Ummata Oromoo Godina Harge Baha fi Lixaarraa Buqqifamanii Idoo Gara Garaa Qubsiifamanii Rakkoo Adda Addaaf Saaxilamaniif Gadduun, Hidhii Xuuxuun Furmaata Hin Ta’u.

Baarentuu Gadaa Irraa
Abbaa irree qawween nama fixu, hidhuu fi dararu akkasumas  abbaa biyyaa afaan qabee saamu aariin keenya aangoo qabaterraa hin buusu. Isa hidhattoota abbaa irreetiin kufee fi dararameefis hidhii xuxun madaa isaa hin fayyisu, kan du’es hin galchu. Isa murna gabroonfataan saamamee beela, daaraa fi gadadoof  saaxilameefis aariin, gaddanii hidhii xuuxuun akkasuma furmaata hin ta’uuf. Deemsi akkasii eenyuyyuu rakkoo keessaayis hin baasu.  Keessumaa sirna abbaa irree akka Wayyaanee isa gateettii ummataatirratti daadee baase kana karaa nagahaatiin fala itti barbaaduun gongumaa waan hin yaadamnee dha.
Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif ummattoota impaayeera Itiyoophiya keessa jiran  keessumaa ummata Oromoorratti xiyyeeffattee yakkoota danuu dalgadeetti. Hidhaan dararaan, ajjeechaan, biyyaa godaansiisuun, kaan ammoo beelaan  adabuun hojii ishii isa ijoo fi ittiin beekamtuudha. Ummanni Oromoo akka tajaajila   bu’uura kanneen akka buufata fayyaa, daandii, ibsaa, bishanii fi kan KFF hin arganne, yoo argates akka tajaajila gahaa hin laanne hojii ofirraa baasoo hojjechaa turte. Walumaa galatti Oromoon gadadoof akka saaxilamu imaammata saamichaa  fi dabaa Oromoorratti diriisuun yakka ammana  hin jedhamne raawwachaa turte; ammas itti jirti. Ofii ammoo qabeenya qayee Oromootii hammaaraa jirtuun Tigraayiin misoomsaa, biyya industurii taasisaa jirti, kaan  hafe ammoo alatti kuufachaas jirti.
Akkuma eenyuyyuu ifatti arguu fi dhagahu jireenyi ummata Oromoo kan baadiyyaa-magaalaa, kan dur caalaa bara bittaa Wayyaanee kana kessa
gadi quucareera. Ummanni beela, daara hin beekne, beelaaf saaxilameera, dacheen isaa magariifni imaammata bulchiinsaa shiraa
wayyaaneetiin bosanni isaa ciramee, gubatee gara gammoojjiitti jijjiramaa jira. Wayyaaneen immaamata Oromoo hiyyoomsuu fi biyya
dhablee godhuu baafattee jirtuun  Oromoon jireenyi isaa golgolaaweera. Iddoo baayyetis erga  qamadii kadhaatiin  jiraachuu eegalee oolee
buleera.Ummanni kun qotatee akka hin  jiraanne, daldalee akka hin bulle walumaa galatti hojjetee akka jireenya isaa hin foyyeffanne
taasifamee beelaaf, gadadoof saaxilameera.
Har’a biyyaa Oromoo keessatti kan qonna gurguddaarratti buna homishu Wayyaanota, ykn lukkeelee isaaniti, kan alatti ergee horii
hammaarratus isaanuma wayyaanoota.Kan sangaa Oromoo daldalu, kan warqii Oromoo qotee alattii guurus akkasuma isaanuma Wayyaanotaa fi
waayiloota isaaniti. Isaan sooromaa Oromoon hiyyoomaa, daaraa jira.
Walumaa galatti qabeenyi Oromoo  inni dacheerraas, inni kuunis harka Wayyaanee galee  daangaa malee saamamaa jira, jirra.
