Onkolooleessa 11/2017 Baha Oromiyaa G/H /Bahaa fi H/Lixaatti Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa FXG haala addaa bifa oo’aa ta’een adeemsifamee oolera. Goodina Harargee lixaa Booketti Namoonni sadii Wareeggamuun isaanii dhagahame. G/H Bahaa Faadis Aanoota Akka Miidhagaa lolaa,Mudhii lolaa fi Muluutti Ummanni gamtaadhan ka’ee Humna Weerartuu fi Goolesdituu Mootummaa waayyanee kan ta’an Liyyuu Hayilii Abdii illee fi Agaazii dhokatee daangaarran Waraana bane ofirraa qolachaa oolaniiru. LIYYUU HAYILII irraa namoota lama kan Booji’an goototni ilmaan Oromoo yeroo ammaa harka Qeerroo jiru.Lolli kuni ganama barii lafaa kan eegalee fi guyyaa guutuu itti oolee hanga halkan wal arguu hin dandeenyetti itti oolan. Kan gabaase QEERROO BILISUMMAA OROMOO onoota sanatti argamaniidha.