuun har’a Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG finiinsa kan jirruu ta’uu hubachiifna.

Diina biyya dhuunfatee jiru keessatti sochii Ficila diddaa gabrummaa tokko karaa nagaa irratti qophaawanii gaggeessuuf  icciitiifi sansaka naamusa Qeerroo Bilisummaa Oromoofi Qabsoon Bilisummaa Oromoo hordofuu qabu hordofuun irratti hojjechaa turre gara hojiitti jijjiruun Onkololessaa 10/2017 Irraa eegaluun Sochii Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG uummata Oromoo hunda kan hirmaachisa jiru bifa haarawaan Oromiyaa keessatti finiinsuu eegalee jirra. Onkololeessa 11/2017 Godinalee Oromiyaa hedduu keessatti Warraaqsi keenyi addatti jabaatee finiinuu irraan mootummaa abbaa irree wayyaanee TPLF fi ergamtoota wayyaanee rifatuu hamaa keessa buusee kan jiru ta’uun beekamaadha. Warra abbummaa qabsoofi qindeessuummaa Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa nu haaluun Warraaqsichi jalqabarra hanga hanga har’atti Abbaan Qabsoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’uufi Uummata Oromoo baldhaa gamtaan Qeerroo waliin hiriiree falmachaa jiru ta’uu diinaafis firaafis mirkaneessinee jirra. Haaluma kana sababeeffachuun Sochii Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG finiinsa jirru ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Ibsa gabaaba armaan gadii kana Uummata Oromoo hundaaf dabarsa!!

  1. Yeroon kun uummata Oromoo hundaaf yeroo kam iyyuu caalaatti yeroo murteessaa ta’uu hubachuun Uummatni Oromoo hundii biyya keessafi alaa utuu hin jedhiin bakka jirtan hundaa harka walqabachuun tokkummaan qabsoo finiinsa jirruu cina akka dhaabbattan waamicha keenya irraa eebinee haaromsina!!
  2. Waraana maqaa saboota ollaa Oromiyaa Poolisii Addaa Somalee jedhuun mootummaan Wayyaanee uummata keenya Bahaa Oromiyaa Harargee, Kibba Oromiyaa Booraanafi Kibba Bahaa Oromiyaa Baaleef

 

Gujii irraan lola nurratti gaggeessa jiruuf Lixa Oromiyaa Saboota Gumuziin hidhachiisuun lola nurratti gaggeeffamuuf aggamama jiru uummatni Oromoo cufti gamtaan hiriirree mootummaa Wayyaanee of irraa buqqisuuf Warraaqsa FXG gaggeessa jirru bakka hundatti akka jabeessitan dhaamatna!!

 

  1. Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata keenyaaf hanga kabajamutti qabsoon keenyaa itti fufa!!
  2. Hidhamtootni Siyaasaa Oromoo hundii haalduree tokko malee akka gadi lakkifamaniif qabsoofna!!
  3. Nageenyaa biyya keenyaaf, uummata Oromoofi sabaaf-Sablammoota cyunqurfamoo biyyaattiif akka ta’uuf Mootummaan Ce’umsaa ABOfi Jaarmiyaalee Sayaasaa hunda kan hirmaachise atattamaan akka hundeeffamuuf gadi jabeessinee gaafatna!!
  4. Wayita Mootummaan abbaa Irree Kufaa jiru kanatti gaaga’ama nageenya uummata keenyaarran Abbaan irree wayyaanee lola maqaa Poolisii Addaa Somaaleefi saboota ollaa dahateen rawwachaa jiru uummata keenyarraa ittisuufi kashalabboota nageenya uummata keenyaa booressuu malan Ittisuuf Poolisiin Addaa Oromiyaa walaba ta’ee atattamaan akka gadi dhaabbatu Qeerroon Bilisummaa Oromoo Komishinii Poolisii Oromiyaaf Waamicha keenya dabarsina!!
  5. Dhaabileen hawaasummaa Manni murtiifi Waajjirri Poolisii Federaalaa, Naannooofi Sadarkaa hundarratti argamtan Mootummaa abbaa irree aangoorratti tiksuurra harka keessan akka kaafattan Qeerroon bilisummaa Oromoo waamicha isiniif dhiyeessa.
  6. Yeroo amma mootummaan abbaa irree wayyaanee kufaatii isa dhumaarra jiraachuu hubachuun Saamicha qabeenyaa gurguddaa biyyatti keessa jirurratti geeggeessa akka jiru barameera kanaafuu qabeenyii kamuu Oromiyaa keessa akka hin sochoonee qabsoo keenyaan dura dhaabbatnee ni ittifna!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Xummura Gabrummaati!!

Finfinnee,Oromiyaa

Onkoloolessa 11 Bara 2017

 

1 thought on “Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Onkoloolessa 11,2017

  1. Pingback: Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Onkoloolessa 11,2017 – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA

Leave a comment