Koreen Tumsa Qeerroo Bilisummaa Viiktooriyaa (KTQBV) marii hawaasa Oromoo magaalaa Meelboorni, Awustraaliyaa waliin gaafa Caamsaa 28/2017 gaggeeffate.
Kanatti aansuudhaan seena Qeerroo Bilisummaa Oromoo bal’inaan hirmmaattotaaf ibsameera. Ibsa seenaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti yoomi jalqabe akka hundaa’ee fi gadameessa ABO keessatti umamuun isaa ibsamee jira.
Kanatti aansuudhaan seena Qeerroo Bilisummaa Oromoo bal’inaan hirmmaattotaaf ibsameera.
Ibsa seenaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti yoomi jalqabe akka hundaa’ee fi gadameessa ABO keessatti humamuu isaa
Ibsamee jira. Itti dabaluunis sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo jalqaba haga ammaatti jiru fakkoolee fi barreeffamoota adda adaan utubanii hirmaattotaaf haalaan dhiyeessaniiru
Itti fufuudhaan mariin hirmaattota waliin taasifameera. Marii kana keessatti yaadotni ijaarsaa fi nama honnachiisan mana keessa dhiyaataniiru. Itti dabaluun sagantaa gaaffii fi deebii keessatti gaafiilee mana keess ka’aniif deebii bal’aan waltajjii irraa kannamee wal-gahichi miira wal-hubannaa fi haala miidhagaa ta’een goolabameera.
Pingback: Simbirtuu (04 06 2017) – Tartiibaa Qubee – Beekan fi Yazew – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA