Caamsaa 7,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti OPDOn dargaggoota hojii dhabeeyyii miseensota ofii gochuuf Qalbii dargaggootaa hatuuf tattaafataa jirti.Aanichatti Kaadiree wayyaanee hojii dhabdoota jechuun baajaajota bitanii kennuufidhaan
dargaggootan baajaajiis ta’e konkolaataa hojii isiniif binnaa koottaa gurmaayaa miseensa Dhaabaa ta’aa jechuun kaabinoota gandaatin kadhatamaa jiru.
Gama biraan Godina Arsii Aanaa Siree Keessatti Wayyaaneen Miseensa Inshuraansii fayyaa maqaa jedhuun lallabaa turuu isii gabaasuun keenya ni yaadatama. Guyyaa har’aa kanallee Dilbata Ummata maqaa kanaan walitti qabanii siyaasaa isaanii bakka duritti deeffachuudhaaf Lallabataa oolanii jiru.Ummannis gaafii babbareedoo haala yeroo ammaa Oromiyaa fi Ummanni Oromoo keessa jiruun Mataa Ergamtoota wayyaanee dhukkubsaa oolee jira.


