Waxabajjii 23/2017) Gidduugaleessa Oromıyaa Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Guyyaa Har’as Itt Fufuun Goototni Qeerroon barattootni fi Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Amboo Sochii Warraaqsaa FXG jabeessuun hidhaan, ajjeechaa fi dararaan kamuu qabsoo falmaa mirga abbaa biyyummaa keenyaaf goonu irraa hanga gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa deebii argatuutti Sochii mormii gita bittaa abbaa irree wayyaaneef qabnu irraa hin dhaabbatnu jechuun Sagalee Mormii jabaa dhageesisuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan.
Sochiidhuma kanaan konkolaataa Golden Bas jedhamu kan abbaan qabeenyuummaa isaa murnoota TPLF ilmaan Tigree ta’ee irratti Irree Qeerroo Dargaggoota Oromoo Magaalaa Ambootiin tarkaanfiin fudhatamee daaroftee jiraachuufi Waajjirri Qonnaa Wayyaanee Magaalaa Amboo keessatti argamuus Tarkaanfii Qeerroon goototni Oromoo Irratti fudhataniin kan caccabe ta’uun ıfa ta’ee jira.
Haaluma Walfakkaatuun Barruuleen Sochii Warraaqsaa jijjiirraa Qubee Afaan Oromoo irratti wayyaanee OPDOn raawwatte mormuu fi Sochii Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa FXG daran jabeessuu İtti fufinsaan Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa facaafamaa kan jiruu yoo ta’uu Addaatti İmmoo Godina Lixa Shaggar Shaggar Magaalaa Amboo, Gudaar, Geedoo, Mıdaa Qanyii, Xuuqur Incinnii, Giincii ,Jalduu, Gindabaratii, Addaa’aa Bargaa , Mogorii fi bakkoota hedduutti facaafamaa jiraachuu Qeerroon gabaasera.
Mootummaan Wayyaanee TPLF Sochii Warraaqsaa FXG İtti fufinsaan Magaalaa Amboo fi Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa keessatti finiinaa jirun muddamtee Sochii warraaqsaa kana dura dhaabbachuuf humna waraana komaandii poostii dabalataan Magaalaa Amboo fi naannooshee qubsiisaa jiraachuun Saaxilameera.
Pingback: Godina Lixa Shaggar,Magaalaa Amboo Keessatti FXG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase. – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA
Pingback: Godina Lixa Shaggar,Magaalaa Amboo Keessatti FXG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase. – oromiyaanwanofitiabbatuegata