Waggaa 10 dura  bara 1996/97 akka L.Habashaatti Ergamaan Wayyaanee miseensi OPDO, kan yeroo sanitti Pireezidaantii Naannoo Oromiyaati
Ofiin jechaa ture Junaddii Saaddoo  ajaja gooftolii saa Wayyaanootaatin maqaa  hanqina roobaa fi lafa gahaa dhabuu jedhuun
ummata Oromoo gama Harargee bahaa fi Lixaa jiru qayee fi qabeenya isaanirraa humnaan buqqisee Oromiyaa godinoota gara garaa keessa
qubsiisun ni yaadatama. Qubsiifni gaggeeffame kunis akkuma hunduu quba
qabutti iddoo baayyetti bakka jireenya namaatiif wantoonni
barbaachisan hin guunnee fi fedhii qubattootaatin ala dirqamaani.
Biyya kamuu  keessatti lammiilee iddoo tajaajilli bu’uuraa  gahaan hin
jirree fi jireenyaaf mijataa hin taanee kaasanii, akkasumas iddoo
balaa hordofsiisuu danda’urraa fuudhanii lafa jireenyaaf mijataa ta’e
heeyyama jiraattotaatin qubsiisuun  waanuma jiru. Waan haaraas miti.
Fedhii isaa taanaan Oromoon kamuus biyya isaa Oromiyaa keessa heeyyama
nama kamiituu malee fedhii isaatiin hojjechuu, jiraachuu danda’a.
Aadaan tures kanuma. Haata’uutii Kan Wayyaaneedhaan bara 199/97 ALHtti
ta’e garuu kanaan faalladha. Yakkkatu Oromoorratti dalagame. Yakki
Wayyaaneen raawwatte 1ffaa- warra qubsiiste kana hin mari’achifne.
Jiraattonni kun Qayee fi qabeenya isaanirraa ka’uufis heyyamoo hin
turre. Humnaan raawwate. Gaafiin jiraattoota kanaa yerosii “bakkuma
jirrutti akka deeggarsii ogummaa  fi teeknoloojii nuuf godhamee
hojjennee of dandeenyu nu taasisaa” kan jedhuu ture. Wayyaaneen garuu
deebiin ishiin karaa ergamticha ishii yerosii Junaddii Saaddoo fi
qondaaloota OPDOtin jiraattotaaf deebifte hidhattoota bobbaasun mana
irratti diiguun, tumaa humnaan makiinaarratti darbuun iddoo bakka
qubannaa jedhame, bosonaa fi  iddoo jireenyaaf  balaa ta’eetti
darbuudha.
Murtiin kun murtii siyaasaa, murtii shiraa fi dabaan guutame ture.
Lafti namni irra hin jirre jiraachuu malee dhala namaaf mijaa’adhaayii
kan jedhu hin qoratamne. Qorannoo ogeessaa malee ajaja Wayyaaneetiin
hojiirra oole.  Akka murtiin kun murtii dabaa fi shiraan guutame ta’e
ragaa ta’u ammoo Tigraay keessatti haala walfakkaatun yeroo san
hanqinni roobaa fi walumaa galatti ammoo dhiphinni lafaa  guddaan
tureera, ammas jira.  Haa ta’uutii Tigraayi keessatti jirattoota
humnaan buqqisanii iddoo biraa qubsiisun hin gaggeeffamne. Kan ta’e
yoo jiraate horii biyyattiirraa keessumaa ummata Oromoorraa samanii fi
biyyoota deeggarsa kennanirraa maqaa ummattotaatin dhufu walitti
qabanii gara Tigraayi geechuun hiyyeeyyii Tigraayi bakkuma jiranitti
ogeessaa fi meeshaa qonnaa  ammayyaa ramadanii jireenyi isaanii akka
foyya’uu taasisan. Isa kanaaf fakkeenyi guddaan ganda Tigraay
keessatti argamtu  ganda  “Abirahaa waa Astibahaa” jedhamuun
beekamuudha. Ganda kana horii guddaa itti dhangalaasun gammoojjirraa
gara jennataatti jijjiran jechuutu danda’ama. Kan Oromoo garuu kan
ta’e qayee fi qabeenyarraa qorannoo fi fedhii jiraattotaa malee
buqqisuudhaan bosonatti darbuudha. Tajaajilli bu’uuraa tokkolleen odoo
hin guutamin  humnaan  dhaananii haranii maqaa qubsumaatiin gatuudha.
