Humni Waraanaa Wayyaanee Sodaa Hokkora Irreecha Irratti Kaafamuu Mala Jedhuun Gara Bushoiftuutti Guuramaa Jira.

Fulbaana 29,2017/ Aadaaf duudhaa Oromoo keessaa Irreechi isa guddaaf olaanaadha. Ayyaanni Irreechaa sirna galata galfannoo Waaqaa kan lammiin marti itti wal gahu ta’uun hubatamaadha. Irreechi Bushooftuu bakka nagaa, bakka jaalalaa, bakka kadhaa amantaa Oromooti. Bu’aa ba’ii hedduu mudataa turanis jabaatee asiin gahatee ayyaana kana kabajachuuf jalabultiirratti argama.
Ayyaanni kun akka miidiiyaan biyyaa keessaaf alaa wal harkaa fuudhanii dubbataa turanitti humbi waraanaa kamuu akka achitti argamuu hindandeenye jedha. Murtiin abbootii gadaas, kan Qaamni hidhannoo hidhatu kamuu akka achitti hinargamne, bakka sana alaba

an aangaa’ota biyya bulchaniis ta’ee alaabaan Mormitootaa kamuu achitti argamuu akka hinqabne dubbataa turani. Walitti qabaan abbootii Gadaa obbo Bayyanaa Sanbatoo irra deddeebiin akka humni waraanaa bakka sanatti hinargamne ibsa abbootii gadaa uummataaf ibsaa turanii jiru. Haalli jala bultiirratti deemaa jiru garuu sanarraa addaa jechuun hirmaattonni sagantichaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof bilbilaan ibsanii jiru. Akka gabaasa bilbilaan arganneetti, “Konkolaataa 13 ummmaattoota kibbaa keessaa fe’amuun loltoonni Mootummaa hidhannoo guutuu magaalaa Bushooftuu galuu isaanii nuuf ibsaniu jiru. Isaan keessaas konkolaataan 10 ija kiyya duratti duratti kaampii magaalattii keessa qubsiifaman jedha. Hirmaataan sagantichaa akka dubbatetti hokkorri ka’uu mala yaada jedhu Wayyaanonni ofumaa uumanii uummatatti bobbaasaa jiraachuu nuuf ibsee jira.Dhimma Ayyaana Irreechaa irratti jala buunee isiniin geenya

Leave a comment