Caamsaa 3,2017/Wayyaaneen Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata. a 3,2017/Waan hundaan Ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti Karaa Adda addaatiin dararamaa jira.Ifaadhaan,Tajaajila Geejjibaatin, Walumaa galatti Tajaajilli hawaasaa waan haloo bayuudhaaf raawwatamaa jiru fakkaata.Bifuma kanaan Godina Arsii Magaalaa Siree keessatti Ummanni Bishaan dhugaatii dhabuun haroo fi Laga loon wajjiin dhugaa jira,Bishaan Boombaa Torbaanitti guyyaa tokko dhufa.guyyaa inni dhufes Ummanni ganama bariisaa bahee hiriira dhaabbataa oolee galgala gala.
Kana biraan Ummatarraa hojii misoomaa jedhanii karaa adda addaatin maallaqa Ummataa Wayyaaneen TPLF karaa ergamtoota isii OPDOtiin saamaa jirti.