Qubsumni kun qorannoo tokko malee ajaja Wayyaaneetiin gaggeeffamuu
qofas  osoo hin ta’in iddoon itti qubsiifaman kun baayyeen lafa
gammoojjii hoo’a guddaa qabuu fi  kan ibsaa, bishaan dhugaatii,
daandii, buufata fayyaa fi KKFF hin qabneedha. Buufanni fayyaa fi
tajaajilli bu’uuraa kunneen dhabamuun ammoo  qubattoonni kun Busaa fi
Gandiin sa’aa namni isaanii dhumeera. Kanneen  battaluma
qubsiifamanitti iddicha jibbanii iddoo duraan irraa ka’anitti
deebi’uuf tattaafatan ammoo hidhattoonni Wayyaanee  kaan dhukaasii
ajjeesaniiru, kaan mana hidhaatti guuranii dararaa turaniiru, kan
bahee karaatti hafes manni haa lakkaawu.
Akkuma hunduu beekuu fi quba qabutti iddoon haala kanaan  namoonni
fedhii fi  qorannaa gahaa malee humnaan qubsiifamanii fi balaan
gurguddaaf itti saaxilaman Godina I/A.Booraa ti. Godinni I/A.Booraa
Oromiyaa keessaa lafa akka malee magariisaa fii bokkaa guddaa argatuu
dha. Ummanni Oromoo hedduuniis magaalaa baadiyyaa godinichaa keessa
akka jiraatu beekamaadha, haa ta’uutii naannoon kun bokkaa guddaa waan
argatuuf  lafa bosonaan uffifame waan ta’eef  daggala/bosona. Bakka
hedduurra namni hin  hin jiraatu, jiraachuuf wantoonni barbaachisan
tajaajiloonni akka fayyaa, ibsaa, bishan dhugaatii qulqulluun ,
daandiin akkasumas buufanni fayyaa  iddoo hedduu hin jiru.  Keessumaa
ammoo iddoo ilmaan Oromoo godina Harargee bahaa fi lixaarraa
buqqifamanii qorannoo gahaa malee irra qubsiifaman  Cawwaaqaa fi
buunoo baddalleen kan tajaajila bu’uuraa tokkoollee hin qabne bosona,
daggala dhibee busaa fi Gandiin guutamee dha. Kanumarraa ka’uun
kanneen dirqamaan qubsiifaman kunneen guyyaadhuma duraa irraa
eegalanii mormii dhageessisaa turan.  Haa ta’uuti iyyi isaanii
waggoota 10ni oliif dhageettii dhabee kan dhume, dhumee kan hafe ammoo
kunoo ammalleen iyyachaa jira.  Iddoon kun  iddoo namni irra qubatee
hin turree fi daggala  tajaajila tokkollee keessatti argachuu hin
dandeenye ta’uu caalaayyuu midhanilleen facaafatanii iddoo
bineensaafuu waa irraa argachuu hin dandeenye ta’uu isaatiin
jiraattoonni kun mankaraaraa turan.  Iddoo kaan bishaantu ciisa.
Rakkoo hamaa hala kanaan  isaan muudachaa turee fi jiru kanaaf
qubattoonni kun iyyatanilleen gurri OPDOs ta’ee kan Wayyaanee Oromoof
duudhaadha waan ta’eef bara ergamticha Wayyaanee miseensa OPDO
Juneddii Saaddoos ta’e ergasii asii waggoota 10n darbaniif furmaata
hin arganne. Inumaawuu Wayyaanee, akkasumas ergamticha pireezidaantii
naannoo Oromiyaa gaafasii Junaddii Saaddoo fi dabballoonni OPDO amma
ammaatti jiranirraa kan gaafii  qubattoota Oromoo rakkoo  irra gahee
himataniif deebi’e fi ammas deebi’aa jiru arrabsoo dha. Arrabsoo “Isin
quuftaniit  gaafii baayyiftu, qamadii gargaarsaa waan bartaniif
hojjettanii nyaachuu hin feetan” kan jedhuu fi arrabsoo hamilee namaa
cabsu hedduu ture. Balaa kanaanis ilmaan Oromoo Harargee bahaa fi
lixaarraa  Oromiyaa iddoo gara garaa qubatan cabiinsi qaamaa-qalbii
guddaan irra gaheera, gahaas jira.
