Godina Qellem Wallagaa Qeerroo Aanaa Dallee Waabaraa hundaa October 12, 2017 By Qeerroo in Oduu/News Leave a comment Baga jela Bultii Ayyaanaa Tumaa Shanan Dallee geessan. Bara dheeraaf bakka Tumaa Shanan Dallee Aanaa Dallee Waabaraa gandaa Allee Gumaatti argamu kana humna Warraa biyyaa bulchanif shiroota gargaaran nu jela baddee ture Yeeroo amma kana qabsoo ilmaa isheen bakkii Tumaa Shanan Dallee bakkatii nuuf deebii’aa jira Ayyaanaa kan Dilbata dhuftu gaaffaa kabaajun nageenyuman Ummata keenyaf qeerroon eegamuu qaba kanaaf immoo Aadaa keenya deefachuuf akkasumas kabaajuuf bakka dhaabinii biyyaa Bulchuus ta’e dhaabni siyaasaa itti leellifamuu miti kanaaf Alaabaan bakka Ayyaanaa kanatti qabatamuu Alaabaa Abbaa Gadaa qofa ta’u qaba.Yeroo amma kana Warrii deheninetti bakkoota gargaraatti shiiraa xaxa jiru akkasumas Ayyaanaa Tumaa Shanan Dallee irratti jerii Deheninetti kun shiraa Xaxa jiru Alaabaa hedduu magaalaa akka galcha jiran Odeessaa argane jira kanaaf qeerroon ofii eegannoo guddaa gochuu qaba bakka Ayyaanaa kana irratti kan qabatamu tokkicha Alaabaa Abbaa Gadaa qofa ta’u qaba Shiiraa diinni keenyii qopheessaa jiru fashaaleesuu qabana qeerroon Aanaa Dallee Waabaraa kana hubaachun namootaa hundaa Shiiiraa mootummaa Wayyaanee karaa deheninetti ishee rawwacha jiru harkatti rukkutu qabana. Aadaa keenya Sirnii Gadaa Alaabaa qaba isaa qabana Ayyaanaa tokummaa keenyaa fi Aadaa Sirna Gadaa keenya Guddifanuu nuuf haa ta’uu. IUOF Gadaan Gadaa bilisummaatti. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgkGofundmeTwitterqeerroo youtubeFacebookQeerroo Videosbo/aboWhatsAppEmailGadaawww.Ayyaantuu.orgOromiapressLike this:Like Loading... Related