Hagayya 09,2017/ Godina Arsii Magaalota hedduu keessatti Daldaltoonni Sabaan Oromoo ta’an hundi lagannaa gabaatti makamuun manneen hojii isaanii cufanii kan jiran yoo ta’uu Daldaltoonni saba biraa hojii hojjachaa jiru.kanas yoo gaafataman mootummaati akka nuti lagannaa gabaafi hiriira Oromiyaa keessatti gaggeeffamu irratti hin hirmaanne yoo hirmaattanii argamtan qabeenyi keessan saamamee Oromiyaa keessaa buqqaatanii gara Naannoo keessaniitti harka keessan qullaa gaggeeffamtu jechuun nu doorsise jechuun dubbataa kan jiran yoo ta’uu Wanti akkasii akka isin irratti hin raawwatamne nutuu itti gaafatama fudhata kanaaf jettanii akka gara qabsoo makamtan jechuun Qeerron karaa adda addaatin dhaamsa dabarsaa fi jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo bakka adda addaa irraa walitti qabanne ni addeessu,Magaalotni Guyyaa Har’aa manneen hojii itti cufamee oole keessaa Shaashamannee, Dodola,Itayya, Dheeraa, Kofale, Adaabbaa, Shirka, Roobee Diida’aa, Saddiiqa, Darrabbaa, Nageellee Fi Baalee Gaasara Diinsho, Haroo, Dambal ta’uu maddeen keenya gabaasaa jiru.