Akkuma hunduu quba qabu Ergamtoonni miseensoonni OPDO Wayyaanee
dabalatee waggoota 10n darbaniif  holola warri  Harargee bahaa fi
lixaarraa bakka akkanaa fi akkasii qubsiifaman, bakka qubatanitti
duroomanii, miliyeenera, invastara ta’aniiru jedhu gaggeessaa turan.
Kijiba hin fakkaanne odeessaa turan. Dhugaan turee fi jiru garuu
faallaa kanaa ti. Dhugaan turee fi jiru ilmaan Oromoo humnaan
reebamaa Harargee bahaa fi lixaarraa buqqifamanii  iddoo gongumaa
jireenyaaf  wantoonni barbaachisan hin guutaminitti qubsiifaman
kunneen akka  OPDO fi Wayyaaneen sobaa fi hololaa turan osoo hin taane
balaa gurguddaa qaamaa qalbiin nama cabsuuf saaxilamaniiru. Kanneen
dand’an oggasuma  dhibee fi rakkoo kana keessaa baqatanii lafa
dhaloota isaanitti akka deebi’anis beekamaadha. Warri hin dandeenyee
fi achitti hafan ammoo kunoo akkauma tibba kana dhagahaa turree fi
jirru  balaa hedduuf saaxilamanii jireenyi isaanii badee beelaa fi
daaraaf  saaxilamanii, akkasumas dhibee gara garaan miidhamanii iyyata
biraaf, akka addunyaan isaan arguuf buqqa’anii Finfinnee deemuuf
ijibbaataa turan. Warri godina  Buunoo baddallee  Qubsiifamanii rakkoo
irra gahaa turee fi jiruuf deebii dhabanii tibba kana himachuuf gara
shaggar deemaa turan kunneen Maatiin abbootii warraa 750 olii fi
walumaa galtti  buqqaatoota… kuma 3 ol Of keessaa qabu kun  rakkoolee
waggoota 10n darbaneef irra gahee furmaata itti dhaban kana iyyachuuf
miilaan imalanii Jimmaan gahanilleen  mootummaan abbaa irree
Wayyaaneen akka yakkii ishii kun jalaa hin saaxilamne magaalaa
Jimmaatti waraanaan marsitee humnaan reebaa akkuma waggaa 10n dura
goote konkolaatarra buuftee bakka irraa dhufanitti deebiste. Kun yakka
guddaa fi yakka lammataati.
Egaa  gochi yakkaa ummata keenyarratti dalagamaa jiru kun haraa ta’uu
baatulleen inni kun  ammoo caalaatti Wayyaaneen murna gara jabeettii
fi ummata Oromoo balleessuumaaf kutattee kaate ta’uu muldhisa. Murni
tun saamicha, samaicha gaggeessuuf ammoo nama hidhuu, ajjeesuu fi
biyyaa nama godaansiisuun adaa ishii ta’uun beekamaa dha. Gaafii
ummanni gaafatuuf  kan deebii ta’u karaa nagahaa rakkoo furuu ture.
Haa ta’uutii  wayyaaneen ajjeechaa fi dararaa malee  guyyaa tokkolleen
deebii sirnaa deebiftee hin beektu. Yakki ammaa kunsi tuffii ummata
Oromoof qabdu  caalaatti argisiisa. Egaa gocha akkasii sukanneessaa fi
jibbisiisaa kana ilaallee aaruu, gadduun, hidhii xuuxuun furmaata hin
ta’u
Ummanni Oromoo  rakkoo amma lammiilee keenya Harargee bahaa fi
lixaarraa buqqaaafamanii iddoo adda addaatti qubachiifamanii balaa
gara garaatiif saaxilamnii furuufis haa ta’uu akka waliigalaatti
cunqursaa fi saamicha wayyaaneedhaan nurra gahaa jiru ofirraa dhabuuf
fallii fi malli jiru qabsoo jabeeffannee murna gabroonfattuu tana
ofirraa buqqisuun bilisa of baasuu dha. Furmaanni xumuraas kanuma waan
ta’eef qabsoodhuma jabeeffachuu malee  taa’anii aaruun, gadduun hidhii
xuuxuun faayidaa hin qabu.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: